Hurricane Dorian: Hobonboleettiin rooba makate lammiilee Bahaamaas shan ajjeese

Balaa hobomboleettii oddoola Abaakoo

Madda suuraa, Reuters

Hobomboleettii hamaan rooba makate kan maqaa 'Hurricane Dorian' jedhamuun beekamu Bahaamaas keessatti lammiilee shan ajjeese.

Biyyattiin tibbana balaa uumamaa kanaan dararamaa jirti.

Ministirri Muummee biyyattii Hubert Minnis namni kan du'e oddoola Abaakoo jedhamu keessatti ta'uu ibsanii balaan kun biyyattii diiguu mala jechuun sodaasaanii ibsan.

Erga hobomboleessi kun Bahaamaas keessatti mudachuu eegalee manneen 13,000 caalan barbadaa'aniiru.

Dhiibbaan qilleensaa ykn obomboleessi gosa 'Dorian' kun qilleensa garba Atlaantik irraa ka'uun balaa geessisan keessaa hammeenyaan isa lammaffaadha.

Daandiin Bahaamas hedduun lolaadhaan liqimfamaniiru

Madda suuraa, Reuters/John Marc

Ibsa waa'ee suuraa, Daandiin Bahaamas hedduun lolaadhaan liqimfamaniiru

Bubbee cimaan garba Atlaantik irraa bubbisu kun Ameerkaa gara bahaatti babal'achuu mala jechuun ogeeyyiin dhimma haala qilleensaa raaganiiru.

Kutaaleen biyyaa kanneen akka Filooriidaa, Joorjiyaa, Kaabaa fi Kibbi Kaalifoorniyaa labsii yeroo hatattamaa labsaniiru.

Bahaamaas amma maal keessa jirti?

Bubbee Atilantiki irraa ka'uun kutaaleen garmalee miidhaman jiruu fi jireenya lammiileetti yaaddoo ta'ani jiru.

Bakkeewwan hedduun lolaadhan liqimfamanii sochiin hawaasaa rakkisaa ta'eera.

Namoonni hedduun haala keessa jiran suuraa fi viidiyoodhaan miidiyaa hawaasummaafi miidiyaalee biyya keessaarratti mul'isaa jjiru.

Dubartii daandii lolaadhaan liqimfame keessa dhaabattu

Madda suuraa, Reuters/John Marc

Ibsa waa'ee suuraa, Bubbee kanaan nama miidhaan irra ga'e

Hobomboleessi 'Dorian' kun guyyoota dhufanitti kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti akka babal'achuu malu raagan ogeeyyiin haala qilleensaa.

Iddoowwan balaa kanaaf saaxilamoo ta'an irraa uummata kaasuun bakka biraatti dabarsuun mootummaa biyyattiif qormaata ta'eera.

Graphic

Saffisaan babal'achuu hobomboleettii kanaaf kan yaadda'an Pirezidaantiin Ameerkaa Doonaaldi Tiraampi kutaaleen balaa kanaaf saaxilamoo ta'an dursanii akka itti qophaa'uu qaban dhaaman.

Bulchaan Filooriidaa Ron DeSantis balaan kun qaqqabnaan badii guddaa geessisuu waan maluuf uummanni of dagachuu akka hin qabne dhaaman.

Kaaroolaayinaan Kibbaa iddoowwan balaa kanaaf saaxilamoo ta'an irraa namoota kaasuuf murteessiteetti, Joorjiyaanis yaada kana akka horodftu ibsite.

Kooroolaayinaa Kibbaatti namoonni ni miidhamu jedhaman 830,000 ta'u.