Iraan: Iraanitti osoo gaa'ela hin ijaarratiin daa'ima godhachuufi rakkoo inni hordofsiisu

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Sarbas Nazari
- Gahee, BBC News
"Daa'ima keenya garaa na jiru ofurraa baasuun dirqama natti ta'e. Murteen kun guutummaa jireenyakoo keessatti kan na mudate keessaa isa baayyee hamaadha," jetti Mitraan.
Dubartii umuriin ishee waggaa 27 ta'e Mitraan dizaayinara yoo taatu, Tehraan keessa jaalalleeshee waliin jiraachaa jirti.
Jalalleen Mitraa, Mohsen, umuriin isaa waggaa 32 yoo ta'u, ogummaan isaa ammoo doktoradha.
Mitraa fi Mohsen seeraan gaa'ela hin godhanne garuu waliin jiraatu. Jarri kun ammatti bifa an arrangement known as a "white marriage" jedhamuun beekamuun waliin jiraachaa jiru.
"White marriage" jechuun ammoo dhiirri tokkoofi dubartiin tokko osoo wal hin fuudhiin waliin jiraachuufi saal-qunnamtii raawwachuu jechuudha.
Iraanitti akka seerawwan Islaamaatti gaa'ela dura saal-qunnamtii raawwachuun seeraan aladha.
"Mohsen fi ani rakko gara fuula duraatti nu mudatu dursinee ni hubanna garuu yeroo sanatti karoora [ulfaa'uu] hin qabnu ture," jetti Mitraan.
Jaalalleewwan kun suutumaan qalbii isanii jijjiirratanii adeema seeraa rakkisaafi walxaxaa ta'e keessa darbanii daa'ima isaanii garaa jiruuf waraqaa ragaa dhalootaa ni arganna jechuun abdachaa turan.
Carraaqqii hedduu taasisanillee garuu gara dirqamaan ulfa daa'ima isaanii ofirraa baasuutti deeman.
Seerri Sivilii Iraan Keewwanni 1167 "daa'imni ejjaan dhalate tokko kan warra ejjee sanaa hin ta'u" jechuun labsa. Kana jechuun ammoo dhirsaafi niitiin seeraan wal hin fuudhiin mirga waaliin ta'uun daa'ima isaanii guddifachuu hin qabaatan waan ta'eef haadha qofaatu maqaan ishee akka waraqaa ragaa dhaloota daa'imaa irratti ba'uuf gaafachuu danda'a.
Daa'ima ilaalchisee, aanga'ootatu galmee icciitii warraa haala akkasii kana keessatti dhalate eega - odeeffannoo gara fuula duraatti hojii argachuurraa isaan ittisuu danda'udha.
Hariiroon "White marriage" jedhamu kun hangam akka ta'e ifatti beekamuu baatus, shaakala baramaa dabalaa jiru ta'eera. Haata'u malee, gama warra leellistoota ykn aadaafi amantaa ofii cimsataniin garuu waan ceeraati jechuun ni dhiibamu.
Shaakala saal-qunnamtii gaa'ela duraa dabalaa jiru kana hir'isuu dadhabuun kan rifatan aanga'oonni yeroo ammaa daa'imman jaalalleewwan akkasii gidduutii dhalatan maal gochuu akka qaban ilaalchisee wallaansoorra jiru.
"Kan fedhes ta'u, daa'imman kunneen osoo manneen barnootaatti hin galmaa'iin dura waraqaa ragaa dhalootaa isaanii argachuudhuma qabu," jedhan Itti-aanaan Ministira Dhimmoota Dargaggootaa Mohammad Mehdii Tondiguuyan.
Burqaa oduu Ilna jedhamutti dhiyeenya kana dubbii dubbataniin, dhimma kanaaf fala kennuu dhabuun balaa guddaadha jechun akeekkachiisan aanga'aan kun.
'Abdii kutaa hin jirru'
Rakkoo daa'imman 'White marriage' jedhamu kana keessatti ulfaa'an quba qabaatanillee, beektota/aanga'oota Iraan muraasa qofatu ifatti baasee dubbata.
Iraan keessatti rakkoon dinagdeefi sirnawwan fuudhaafi heeruma dura kabajamuu qaban, dargaggoonniifi shamarran Iraan karaa seeraan barameefi gaa'ela sirna amantii hordofeen gaggeeffachuu sodaatanii dheessaa jiraachuutu himama.
Rokkoo kana furuudhaaf ammoo dargaggoonni liqaa akka argataniif carraaqqiin taasifamu ni jira, garuu gahaa miti.
"Kun waanuma akka qoricha mataa liqimsaniiti [malee waan guddaa jijjiiru hin qabu]m," jechuun ubbatti dubartiin umuriin ishee waggaa 31 ta'eefi magaalaa Hamedaan jiraattu Shinaan.
“Wa’ee kiraa manaa morma nama cabsuuwoo?” jetti wa’ee daldalaa manaa waggoota muraasa keessatti qaala’aa dhufee yemmuu dubbattu.
Shiinaan jaallallee ishee Sadeeg waliin gara waggaa kudhanii turaniiru, waliin jiraachuus ammo akka fincila anga’oota Rippaaplikaa Islaamaa irratti gaggeeffamuutti ilaalu.
“Sirna [gaa’eelaa] nurratti dirqisiifame kana hin fudhannu,” jetti. “Akkamiin waltajjirra dhabbatanii waadaa walii galuu diduun, wal qunnamtii keenya simatamaa gochuu dhabaa?”
Ga’eela dura jaalalleewwan waliin jiraachuun miidiyaalee hawaasummaa Iraan keessatti waan bayyatee mul’atudha – akkasumas loogiin ture badaa dhufuu isaaf mallattoo tokkodha.
Appii Telegiraamii irratti chaanaloonni hedduun lammileen Iraan bakka jaalallee itti argatan ta’uun tajaajilu. Chaanaliin tokko miseensota 45,000 ol qaba, isaanis jalaallee argachuuf jecha odeeffannoo isaanii ni achirratti qoodu.
Ta’us garuu, sababa mormii lellistoota amantaa Iraan keessa jiran tokko tokko irraa ka’uun, hawaasi interneetaa kun rakkoo keessa jiru.
Aangoo isaan qaban kan cime bara kanatti erga namni amantaa cimsuu Ebraahiim Raayisii pireezdaantii ta’ee filatamuu isaa booda.
Torban lama qofa dura, qamooleen interneeta to’atan “fayyinaa fi nageenya” hawaasa interneeta irratti akka xiyyeeffataniif ajaja dabarseera – kun ammo to’annoon kanarra cimu akk dhufu argasiisa.
“Abjuun keenya cabsameera”

