Aanga'aan mootummaa 'Itoophiyaa keessa beelli hin jiru' jedhan dhiifama gaafatan

Obbo Ayidiras Hasan

Madda suuraa, Ethiopian Press Agency

Komishinarri itti aanaa Komishiinii hooggansa hojii sodaa balaa biyyaalessaa Obbo Ayidiras Hasan dhiyeessii deeggarsa namoomaa ilaalchisee yaada Ejensii Pireesii Itoophiyaaf kennan keessatti ''Itoophiyaa keessa beelli dhalate hin jiru'' jechuu isaaniif dhiifama gaafatan.

Hoogganichi gaazexaa mootummaa Addis Zaman irratti dhimma deeggarsa namoomaa ilaalchisee gaaffii fi deebiin taasisan mata duree ''Itoophiyaa keessatti beelli dhalate hin jiru'' jedhuun guyyoota dura bahee ture.

Barruu kanaa fi kanneen biroos kan bulchu Ejensiin Pireesii Itoophiyaas guyyaa Kamisaa odeessa kana fuula feesbuukii isaa gubbaatti qoodee ture.

Fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa hedduun waraana Kaaba Itoophiyaatti dhalateen walqabatee beellii fi yaaddoon beelaa osoo jiru yaada hoogganaa mootummaa kanaan kenname qeeqaniiru.

Kaaba Itoophiyaatti waraana ji'oota sagalii oliif gaggeeffamaa jirurraa kan ka'e naannoo Tigraay keessatti namootni beelaan du'aa akka jiran TPLF ibsee ture.

UN ammoo namoonni 400,000 ol haala beela fakkaatu keessa jiru, miliyoonotni ammoo hanqina nyaataaf saaxilaniiru jedhee ture.

Naannoolee Affaariifi Amaaraa keessattis waraana ji'ootaaf babal'atee itti fufeen namootni kumoota dhibba hedduun lakkaawaman qe'eerraa buqqa'anii deeggarsa namoomaa eeguuf saaxilamaniiru.

Yaadni obbo Ayidiras Hasan kennan '' hawaasa irratti burjaajii odeeffannoo waan uumeef dhiifama gaafataniiru'' jedheera Ejensiin Pireesii Itoophiyaa odeeffannoo Jimaata sa'aa booda maxxanseen.

Yaada ''burjaajii odeeffannoo uume'' jedhame ilaalchisee yaada dabalataa haaraa kennaniin ''gareen shororkeessaa TPLF lafa qabatee tureefi ammas to'atee jiru keessatti namootni deeggarsa barbaadan jiru'' jedhan.

Itti dabaluunis ''mootummaan naannolee qaqqabuu danda'e keessatti uummata beelarraa hambisuuf hojjetamaa jira'' jedhan.

Naannolee ammallee to'annoo TPLF jala jiran keessatti garuu balaan beelaa mudachuu akka danda'uufi rakkoo dhalatuufis gaafatama kan fudhatu TPLF ta'uu dubbataniiru jedha Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa.

Jalqaba yaadni Obbo Ayidiras kennan maal ture?

Odeessaa Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa Kamisa fuula feesbuukii isaa gubbaatti baasee tureen obbo Ayidiras waayee dhiyeessii deeggarsa namoomaa yoo ibsan ''gabaasa hanga ammaa jiruun deeggarsa dhabanii lammiileen beelaaf saaxilaman hin jiran'' jedhan.

''Beelli galeera kan jedhamuu danda'u mootummaan kan isaan dagate yookan kan qaqqabuufi hin dandeenye yoo jiraataniidha'' jechuunis ibsanii turan.

Mootummaan 'karaa danda'amaa ta'een' wantoota nyaataafi nyaataan ala ta'an warra barbaachisuuf dhiyeessaa waan jiruuf ''gara beelaatti rakkoon ce'e hin jiru'' jedhaniiru.

''Buqqaatotni mootummaan isaan dagatee ykn irraa callisee kan beelaaf saaxilaman ykn osoo hin nyaatiin bulan hin jiranis'' jedhan.

Mootummaan jala bu'ee dhiyeessii deeggarsa namoomaa osoo hordofaa jiruu beelli dhalateera jedhamee odeeffannoon raabsamu ''oduu deeggartootni Juntaa uuman ta'uu namni hunduu hubachuu qaba'' jechuunis dubbachuu isaanii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waabeffanneerra.

Sagantaa Nyaataa Addunyaa dabalatee dhaabbileen gargaarsaa kennan keessumaa naannoo Tigraay keessatti dhiyeessiin deeggarsaa gufatee waan jiruuf namootni kumootaan lakkaawaman beelaaf saaxilamuu akka malan ibsaa turan.