Pirezdaantiin Aljeeriyaa Abdellaaziiz Botiflikaa filannoo marsaa 5ffaa keessaa ba'an

Abdellaaziiz Botiflika

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Abdellaaziiz Botiflikaa bara 2014 booda uummata duratti hasa'anii hin beekan.

Pirezdaantiin Aljeeriyaa Abdellaaziiz Botiflikaa guyyaa filannoo pirezdaantummaa Ebla 18 ture dabarsuun filannoo marsaa shanaffaa irratti akka hin hirmaanne beeksise.

Marsaa 5ffaaf dorgomuuf murtee Pirezdaant Botiflikaa dabarsee ture torban hedduu darbeef gutummaa biyyittii mormii guddaa kaasisee ture.

Aljeeriyaa waggooti 20f hoggaanaa turus, bara 2013tti dhukuba istirookiin erga hubamee booda ummata duratti badaa argamee hin beeku.

Guyyaan filannoo haraa ammatti hin murtoofne. Akka ibsi maqaa Pirezdaant Botiflikaa qabateetti jijjiirraan kaabinee ni jiraata.

"Marsaan shanaffaa hin jiraatu," jedhu Pirezdaant Botiflikaa ibsa kanaratti. "Umuriifi fayyaakoo irratti hunda'uun ga'een koo dhumaa uummata Aljeeriyaaf Rippaablika haaraa ijaaruudha."

Ibsa kanaratti filannoo duraa Pirezdaant Botiflikaa aangoo gadhiisuuf ni yaada kan jedhu hin jiru.

Torban darbe, yoo marsaa 5ffaaf filatame aangoo gadhiisuuf waadaa galuus mormiitoota kumaan lakkaa'aman amansiisu hin dandeenye.

Aljeeriyaa keessatti mormii barattootaafi barsiisotaa akkasumas cufamuu manneen daldalaafi geejjibni hawaasaa tureera.

Haaluma kanaan Ministirri Muummee Aljeeriyaa Ahimed Oyuhiyaa aangoo gadhiisuu isaa beeksisuun Ministira Biyyaa keessa Nureddin Bedon bakka buufamuu isaa APS gabaaseera.