Ogeeyyiin miidiyaa to'ataman Awaash Sabaat jiraachuu poolisiin ibse

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa
Hojjattoonni miidiyaa iyyannoo 'qaama bilisa baasuu (habeas corpus) galfatanii turan irratti poolisiin mana murtiitti dhiyaachuun deebii kenneen, shakkamtoonni kunneen gara Awaash Sabaattiitti dabarfamuu ibse.
Poolisiin deebii Wiixata Adoolessa 19, 2013 Dhaddacha Hariiroo Hawaasaa Lidataa salgaffaa irratti barreeffamaan kenneen, shakkamtoonni sababii dhiphina eddootiif jecha Naannoo Afaar, Aanaa Fantaallee damee Awaash Sabaattiitti geeffamaniiru jedhe.
Iyyannoo mana murtii Fantaalleetti dhiyaateen ammoo hanga Adoolessa 26tti qorannoof yeroon dabalataa hayyamamuu poolisiin himeera.
Iyyannoon mana murtii Aanaa Fantaallee kan dhaddachaaf akka ragaatti qabsiifame akka mul'iseetti, gaazexessitoota kanneen Adooleessa 29, 2013 yeroon beellamaa itti gaafatameera.
Poliisinis shakkamtoonni ''toorawwan miidiyaalee hawaasaatiin jechuunis karaa fuula feesbuukii, Yutuubii, teleegraam fi WhatsApp fayyadamuun, hawaasa irratti dhiibbaa uumuudhaan, sabaafi sablammiileen akka walitti bu'an gochuun, ummanni tasgabbaa'ee hojiisaa akka hinhojjanneef ergaawwan waraana kakaasan tamsaasaniiru,'' kan jedhu dabalatee yakkawwan kana fakkaataniin shakkeerra jechuun dhddacha Aanaa Fantaalleetti iyyateera.
Kana malees poolisiin, labsii sabaa himaa cabsuun akkasumas osoo humnaan heera motummaa diiguuf socha'anii to'annaa jala oolfaman waan ta'eef, yakkoota kanneen qorachuuf yeroon naaf haa keennamu jechuun iyyatee ture.
Adooleessa 12 irratti heroo beellamaa dabalaa gaafatee kan ture poolisiin, hojiiwwan yeroo kennameef keessatti raawwadheera jedhes dhaddachichaaf dhiyeesseera.Haaluma kanaanis poolisiin shakkamtoota dubbisuu, jecha ragaa fudhachuu, ragaalee walitti qabuu, Abbaa Taayitaa Miidiyaa irraa ragaa walitti funaanuufi hojiiwwan odeeffannoo teekinikaa Nageenyaa fi Tikaa gaafachuu raawwadheera jedhe. Gochaawwan hafan jedhaman keessaa waahiloota shakkamtootaa to'achuu tokko waan ta'eef, kanaaf yeroo dabalataa akka kennamuuf iyyannoo poolisiin mana murtii Aanaa Fantaalleetiif dhiyeesseen gaafateera.
Dhaddacha iyyannoo qaama bilisa baasu ilaallatuuf galmeewwan kanneen kan dhiyeesse poolisiin, iyyannoo yeroon akka dheereffamuuf ittiin gaafatame malee ragaan Manni Murtii Aanaa Fantaallee yeroo beellamaa ittiin hayyameef akka waliin hinqabsiifamne jedhame.
Dhaddachisi ragaa yeroon beellamaa ittiin hayyamamee akka itti qabsiisuuf ajaja dabarseera.
Deebii poolisiin dhimmicharratti qabatee dhiyaatu ilaaluuf Kamisa Adooleessa 22, 2013tti beelamni kennameera.Komishiniin Mirga Namomaa Itoophiyaa gaazexeessitootaafi hojjattoota Itiyo-Foram fi Awulo Midiyaa mana hidhaa jiran haalli qabiinsa isaanii kan seera hordofe ta'uu akka qabaatu beeksiisun isaa ni yaadatama.














