Waraana Tigraay: Itoophiyaan humnooti Tigraay Affaaritti 'deeggarsa ugguran, haleellaa raawwatan' jette

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa humnoonni Tigraay naannoo Affaaritti haleellaa shororkeessummaa raawwatan, deeggarsa namoomaas ugguran jedhe.
Guyyoota sadan darban deeggarsa nyaataa fi nyaata hin ta'iin fe'anii gara Tigraay imalaa kan turan konkolaattota fe'umsaa 189tti karaa cufuun "haleellaa shororkeessummaa" raawwachuu hime.
Haleellaan kun kan raawwate naannoo Affaar Godina afur Aanaa Farantisuu Yaaloo jedhamtu keessatti ta'uu barreeffamni fuula tiwiitarii qulqulleessa ragaalee mootummaa federaala irratti bahe ni hima.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Haleellaa raawwatame jedhameen miidhaan dhaqqabe hagam akka ta'e wanti himame hin jiru.
Komiishinarri Komiishinii Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa guyyoota sadan darbaniif naannoo Affaar qaxxaamuruun gara Tigraay imalaa kan turan konkolaattonni meeshaalee deeggarsaa fe'an ugguramanii dhaabbatanii jiru jechuun Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniiru.
Wiixata darbe konkolaattonni 10 osoo gargaarsa fe'anii gara Tigraay imalaa jiranii naannoo Affaar keessatti haleelamuu Sagantaan Nyaataa Addunyaa UN himee ture.
Naannoo Tigraayitti namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman beelaaf saaxilamanii jiru akka UN jedhutti, namoonni miliyoona 5.2 ta'an ammoo deeggarsa namoomaa fedhu.
Haleellaan kun carraaqqii deeggarsa namoomaa dhaqqabsiisuuf taasifamu ulfaataa taasisa jedhe WFPn.
Waraanni ji'oota saddeetii oliif naannoo Tigraay keessa ture gara naannolee ollaatti babal'ataa jiraachuun akka isaan yaaddesse biyyootni Lixaa ibsaa jiru.
Sanbata darbe humnoonni mootummaa federaalaaf amanamoo ta'anii fi humnoonni TPLF naannoo Affaar keessatti wal-haleeluu aanga'oonni gama lamaanii himaniiru.
Mootummaan Naannoo Affaar humnooti Tigraay horsiisee bultoota naannichaa irratti haleellaa raawwatani jedhe.
Finciltoonni Tigraay ammoo haleellaan naannoo Affaar keessatti raawwatan humna addaa Oromiyaa deeggarsa humna mootummaa federaalaaf dhufe bittimsuufi jedhan.
''Haleellaa daangahedha'' jechuun AFP'tti kan himan dubbi himaan TPLF Obbo Getaachew Raddaa ''tarkaanficha kan fudhanne humnoonni kunniin Oromiyaatti akka deebi'an gochuufi, san gochuu dandeenyeerra,'' jedhanii turan.
Mootummaan Federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuu hordofee, humnoonni TPLF, naannolee Lixaa fi Kibba Tigraay deebisanii qabachuuf jecha lola itti fufaniiru.
Kana hordofees waamicha naannoon Amaaraa fi MM Abiy dabalatee qondaalonni olaanoo mootummaa federaalaa fi raayyaa ittisa biyyaa dhiyeessaniin naannooleen humna addaa isaanii garas erganiiru.
Hirmaannaan humnoota addaa naannolee adeemsa waraana baatilee saddeetii oliif deemaa jiru keessatti boqonnaa haaraa bana.















