Fincila Aljeeriyaa: 'Obboleessi Butefilikaa fi hoggantootni humna tikaa lama hidhaman'

Madda suuraa, AFP
Obboleessii pirezidaantii Aljeeriyaa aangoo irraa kaafamanii Abdelaziz Buuteflika fi hoggantootni humna tikaa lama adabaman.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti namootni adabbii jala oolan kunneen erga hojiin isaanii qoratamaa tureeti kan poolisiin akka qabaman taasifame.
Gaggeessiitootni biyyattii ol aanoon Butefilikaa waliin turan hundi isaanii taayitaa isaanii irraa ka'uu qabu jechuun fincilli biyyattii keessaa iitti fufee ture.
Ergasii gaggeessitootni olaanoo hedduun qoratamaa jiru.
Sayid Bouteflika, jeneraal Bachir Athmane Tartag fi Mohamed Mediene har'a mana murtii waraanaa biyyattiitti dhiyaatu.
Erga Butefilikaan dhukkuba Istirookiin bara 2013 qabameen as obboleessi isaa Sayid Bouteflika keessa beekumsaan akkuma pirezidaantiitti hojjechaa ture jedhama.
Mormii Aljeeriyaatti hammaateen pirezidaati Butefilikaan waggoota 20'f erga biyya gaggeessanii aangoo irraa kaafaman.
Abdelkader Bensalah hogganaan Seeneetii duraanii yeroodhaaf aangoo qabataniiru.