Madda suuraa, Getty Images
Shiinaa fi Sadeegiif, dhoorkiin ammaa kun gatii guddaa isaan baasiseera.
Bara 2016tti yeroo Shinaan ulfoofte , rakkoo seeraa irra ga’uu fi rakkoo da’ima isaani qunnamu waan beekaniif, gara Jarmaniitti imaluuf viisaa gaafatani. Garuu eeyyaman hin arganne.
“Abjuun keenya cabsamee, ulfa baasuun filannoo tokkicha ta’e,” jetti Shinaan.
Iraan keessatti ulfa baasuun seeraan dhorkaadha, yoo ulfichi jireenya dubartiitti irratti rakkoo uuma ta’e ykn daa’imni garaa jiru rakkoo hir’ina qaamaa cimaa qaba yoo ta’e qofa eeyyamama.
Sababa dhorkiilee kanaan, qorichi ulfa ittiin baafamu gabaarra hin jiru, kanaaf dubartoonni hedduu wal’aansa ulfa baasuu seera qabeessa hin taane kan rakkoo uumuu danda’u barbaachuuf dirqamu.
Ogeettiin fayyaa wal’aansa ulfaa, da’uumsaa fi saala dubartii, ganna 36 tokko, sababa nageenyaaf eeyummaa ishee hin ibsine akka jettutti, jalalleewwan waliin jiraataniif kilinikaa dhuunfaa ishee lixa Teehran jiru keessatti wal’aansa ulfa baasuu seeraan alaa sadii gaggeessuu ishee ibsiti.

Madda suuraa, Getty Images
Jalalleewwan dandeetti isaa qabaniif, Iraan gadhiisanii ba’uun filannoodha.
Paarii fi jaalalleen ishee Yaassin, lamaanuu umurii ganna 35, maallaqa qaban hunda baasuun Tarkii magaalaa Istaanbul keessatti mana bitatani. Manni kunis lammilee Iraan sababa dinaagdee biyyattii fi haala hawaasaa fi siyaasaa biyyatti keessa jiru irra baqataniif bakka olmaa beekamaa ta’eera.
“Yeroon jalqaba ulfa ta’uukoo bare, gatii hagamii yoo na kaffalchiisiyyu amma daa’ima kana da’uufan murteesse,” jetti Paariin, kan kanaan ulfa ishee isa duraa baasuuf dirqamte.
“Biyya keenya gadhiisanii ba’uun salphaa miti. Ta’us garuu mucaa jaalalaan dhalate guddisna, kun ammo wanta ijoodha,” jetti.
“Ta’us ammayyu, wa’ee hiriyyoota koo waliin jiraachaa jiranii, kan daa’ima godhachuu utuu barbaadanii carraan sun jalaa fudhatamee yaaduu dhaabu hin danda’u.”















