Abdelaaziz Buuteflikaa: Pirezidaantiin Aljeeriyaa dhiibbaa mormiitiin aangoo gadhiisan

Madda suuraa, AFP
Pirezidaantiin Aljeeriyaa Abdelaaziz Buuteflikaa mormii torbanootaaf biyyattii keessatti gaggeefameen wal qabatee aangoo gadhiisu gaafachuu isaanii midiyaan motummaa biyyaa gabaase.
Mr Boteflikaa, kan waggoota 20f aangoorra turanis karoora isaanii waggoota shanan dhufaniif ittifufu waan mnormiin itti cimeef dhiisanii turan.
Waraanni cimaan biyyattii mana umuriin waggaa 82 kana biyya bulchu hindandeenye jechuun aangoo kka gadhiisaniif gaafate ture.
Pirezidaantichis waggoota jahaa kaasee dhiibbaa dhiigaatiin walqabate dhukkubastaa waan turaniif kan ummatatti mul'atn yeroo xiqqoodha.
Namoonni dhiibbaan lakkaa'aman akkuma aangoo gadhiisuu pirezidaantichaa gammadaa jiranii, konkolaatoonni xurunbaa dhageessisaa turan.
Ummannis alaabaa biyyatti baachuun faarsaa turan.
Namni Selmaoui Seddik jedhamu akka rooyitarsiitti himetti, ''Yoo waaqni jedhee ce'umsa dimokraasii %100 eegalla. Kunis baayyee barbaachisaadha. Bulchiinsa duraa gutummaan buusuu qabna; isatu cimaadhas.''
Ogganaan mormii Musxafaa Bochaachii akka jedheetti, osoo Mr Boteflikaan aangoo gadhiisuuf murtessuu hin himiin dura hanga jijjiramni dhufuutti mormii keenya itti fufna jedheer ture.

Madda suuraa, EPA

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Oduun aangoo gadhiisuus ibsa eejjansii oduu motummaa APS dabarfame.
''Pirezidaantiin Rippablikaa Abdulaaziz Buuteflikaa aangoosaanii kan pirezidaantii biyyummaa dhaabuuf pirezidaantii mana maree heeraa biyyattiitti beeksisaniiru,'' jedha
TV motummaas akkasumas kunis battalumatti hojiirra kan olu ta'u himeera.
Akka heera motummaa biyyaatti, hanga filannoo haaraan gaggeeffamuutti afi yaaiin Seeneetiitii aangoo biyya bulchuu fudhata.
Attamiin ta'e kun?
Dhiibbaan mormii kunis kan eegale wayita pirezidaantichi aka filannoo itti aanuufa dorgomu akka barbaadan ibsaniitti baatii Bitooteessaa irraa qabee ture.
Namoonni kumaataamaan lakkaa'aman biyyattii guutuutti hiriira bahuun hanga Ebla 1 tti itti fufee ture. Mr Boteflikaans yaada isaanii kana kaasuu himanii turan.

Madda suuraa, AFP/Getty
Oggantoonni mormichaas pirezidaantichi dhuma baatii kanaa Ebla 28 yeroo aangoonsaa itti xumuramuutti akka gahdhiisaniif karoora kaa'anii turan.
Hunmi waanaa cimaanis kan waliigale fakkaata. Ogganaan loltuusaa Lt Janaraal Ahmed Gaed Salah, guyyaa Kibxataa ''Yeroon balleessinu kan biraa hinjiraatu jedhanii ture.''












