UNHCR lakkoofsi baqattoota Sudaan jiranii hir'atus eessa akka galan hin baramne jedhe

Madda suuraa, Abdulmonam Eassa
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Dhimma Baqattootaa lakkoofsi baqattoota Itoophiyaa kaampii baqattootaa Sudaan jiranii hir'atus eessa akka galan hin baramne jedhe.
Dhaabbatichi ibsa kana kan baase mootummaan Itoophiyaa baqattootni waraqaa eenyummeessa UNHCR qabatan TPLF waliin waraanaa jiru erga jedheeti.
Ministerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Wiixata darbe isbsa baaseen hidhattootni waraqaa eenyummaa UNHCR kennu qabatan daangaa Sudaan irraan gara naannoo Benishaangul Gumuzii fi Amaaraa galaa jiru jedhee ibsa baaseeni.
UNHCR kana ilaalchisee ibsa baaseen baqattootni kaampii baqattootaa keessa jiran yoo achii bahan karaatti adda baasan beekuu hin danda'u jedhe.
Ji'oota muraasa darban keessa lakkoofsi baqattoota Itoophiyaa Sudaan jiranii hanga murtaa'e akka hir'ate ibsee, ''UNHCR baqattoota gara dhaloota isaaniitti deebi'an dabalatee dahoo baqattootaa keessaa kanneen bahan eessa akka jiran adda baasuu hin danda'u,'' jedhe.
Baqattootni Sudaan keessatti galmaa'an tokko tokko gara Itoophiyaatti deebi'uun adda waraanaa irratti hirmaachuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasan quba qabaachuu UNHCR himeera.
AFP'n qondaala UN tokko wabeeffachuun akka gabaasetti, ''lakkoofsi baqattootaa dabalaa dhufnaan daangaa irratti hidhattoota kooluugaltummaa gaafatan siivilii irraa karaatti adda baasnu adeemsa gargaaru diriirsineerra,'' jedhe.
Dabalataan dahoo baqattootaa Sudaan jiranii keessa ''leenjiin loltummaa kennamaa jira,'' himanni jedhu akka jiruu fi kun garuu dogogora akka tahe UNHCR hime.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa gama isaan ''TPLF daangaa Sudaan irraan galuun walitti bu'insicha gara naannoo benishaangul Gumuzii fi Amaaraatti babal'isuuf yaalera,'' jedhe.
''Waraqaa eenyummeessaa UNHCR kan qabatan loltootni TPLF muraasa karaa Sudaan osoo galanii qabamaniiru,'' kan jedhe mootummaan kun seera idil-adunyaa kan cabsee fi dahoo UN baqattootaaf kennu kan cabsedha jedhe.
UNHCR ammoo baqattootni galmeessee fi waraqaa eenyummeessaa kenneef dahoo baqattootaa keessatti deeggarsa namoomaa fudhachaa akka jiran mirkaneessee kanaafis hojmaatni mataasaa danda'a akka jiru hime.
Dabalataan ''gara Itoophiyaatti deebi'uun kanneen adda waraanaa irratti hirmaatan baqattoota hin jedhaman,'' jedhe.
Waraqaan eenyummaas nama waraana keessatti hirmaateef akka hin kennamne ibseera.
Komishiniin Dhimma Baqattootaa kun dahoon baqattootaa bakka deeggarsi namoomaa itti kennamu qofa tahuu qaba jedhan.
Yeroo walitti bu'insaatti bakka tursiisa keenyaa bakka deeggarsa namoomaa goonee itti fufsiisuun ulfaataa tahus mootummaa Sudaan waliin tahuun qajeelfama kana itti fufna,'' jedhe.
Dhaabbatichi kana hojiirra oolchuuf bakka dahoo baqattootaatii namoota nagaa fi hidhattoota adda baasuuf akka hojjetu ibseera.
Dahoon baqattootaa Sudaan hidhattootaaf iddoo dhokannaa akka tahan hin barbaannu jedhe.
Mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi humnoota TPLF gidduutti waraana jalqabeen kumaatamatti kan lakkaa'aman ajjeefamuun miliyoonotaan ammoo qe'eeraa buqqa'aniiru.
Sudaanii fi Itoophiyaa gidduutti dhimmi baqattootaa kunis muddama uumera. Dabalataan hidha guddichaa fi wal dhabdeen daangaa akkasuma muddama guddaa uume.













