Xalayaan 'miiliyoona shan' Itoophiyaa irraa Pireezidant Joo Baayideniif barraa'u maal hima?

Harka xalayaa barreessufi gamoo Waayit Haawus

Madda suuraa, Getty Images

Dargaggootni Itoophiyaa akka biyyaalessaatti socho'uun haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu hubachiisuuf jecha, xalayaa miliyoona shan gahu sochii ''Poostaa Adii Masaraa Mootummaa Adiif'' jedhuun barreessuun mootummaa Ameerikaatti erguufi.

Qindeessaa sosochii kanaafi daarekterri 'Youth Empowerment Ethiopia' Obbo Alamaayyoo Seefuu BBCtti akka himanitti, dhugaa biyyattiin qabdu hubachiisuuf dargaggoonni miliyoona shanii ol tahan duula kanarratti hirmaatu jedhan.

Dargaggoonni baadiyyaa fi magaalaa jiraatan afaan danda'aniin ''miidhaa gama humnoota TPLF'n isaanii fi biyya isaanii irra gahaa jiru ibsuun xalayaa mootummaa Ameerikaaf barreessu,'' jedhan Obbo Alamaayyoon.

Naannoo Tigraayitti waraanni humnoota TPLF fi humna mootummaa federaalaa gidduutti erga jalqabee haalli dippilomaasii biyyattii isa duraa irraa jijjiirameera jedhu xiinxaltootni siyaasa biyyattii hordofan.

Mootummaan Itoophiyaa dhimma keessootti gidduu seenuun dhiibbaa taasiste jechuun Ameerikaa irra deddeebii kan himattu oggaa tahu, yeroo garagaraattis sosochiin 'harka keessan Itoophiyaarraa kaasaa'' jedhu mul'achaa tureera.

''Nuyi biyya lamaffaa hin qabnu. Kanaaf biyyi keenya akka diigamtu hin barbaannu. Dhimma biyya keenyaa ofumaan furanna. Ameerikaan gidduugalummaa Liibiyaa, Afgaanistaanii fi kaan keessatti goote irraa barachuu qabdi,'' jedhan Obbo Alamaayyoon.

Xalayaan akka kanaa kana dura waan barame miti - Obbo Alamaayyoon akka jedhanitti xalayaan kun hundi kan barbaachiseef uummatni biyyattii mootummaa Itoophiyaa cinaa jiraachuu hubachiisuuf jecha ''Poostaa Adii Masaraa Mootummaa Adiif'' jechuun barreessuu jalqaban.

''Carraa miidiyaa hawaasaa fayyadamuu warri qaban karaa miidiyaa hawaasaa, kaan ammoo baadiyaatii carraa kana kan hin qabne ammoo xalayaa barreessuun ergatu. Xalayaan filamee ergamuu fi hafu hin jiru. Hundumaa ni ergina.''

Ameerikaan waraanni dhaabbachuun qaamoleen lamaan akka gara mariitti dhufan irra dedeebiin waamicha gootus, mootummaan Itoophiyaa Ameerikaa dabalatee hawwaasa idil-adunyaa fi midiyaalee idil addunyaa irratti loogiin komata.

US naannoo Tigiraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa gaggeeffamaa jira jechuun deeggarsa namoomaan ala kaan biyyattii irraa kuttee jirti.

Lammiileen Itoophiyaa biyya keessaa fi ala jiranis dhiibbaa gama Ameerikaan jiru haa dhaabbatu jechuun hiriira bahuun yaada isaanii ibsataa turan.

Xiinxaltootni siyaasaa BBC'n yeroo adda addaatti dubbise, biyyattiin gama dippilomaasiin 'kuftee jirti' yaada jedhu kaasu. Dhugaa qabdullee akka tahutti hin hubachiisne jedhu.

Kanaan wal qabatee tibbana sosochiin akka biyyaalessatti dargaggootaan jalqabames dhiibbaa Ameerikaan Itoophiyaa irratti gootu akka xiqqaatuu fi dhugaa jiru hubachiisuuf akka tahe himameera.

Guca xalayaa Waayit Haawusitti ergamu
Ibsa waa'ee suuraa, Guca xalayaa ergamuu dargaggoonni guutaa jiran keessaa

Xalayichi maal hima?

