Daa’imni waggaa sadii kun waa'ee seenaa miillasaa dhabee hima’ -Abbaa

Daa'ima haleellaa naannoo Amaaratti raawwatameen miilla isaa dhabe

Madda suuraa, Amaaree Mulaatuu

Dhukaasni meeshaa gurguddaa guyyootaaf ture hirriba nama dhorkuurra darbee, yaaddoo guddaa uumeera.

Dhukaasichi boqonnaa hin qabu ture. Bahanii galuun hin danda’amu ture. Socho’uunis akkasuma.

Obbo Kaasahu Xigaabee jiraataa ganda Gaasaay jedhamtu, godina Gondara Kaabaatti argamtuudha.

Baatii Hagayyaa keessa guyyoota afuriif wayita gandi kun finciltoota TPLF jala turtetti manuma keessa wayya jedhanii maatii ofii qabatanii ijoollee isaanii tasgabbeessaa mana turuu filatan.

“Kaan hafee meeshaa saamuufi baasuudhaaf yeroo mana diigan sagaleen dhaga’amu rasaasa caalaa iyya ture,” jechuun guyyoota sadiif akka itti dabarse hima.

A.L.I Hagayya 15, 2013 akkuma barame miseensota maatii isaa akkoofi akaakayyuu, adaadaafi ijoollee isaa lamaan dabalatee saalonii taa’anii taphataa turan.

Ilmi isaa umuriin wagga sadii ta’e Yonaas Kaasahu, maatii gidduu fiigee taphachiisaa jira ture.

Kana gidduutti garuu meeshaan guddaan dhukaafame mana isaaniirra bu’e. Eenyuyyu waa’ee nama biraa baruudhaaf tasgabbiin hin turre.

“Akkuman ta’u ta’ee hundumaa waamee nageenya isaaniin gaafadhe,” jedha Obbo Kaasahuun.

“Nagaa keenyadha. Oolleerra,” deebii jedhun argadhe jedha Obbo Kaasahu. Daa’ima isaanii ammoo “Yoonaas!” jechuun waaman.

Daa’imni kun “Abeet” wayita jedhu abbaa xiqqoo qalbiin isaa boqote.

Akka Obbo Kaasahu jedhanitti manni isaanii sababa dhukaasichaan aarriifi dhukkeen waan ukkaamsameef namni tokko isa kaan arguudhaaf rakkisaa ture.

Daa’ima isaanii bakka taphataa ture deemanii kaasan.

Awwaaraan aguugamee argan. Nageenya isaa mirkaneeffachuuf fuudhanii gara karraatti fiigan.

Fuulli isaafi mudhii isaa ol fayyaa ture. Naasuurraa kan ka’een qama isaa guutuu ilaaluu hin dandeenye ture.

“Akka tasaa yeroon ijakoo fuula isaarraa kaasee gara gadii yeroon ilaalu milli isaa hin jiru,” jedha abbaan daa’imaa kun osoo sagaleen isaa hudhamu.

Wanta qabanii gadi dhiisan wallalan.

Sodaa dhukaasaa irraa kan ka’een mana isaanii cufatanii maatii waliin kan taa’aa turan, abbaan daa’ima kun osoo dhiigni ilma isaanii dhangala’aa jiruu garuu taa’anii ilaaluu hin dandeenye.

“Yoo duunellee waliin duuna malee, osoo ijjikoo ilaaluu hin du’u jedheen bakka kan nama gargaaru hin jirretti daa’ima kiyya wagga sadii qabadheen gara mana hakimaattin fiige,” jedha waanta ta’e yeroo yaadatutti.

Haatis imimmaan roobsaa duukaa buute. Geejjibni hin jiru. Waraanatu jira.

Kan biraan hafee daandii kanaan dura beekaniin deemuunillee sodaachisaa ture jedha Obbo Kaasahu.

Abbaan daa’imaa kun akka jedhanitti, adeemsa miillaa saatii 8 booda magaalaa Hisseetee qaqqaban. Yeroo daandii dheeraa kana deemanitti daa’imni kun dhiigni dhangala’aa ture.

“Nu gidduutii inni rukkutamuu, dhiigni hanga kana dhangala’ee lubbuun ooluun isaa ana qofa osoo hin taane, nama arge mara ajaai’be. Hojii uumaati,” jedha Obbo Kaasahu.

Meeshaarraan kan hafe miseensota maatii isaanii kaanirra miidhaan qaqqabe hin turre.

Obbo Kaasahu qophaa isaanii karaa dheeraa kana daa’ima baadhatanii deemuu qofaa hin turre. “Maallaqa akkamiin ammoo wallaanamee fayyaa,” yaaddoon jedhu sammuu isaa jeeqaa ture.

