Covid-19: Ogeeyyii fayyaa Itoophiyaa 'waan guddaa eeganii waa xiqqoollee otoo hin argatiin hafan'

Ogeeyyiin fayyaa hospitaalota riferaalaa Yuunivarsiitii Jimmaafi Asallaa akkasumas hospitaala Booree, waadaan tajaajila wal’aansa Covid-19 irratti mootummaan seeneef otoo hin raawwatin hafuu komatan.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa gamasaatiin qajeelfamni Mana Maree Ministeerotaan ogeeyyii fayyaa Covid irratti hojjataniifi dhibichaaf saaxilamoo ta’aniif durgoon akka kaffalamu ajaje hojiirra hin ooliin hafuu mirkaneesse.

Hakiimni hospitaala Referaalaa Yuunvarsiitii Jimmaa sodaa nageenyasaaf maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko BBCtti akka himetti, hakiimota kaan wajjin dabareen hojjachaa turanillee ‘’waa guddaa eegne waa xiqqoo otoo hin argatiin hafne'' jedhe.

Hakiimni waliigalaa kun yeroo weerarri Covid Itoophiyaa seene hakimootni fayyaasaaniif yaadda’aa akka turan yaadachuun, yeroo sanatti inshuraansii akka seenamufi kaffaltiin ogeeyyii giddugaleessa Covid hojjataniif akka kennamu waadaa seename ture sirnaan akka hin raawwatamiin hafe dubbata.

‘’Torban lamaaf Covid irratti ramadamee hojjadhe, walumagalaatti birrii 1,400 qofatu naaf kaffalame’’ jedha doktorri waliigalaa kun kaffalttiin durgoo itti xiqqaachuu wayita komatu.

Akkaata waadaa seenameen mindaa isaanii malee guyyaatti birrii 1,050 akka kaaffalamuuf waadaa seenamuun dubbata.

Kana malees, Yeroo sanatti inshuraansii lubbuu namoota dhibichaaf saaxilamaniif waadaa seename hojiitti hin hiikamiin hafuu kaase.

Hakimni hospitaalaa rifaraalaa Jimmaa maal komate?

Hakiima waliigalaa hospitaalaa Referaalaa Yuunvarsiitii Jimmaa BBC’n dubbise waggaa afurii oliif hospitaalicha keessaa hojjataa jira.

Weerara Covid dura dabareedhaan ji’atti halkan torba hin caalleef kaffalattii dabalataa otoo hin gaafatiin, dabareen hojiisaa wayita gahu hospitaalicha bulee hojjataa turuu dubbata.

Weerara Covid boodammoo giddugaleessa wal’aansa Covid irratti hojjattoonni fayyaa torban lama lamaan achitti ramadamanii ogummaasaanitiin tajaajilaa turan jedhe.

Akka hakiimni kun himanitti ogeeyyiin Covid irratti ramadamanii hojjatan dippaartimentii afran hospitaalichi qaburra dabareen ramadamaa hojjataa turan.

‘’Narsoonni, ogeeyyiin, anisteezhiyaa fi hiriyoonni kaanis ogummaasaanitiin na waliin ramadamanii hojjataa turani. Yeroo sanatti guyyaa guyyaatti birrii 1,050 hakiima tokkoof ni kaffalla jedhamee ture.''

Yeroo sanatti inshuraansii lubbuun yoo darbaniif kaffalamu ykn ‘life insurance’ namoota dhibichaaf saaxilamanii waadaa seename hin eegamne jedha.

Akkamitti shallagamee paarsantiii maalitiin akka kenname hin beeku, gaafannaan garuu bajata hin qabnu naan jedhan.

Ogeeyyiin akkamitti akka shallagame gaafatan ''hojiirra ari'amuuf sodaachifamaniiru’’ jedha.

Ogeeyyiin kaan ija jabaatanii gaafachuu sodaatan, haa ta'u malee sababa kanaaf namni hojiirra ariyame hin turre jedheera.

