Hurricane Henri: Obonboleettiin hamaa Qarqara Bahaa US'tti sodaa uume Meksiikootti ammoo namoota saddeet ajjeese

Madda suuraa, Reuters
Namoonni Qarqara gama Baha US jiraatan bubbeen waggoota keessatti dhufaa jira jedhamu jalaa ooluuf akka of qopheessan gaafataman.
Bubbeen kun Hurricane Henri jedhameera. Bubbeen hamaan kun tirooppikaal irraa kan dhufu yoo ta'u Dilbata Niiwu Yoork Odola Loong, akkasumas Niiwuu Ingilaand rukkutu danda'ama jedhamee sodaatamaa jira.
Bubbeen hamaa kun sa'aatii tokko keessatti kiiloomeetira 120 waan saffisuuf Kutaa bulchiinsa Niiwuu Yoork keessatti labsiin yeroo muddamaa labsameera.
Sababa bubbee hamaa rooba makate kanaan roobni cimaan akka mudatus ni eegama.
Bubbeen hamaa Hurricanes jedhamu kun qarqara US amma itti mul'ate kanaan yeroo baayyee mul'atee hin beeku.
Niiwuu Ingilaand yeroo dhumaatiif kan rukkutame bara 1991 keessa, bara bubbeen maqaa Hurricane Bob jedhamu qaqqabee namoota 17 galaafatedha.
"Bubbee hamaa kana of-eeggannoo cimaatiin hordofuu qabna.
''Bubbeen kun lolaa hamaa kan qaqqabsiisu yoo hin taanellee, qilleensiifi bubbee hamaan inni qaqqabsiisu mataan isaa miidhaa cimaa salphaa waan hin taaneef of eeggannoo taasisuu qabna, " jechuun bulchaan Ejensii Balaa Atattamaa Federaalaa Biinee Kiriiswel CNNtti dubbataniiru.
"Ibsaan baduu danda'a, mukootas jijjigsee arguu dandeenya, akkasumas erguma bubbeen kun darbeellee carraan mukoonni jijjiguufi dameewwan mukaas fofoxxoquu waan danda'aniif of eeggannoon jiraachuu feesisa."
Sambata darbe konsartiin muuziqaa Magaalaa Niiwuu Yoork Sentraal Paark keessatti qophaa'ee ture "haala qilleensa hamaa uumamaaf jiruuf" tasa akka dhaabbatus ta'eera jedhe poolisiin.

Madda suuraa, Reuters
Oduu wal fakkaatuun bubbee hamaa Meksiikoo bahaatti qaqqabee roobaafi obobboleettii hamaan dhalatee humna ibsaas addaan kutuun lolaas geessiseen namoonni saddeet du'uun barameera.
Du'aatiifi miidhaan baayyee hamaa ta'e kan qaqqabe kutaa bulchiinsa Verkiruuz keessatti ture. Kutaa bulchiinsaa kana keessatti bubbeen hamaan kun Sambata mukkeen jalaa buqqisuun lolaan cimaa laggeen duucheera.
Meksiikoo kutaa bulchiinsa magaalaan guddoon biyyattii keessatti argamtu Zalapaa keessatti ammoo daandiiwwan hedduun lolaafi dhoqqeen irra gargaluun duucheera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Ameerikaa kutaawwan Odola Loong, Konnektikat, akkasumas Maasaachuseeti jedhaman keessatti sodaa balaa kanaaf saaxilamuu malu jedhuun ergaan akeekkachiisaa darbee jira.
Namoonni miliyoona 36 ol ta'an Niiwuu Ingilaand, Niiwuu Yoork, akkasumas Niiwuu Jarsii keessa jiraatanis akeekkachiifni bubbee hamaa mudachuu mala jedhu isaan qaqqabeera.












