Hiriirri mormii dhaadannoo 'Harka Keessan Itoophiyaarraa Kaasaa' jedhuun adeemsifame

Madda suuraa, BBC
Hiriirri mormii biyyaalee "dhimma keessoo Itoophiyaa keessa seenan" balaaleffatu Finfinnee naannoo Siddisti Kiloo bakka riippoori BBC qaamaan dowwateetti adeemsifame.
Hiriirri mormii sosochii 'Kabaja Biyyaalessaa, Waloon' jedhuun waamame kun lammiilen Itoophiyaafi michuuwwan biyyattii iddoo itti jiranii mormisaanii kan itti dhageessisan akka ta'e qindeessaan sosochii kanaa Obbo Abiy Taaddalaa ibsa har'a miidiyaalef laatanin himaniiru.
Mormiin kunis Jimaata har'aa guyyaa keessaa sa'aa 10 hanga 11 kan ture yoo ta'u, naannoo siddisti kiiloon alatti bakka ripportarri keenya keessa naanna'etti garuu sochii idileen alaa hiriirri hin mul'atu.
"Lammiilen Itoophiyaafi kunneen Itoophiyaa jaalatan marti iddoo jiranii waa'ee Itoophiyaa sagalee akka dhageessisan" jechuun Obbo Abiy himan.
Gama biraatin ganama har'aa xalayaa waldaalee siiviilii, afooshaawwan akkasumas dhaabbilee siyaasaafi dhaabbilee amantaa irratti mallatteessan imbaasiiwwan magaala Finfinnee keessatti argamanif kennuuf karoorfatanillee imbaasiiwwan cufaa ta'uu isaaniitin xalayicha akka hin galchine himaniiru.

Mormiin kun gama miidiyaalee hawaasaatiinis adeemsifamaa kan jiru yemmuu ta'u, namootni biyyaaleen alaa dhimma keessoo Itoophiyaa keessa seenuurraa akka of qusatan barreessaa jiru.
Dhiibbaa mootummaan Ameerikaa mootummaa Itoophiyaa irratti taasisaa jiru mormuuf Imbaasii Yunaayitid Isteetis magaala Finfinneetti argamu fulduratti hiriirri akka bahamu haasa'amaa turus hanga ammaatti hirriiri iddichatti addeemsifame hin jiru.

Waajira Haajaa Alaa Ameerikaatti Biiroon dhimmoota imalaa erga tiwiitaraa Kamisa maxxanseen Embasiin Ameerikaa Finfinnee jiru guyyaa boruu Caamsaa 21, tajaajilaaf banaa akka hin taane beeksise.
Sababni isaa ammoo embasiiwwan dhiyeenya Finfinnee jiran irratti mormii gaggeessuuf waamicha gama miidiyaa hawaasaan gaggeefamaa jiruudha jedheera.
Tajaajila kennuufis ta'e tajaajila argachuuf sochiin gara embasii isaa godhamu akka hin jiraannes waajirichi ibseera.

Lola naannoo Tigraay keessatti gaggeefamuu eegaleen walqabatee mootummaan Ameerikaa mootummaa Itoophiyaarratti ''dhiibbaa'' gochaa jira.
Mootummaan Itoophiyaas dhimma keessoo irratti gidduu seentummaa qaama alaa akka hin simanneefi birmadummaan biyyaa akka kabajamu beeksisaa ture.
Tibba kana ''dhiibbaa'' mootummaan Ameerikaa Itoophiyaarraan gahu mormuun Embasii Ameerikaa Finfinneetti argamu fuula duratti Alaabaa Ameerikaa gubuu dabalatee, hiriirri mormii akka gaggeefamu waamichi dhiyaachaa ture.