Dippilomaasiin kana dura mootummoota biyyoota adda addaa gidduutti yeroo godhamuu fi rakkoon yoo jiraates karaa qondaalota isaanii ibsamuun beekama.

Amma haalli dippilomaasii isa durii irraa guddachuun mootummaa irraa gara mootummaatti qofa kan beekamu; gara uummataa gara uummataatti yookaan uummata irraa gara mootummaatti cehee waan jiruuf, hojii kana eegalle jedhan Obbo Alamaayyoon.

''Nuyi ijoollee waaqaa mitimoo? Nuyi biyya lammaffaa hin qabnu. Maaliif dhiibbaa nurraan geessu jennee gaafachuu barbaanna.''

Dargaggooni naannoo waraanni humnoota TPLF miidhaa geessise jiraatan miidhaa ofii, qabeenyaafi maatii isaaniirra gahe himatu. Waan ijaan arganis tahe waan isaanirra akka dhuunfaatti gahe akka himanii barreessaniis dadammaqsaa jirra jedhan.

''Mootummaan Itoophiyaa gar-tokkeen dhukaasa dhaabee ture. TPLF garuu waraanicha babal'isuun naannoo Affaar, Gaalikoomaa irratti, Gondaritti, Walloo Agamsaatti haleellaa namoota nagaaa irratti raawwatee ajjeese.''

''Seera waraanaa idil-addunyaa cabsuun TPLF manneen barnootaa, manneen amantaa, manneen yaalaa mancaasaa fi gubaa ture. Warra xalayaa kana barreessan baay'eenis naannoo kana kanneen jiraatan taha. Suuraadhaan deeggaruun barreessu.''

Himata irratti dhiyaatu kana yeroo adda addaatti TPLF hin raawwanne jechuun waakkataa ture. Mootummaa Ameerikaa dabalatee dhaabbileen UN Naannoo Tigiraay keessatti sarbamni mirga namoomaa qaamolee lamaaniin raawwataniiru jedhan.

Xalayaan miliyoona shan barraa'u kun gaafa Fulbaana sadii kan jalqabe yoo tahu hanga Fulbaana 15tti ni xumurama jedhamee eegama. Xalayaan kun akka ergaan isaa qaama barraa'eef biratti hubatamutti afaan Ingiliffaan barraa'a jedhan Obbo Alamaayyoon.

Namoonni Afaan Ingiliffaan barreessuu danda'an Afaanuma kanaan; kan hin dandeenyeef ammoo hiikameefii yaadni isaanii dhiyaata jedhan. Xalayichis poostaadhaan kan ergamu taha.

Obbo Alamaayyoon sochii kana kan qindeesse mootummaa akka hin taanes dubbachuun, baasiin isaas dargaggootumatu danda'a jedhu.

''Dargaggoonni xalayaa barreessan baasii isaa dandahuun gara keenyatti ergu,'' kan jedhan Aabba Alamaayyoon ''Deeggarsi yoo nu barbachise gaafanna malee, kun kaka'umsa dargaggootan kan raawwatu taha,'' jedhan.

''Lakkoofsi hanga kanaa kan barbaachiseef ammoo uummatni keenya sadarkaa gadii irraa ka'ee hanga oliitti mootummaa cina jiraachuu isaa akka hubatan godha jennee amanneeti.

Addatti waan jijjiiru jiraatef osoo hin taane, dhugaa jiru akka hubatan dhiibbaa godha jennee yaadneti.''

Waraanni naannoo Tigiraayitti humnoota TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti Sadaasa bara 2020 jalqabe lubbuu kumaatamootaa galaafachuun miliyoonaan ammoo qe'ee irraa buqqiseera.

Ameerikaafi Itoophiyaan hariiroo jabaa waggoota 100 ol lakkoofsise waliin qabu. Haa tahu malee erga yeroo dhiyoon as hidha guddicha Itoophiyaa fi waraana naannoo Tigiraayiin wal qabatee hariiroon isaanii akka jalqabaa sanatti deemaa hin jiru.

Ameerikaan hidha haaromsaa ilaachisee Masiriif loogdi jechuun mootummaan Itoophiyaa komataa ture. Biyyattiin Ameerikaa irraa wagga waggaan deeggarsa namoomaa miliyoonotaan argatti.

Dhiyeenya garuu deeggarsa humna waraanaa Itoophiyaaf gootu dhaabuu ishee Ameerikaan beeksifteetti.