Abdelaaziz Buutefilikaa: Pireziantiin duraanii Aljeeriyaa umurii waggaa 84tti du'aan boqotan

Abdelaaziz Buutefilikaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Abdelaaziz Buutefilikaa erga bara 2013 keessa rakkoo fayyaa godhatanii baayyee bahanii hin mul'atan ture

Pirezidantiin duraanii Aljeeriyaa Abdelaaziz Buutefilikaa yeroo dheeraaf erga dhukkubsataa turanii umurii waggaa 84tti du'aan boqotan.

Abdelaaziz Buutefilikaa biyyattii waggoota digdamatti siqaniif kan bulchan yoo ta'u, bara 2019 keessa marsaa 5ffatiif filatamuuf yaaliin taasisan garuu mormii cimaa kaasise.

Waraana Aljeeriyaan baroota 1950mootaafi 19160oota keessa walabummaaf taasisaa turte keessatti gahee ijoo taphatanii ture.

Achiin booda bara 1999 keessa, yeroo Aljeeriyaan walwaraansa hamaa namoota 200,000 ta'an galaafateen booda gaaffii humna waraanaatiin pirezidantii ta'an.

Abdelaaziz Buutefilikaa erga bara 2013 sababa rakkoo fayyaa stroke [dhiiga sammuu keessatti dhangala'uun] isaan mudaterraan yeroo baay'ee bahanii mul'atanii hin beekan. Sababa dhibee fayyaa isaan mudate kanaanis dubbachuufi deemuullee hin anda'an.

Siyaasa keessatti hirmaachuu kan jalqaan ammoo umurii ijoollumaatiin ture. Erga Aljeeriyaan bara 1962 sina bittaa Firaans jalaa walaba baateen booda yeroo umuriin isaanii digdamoota keessa jiru ministira dhimmoota alaa biyyattii ta'uun akka addunyaattis nama umurii xiqqaan ministira ta'e jalqabaa jedhameera.

Itti-gaafatamummaa ministeera dhimma alaarraa waggoota 16f kan turan yoo ta'u, miseensa UN dammaqinsa qabus tureera.

Akka pirezidaantii Kora Waliigalaa UN kan bara 1974ttis tajaajiluun, gaggeessaa Filisxeem Yaasir Arafaat kora UN sana irratti dhiyaatanii akka haasaa taasisaniifis hafeeranii turan. Gochii isaanii yeroo sanaa sun ammoo tarkaanfii cimaafi ajaa'ibsiisaa jedhamee tures.

Kana malees Chaayinaan UN keessatti teessuma akka argattuuf gaafachaa turaniiru. Sirna Appartaayidii Afrikaa Kibbaas dura dhaabbachuun falmaniiru.

Dargaggeessa kan ture Nilsan Maandeellaatiifis leenjii loltummaa jalqabaa kennuufiifinis ni galateeffatamu Buutefilikaa.

Pireziantiin duraanii Aljeeriyaa kun baroota 1980n keessa baqannaatiin dabarsan. Sababiin isaa ammoo booda kufaa yaa ta'u malee, himannaawwan malaammaltummaatu irratti dhiyaatee ture.

Baroota 1990oota keessa biyyatti deebiyuunis bara 1999 aangoo qabachuun waggoota soddomaa ol keessatti gaggeessaa sivilii jalqabaa ta'aniiru.

Maqaa "Boutef" jedhamuun namni beekamu kun humna raayyaafi milishoota Islaamummaa hidhatanii lolarra turan waliin walwaraansaarra turan dhaabbatee nagaan akka bu'uufis hojjetaniiru.

Bara 2018 keessa, heera mootummaa Aljeeriyaa akka jijjiiramu taasisuun turtii aangoo pireziaantummaa marsaa lama ture haqsiisuun himannaawwan yakka waliin dhahuu irratti ka'aa turus marsaa lamaa oliif filatamuu anda'anii turan.

Bara 2011 keessa wayita Mormiin Arab Spring jedhamu guutummaa Kaaba Afrikaa keessatti dhohetti Buutefilikaan atattamaan tumsa mootummaan ummataaf taasisu gochuun mudama Aljeeriyaa keessa yeroo dheeraaf ture dhaabsisanii turan.

Yeroo dhumaatiif kan mul'atan bara 2017 yoo ta'u dhibee fayyaa isaan mudatee waggaa afuriin booda jechuudha. Yeroo sana kan mul'ataniifis, eebba buufata baaburaa fi masgiida Ketchaoua Aljersi keessatti akka haaraatti haarofamterratti ture.

Yeroo kanatti obboleessi isaa quxisuu Sa'id Buutefilikaa duuba taa'uun akka gaggeessaa biyyattiitti yaadama ture.

Abdelaaziz Buutefilikaa Aljeeriyaa waggoota 20f kan gaggeessan yoo ta'u, carraaqqiin isaan marsaa shanaffaaf filatamuuf taasisaa turan garuu mormii bara 2019 keessa ture kaaseera.

Mormiin ka'e sunis gara guutummaa biyyattitti babl'achuun kan duraan biyyattii keessatti argamee hin beekne ta'e. T

Sana hordofees filannoo jedhame yeroo biraatti akka abarsaniifi aangoollee akka ga hiisan waadaa galanillee, Abdelaaziz Buutefilikaa aangoo gadhiisuuf dirqaman.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Yeroo Buutefirkaan aangoo gadhiisanitti Aljersi keessatti gammachuu yeroo ibsatan