Hakiimoonni hojjirratti hirmaataa turan kaffalatiin isaaniis xiqqaa akka ture kaasan.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa komii durgoon xiqqaate jedhanii ogeeyyiin kaasan quba qabaachuu ibseera.

Yeroo sanatti inshuraansii lubbuu namoota dhibichaaf saaxilamanii waadaa galamee ture waadaa seename garuu hin eeegamne.

Haaluma walfakkaatun hakiimni hospitaala Referaalaa Asallaa kan biraan, saaxilamummaa dhibichaaf hakiimonni qabaniif, hojjattoota fayyaa hospitaala keessa dalaganiif kaffalatiin kennamuu irra ture jedhe.

Hogganaa Ittanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Guushaa Balakkoo gama isaanitiin saaxilamummaa Covid'f ogeeyyiin qabaniif durgoon akka hin kaffalamne kaasan.

Hospitaalichatti hakiimota kallattiin dhukkubsattoota Covid yaalaniif kaffalamuu eeruun, hakiimota hanga dhukkubsataan Covid qabaachuun mirkanaa’uutti yaalaniif garuu hin kaffalamne jedhe.

Hospitaalichatti akkuma ogeeyyii waliin hojjatan biroo vaayirasichaan qabamee Covid irraa bayyanachuu kaasuun, narsoonni gurmaa’anii kaffaltii jedhanii gaafatan doorsifamuu dubbate.

Godina Gujiittis hakiimni waliigalaa hospitaala Booree ogeeyyii dabareen sa’aatii dabalataan hojjataniif maallaqni kaffalamuuf jiraachuu haaluma walfakkaatun kaase.

Akka ogeessa Covid irratti akka hojjatuuf ramadameetti maallaqni addatti kaffalameef akka hin jirreefi meeshaaleen ofeggannoo Covid ogeessaaf sirnaan kennamaa akka hin turre kaase.

Hakiimni kun kan waadaa galameefi kan hojiitti hiikame wal hin gitne jedhe hakiimni waliigalaa maqaa isaa akka dhahamu hin feene kun.

Miindaa idileen kaffalamuufin alatti durgoo addatti akka hin arganne haakimni waliigalaa kun himeera.

Hogganaa Ittanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr Guushaa Balakkoo gama isaanitiin wiirtuulee yaalaa 26 keessatti ogeeyyiif kaffaltiin ‘duty’ kaffalamaa turuu kaasan jedhan.

Akka isaan jedhanitti, ogeeyyii kallattiin Covid irratti hojjataa turaniif ‘’durgoon onnachiiftuu kaffalameera’’ jedhu.

Saaxilamummaa dhibichaa qabaniif ogeeyyiif durgoon kaffalama akka hin turre Dr Guushaan kan kaasan.

Sababni hin kaffalamiin hafe jedhan wayita himan immoo ogeessi hospitaala hundatti hojjatu dhibichaaf saaxilamaadha jedhan.

Hojjattoota fayyaa wiirtuuwwan wal’aansa Covid 19 keessatti ramadamanii dabareen hojjataa turaniif garuu maallaqni kaffalame jiraachuu himan.

Dr Guushaan akka himanitti, qajeelfamni Mana Maree Ministeerotaan ogeeyyii fayyaa kallattiin Covid irratti hojjataniifi dhibichaaf saaxilamoo ta’aniif durgoon akka kaffalamu murteessee Oromiyaa keessatti hojiirra hin ooliin hafuu dubbatan.

Sababa qajeelfamichi otoo hojiirra hin oolin hafe jedhame gaafachuuf hoggantoota Ministeera Fayyaarraa deebii hin arganne.

Qajeelfamichi hojiirra kan hin ooliin hafe ogeeyyiin hundi dhibichaaf saaxilamoo waan ta’aniif naannolee hundi humna qabaniin hogganuu itti haa fufani jedhameen hoggaanaa turuu kaasan.

Sadarkaa naannoo Oromiyaatti hojii to’annoo Covid walqabatuuf bajata birrii miliyoona 300 fi miliyoona 65 bara 2013 sadarkaa naannootti ramadameen waggaa guutuu hojiin Covid irratti hojjatamaa turuu himan.