Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan:Taaliibaan magaala Heeraat keessatti reeffa namoota fannisuun akeekkachiise
Taaliibaan namoota afur nama ukkaamsu jedhan rasaasaan dhahanii ajjeesuun magaalaa Heerat keessatti uummata duratti fannisan.
Haalli akkasii kun kan mul'ate erga qondaalli Taaliibaan nama hamaa jedhamu tokko adabbiin ajjeechaa fi qaama hir'isuu ni deebi'a jedhanii booda.
Namootni arfan kan ajjeefaman dhukaasa erga wal irratti bananii yoo tahu abbaa qabeenyaa tokkoo fi ilma isaa ukkaamsanii fudhachuusaanii hordofee akka tahe qondaalonni naannichaa himaniiru.
Jiraattotni akka jedhanitti reeffi jara ajjeefamanii marfata guddaa magaalichaa biratti mukatti fannifameera.
Waazir Ahimad Sediqi, naannichaa suuqii kan qabu, APtti akka himetti reeffi namoota afurii fidanii tokko fannisuun reeffa sadan hafan ammoo gara marfata magaalota biraatti agarsiisuuf geessan.
Itti aanaa bulchaa Heerat Ma'ulwaayii Shaar, reeffi namoota kanneenii baasanii agasiisuun butii ykn yakka nama ukkaamsuu raawwatu xiqqeessuuf.
Namootni arfanii dhukaasa Taaliiban waliin wal irratti bananiin akka ajjeefaman himanii Taaliibaan abbaa qabeenyaa fi ilma isaa tokko ukkaamsuu isaanii erga hubateeti jedhan.
BBC'n haala akkamiin akka ajjeefaman waan mirkaneeffate hin qabu.
Haa tahu malee suuraan miidiyaa hawwaasaa irratti maxxanfamaa ture konkolaataa piik-aappii irratti duubaan reeffa namoota dhiigaan laaqame fi tokko ammoo kireeniidhaan ol fannifame agarsiisa
Viidiyoon biraa ammoo nama fannifame tokko irratti barreeffama ''warri nama ukkaamsan akkasiin adabamu'' jedhu agarsiisa. Hagayya 15 erga aangoo qabatanii Taaliibaan bulchiinsa isa duraa irra wayyaa qabu akka diriirsan waadaa galanii ture.
Haa tahu malee ammayyuu gabaasotni baay'een sarbama mirga namoomaa himan bahaa jiru.
Hogganaan duraanii amantaa Taaliibaan adabbii cimaa akka ajjeechaa fi qaama hir'isuu Afgaanistaan keessatti deebi'uuf jedhan.
Mulla Nooruudiin Turaabii amma mana hidhaa hogganaa kan jiru APtti akka himetti adabbiin qaama hir'suu haaraan ''nageenyaaf barbaachisaadha'' jedhan.
Turabiin gochaa isaa duriin namoota UN qoqobbii irrati buuse keessatti argama. Amma kaabineen Taaliibaan adabbiin darbu hundi uummata fuulduratti tahamoo ''imaammatni bahaaf'' kan jedhu irratti mari'achaa jiru.
Bara 1990 keessa ajjeechaan uummata fuulduratti istaadiyeemii Kabul keessatti gaggeeffamaa ture. Bakki kun bakka masjiidni Eid Gah itti argamudha.
Yeroo sana Turabiin ministera haqaa fi eegduu amantaa Taaliiabn tahuun tajaajilaa ture.
Taaliibaan kora UN Niw Yoorkitti gaggeeffamu irratti dubbachuuf gaaffii dhiyeessera. Ministerri Haajaa Alaa Jarman Taaliibaan waliin dubbachuun gaari tahus korri UN garuu bakka sirrii miti jedhan. Ameerikaan ammoo dhimma kana irratti murtee hin dabarsine.