Mormii Aljeeriyaa: Kumaatmoonni Aljersitti warraaqsi haaran akka eegalu gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa waggaa 65ffaan Aljeeriyaan bittaa Firaans jala baatee kabajamutti namootni kumoota hedduun lakkaawaman warraaqsi haaran akka eegalu gaafatan.
Namoonii mootummaa mormuu hiriira bahan kun karoora ji'a dhufu filannoo gaggeessuuf qabamees hin fudhannuu jedhaniiru.
Ji'oota 10 dura mormii uummataa dhoheen booda magaalaa guddittii biyyattii Aljeers keessatti hirirota gaggeffama keessaa inni kaleessaa isa guddicha.
Pireezidantiin biyyattii waggoota hedduuf bulchan Abduulaziiz Butaaflikaan mormii cimee itti dhufe kanaaf jecha ji'a saddeet dura aangoo kan gadhiisan ta'us, isaan gadhiisuun isaani gahaa hin taane.
Mormiitootni gara caalu dargeggeeyyii ta'an jimaatota walitti aanan 37'f kun hiriira mormii gaggeessuutti jru.
Mormitootni kun mootummaan rifoormiii akka gaggeessuufi hooggantootni malaammaltummaan komataman fi biyya cunqursan akka ka'an gaafatu.
Sirna siyaasaa amma jiruunis ji'a dhufu filannoon gaggeefamu ifaafi haqa qabeessaa hin ta'uu jechuunis akka hin gaggeefamne barbaadu.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images