“Yeroo sanatti qarshii kuma lama qofan kiisa kiyya keessaa qaba ture,” jedha abbaan daa’imaa kun.

Haata’u malee, “amma namuu waliif gaddaa jira,” kan jedhu Obbo Kaasahu, yeroo magaalaa Hisseetee qaqqaban namoota beekanirraa liqeeffatanii konkolaataa kontiraata qabatanii magaalaa Baahir Daar gahan.

Qe’een isaaniis to’annoo humna ittisaafi poolisii addaa Amaaraa jala galuu kan dhaga’anis osoo daa’ima isaanii qabatanii gara wal’aansa fayyaatti imala jiranii ture.

“TPLF haleellaa kana kan raawwatan mo’amanii ba’uuf yeroo jedhanittidha. Ani kana hin beekun ture,” jedha.

Meeshaa guddaatiin miila bitaa jilbaa gadii kan dhabe Yoonaas, xumurarratti Baahir Daaritti wallaansa argate.

Abbaan daa’ima kanaa Obbo Kaasahu akka jedhutti, Yonaas daa’ima wagga sadii ta’ullee qaroo, taphataa, qaacoofi hubataadha. Wanta ta’e mara hin dagatu,” jedha.

Dagachiisuudhaaf yaalames dagachuu hin dandeenye. Wanta ta’e mara akka seenaatti odeessuu akka jalqabe dubbata.

“’Daa’imni tokko ture, osoo taphataa jiruu wanti ta’e tokko dhohee milli isaa hin jiru…’jedha, jechuun sagalee gaddaan cabeen kan daa’imni isaa akka seenaatti haasa’u ibsa abbaan kun.

Abbaan Yoonaas Obbo Kaasahu akka jedhanitti, baasii siree hospitaalaafi qorichaaf isaan gargaaru waan guuttachuu hin dandeenyeef amma Yonaas hospitaalaa bahee deddeebi’uun wal’aanamaa jira.

“Haleellaan qaqqabe intala kiyya angafaarraanis ta’e guutummaa maatiiraan dhiibbaan inni gahe salphaa miti. Ammallee tasgabbaa’uu hin dandeenye,” jedha.

Amma kan isaan yaaddessu jeequmsa haleellaan kun maatiirraan qaqqabsiiseefi miidhaa qoor-qalbii daa’ima osoo taphatee hin quufiin miilla isaa dhabeeti.

Aanaan Faarxaa to’annoo TPLF jala guyyoota turte keessatti magaalattiitti namoonni 12 akka ajjeefamaniifi gandoota naannicha keessatti argaman keessatti ammoo namoonni hedduu akka ajjeefaman yaadachuun BBCtti dubbate Obbo Kaasahu.

Qabeenyi namoota dhuunfaafi mootummaas akka manca’e hima Obbo Kaasahu.

TPLF bakkeewwan to’atanii turan keessatti lammileen nagaa irratti miidhaa geessisuudhaan himatamu.

Kanaan dura godina Gondar Kibbaa keessatti kan argaman Dabire Taaboriifi Nifaas Mawucaa keessatti namoonni miseensota maatii ta’an haleellaa qaqqabeen ajjeefamuun isaanii ni yaadatama.

Walloo Kaabaa Agamsaa, Walloo Kibbaa Warrabaabboofi Gondara Kaabaa Cinaa, naannawwan bulchiinsa saba Waaghimiraa, akkasumas naannoo Affaar Gaalikoomaa keessatti namoonni nagaa haleellaa finciltoota TPLF kanaan ajjeefamuun isaanii gabaafameera.

Humnoonni TPLF garuu haleellaawwan kanneen raawwachuu isaanii irra deddeebiin waakkachaa kan turan yoo ta’u, qaama walaba ta’een akka qoratamus gaafataniiru.

Sadaasa darbe humnoonni TPLF humna ittisa biyyaa Ajaja Kaabaa irratti haleellaa gaggeessuu isaanii hordofee, waraanni jalqabameen namoonni kumaan lakkaa’aman akka du’aniifi kumaatamaan kan lakkaa’aman ammoo akka buqqa’aniif sababa ta’eera.

Ji’oota dura ammoo mootummaan Federaalaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsee loltoota Tigraay keessaa erga baaseen booda finciltoonni TPLF gara naannolee hollaa Affaariifi Amaaraatti seenuun lola bananiiru.

Naannoo Amaaraa keessatti qofa namoonni miliyoona tokko ta’an qe’ee isaaniirraa buqqa’uu isaanii naannichi kan beeksise yoo ta’u, naannoo Affaar keessattis namoonni kuma 75 ola ta’an akka buqqa’an naannichi ibseera.