Hajjii bara kanaa irratti namoota 60,000 qofatu akka hirmaatan hayyamame

Madda suuraa, Reuters
Erga Koronaavaayirasiin addunyaa weeraree si'a lamattaaf Hajjii raawwatamaa jiruuf Sanbata xiqqaarraa eegalee amantootni sagadaaf gara Makkaa seenaa jiru.
Musliimonni Hajjiif bakka amanticha keessatti iddoo guddaa qabu, Makkaa, galan qaamaan walirraa siiqanii, maaskii keewwachuun irraa eegama.
Sagantaan bara kanaa kan bara 2020 irra guddaa, kana dur baratameerra ammoo xiqqaadha.
Jiraattota Saawdii guutummaatti talaallii Koronaa fudhatan 60,000 ta'an qofatu irratti qooda fudhata.
Hiramaattootni kun gama online namoota iyyannoo galfatan 550,000 ta'an keessaa filatamani.
Hirmaattotni kun hunduu talaallii Koronaa marsaa lamaanuu kan fudhataniifi umriin isaanii ganna 18 fi 65 gidduu kan jiran ta'uu akkasumas dhibee jabaa kan hin qabne ta'uutu irra jira.
Guyyaa Sanbata Xiqqaa namootni gara Masjiida guddicha Makkaa jirutti imaluuf geejiba eeggatan suuraan fudhachuun danda'ameera.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters
Hordoftootni Amantaa Islaamaa Hajjiif imalan Masjiida guddaa Makkaa jirutti bakka kabajaa guddaa fi qulqullaa'aa ta'e, Kaabaatti si'a torba naanna'uun sagada tawaaf raawwatu.
Musliimonni Hajjii dhaqan kun dhiyeenyuma sanitti bakka qulqullaa'aa jiranitti sagada guyyoota shanii raawwatu.
Addunyaarratti sagantaalee amantaa namootni hedduun irratti argaman keessaa Hajjiin tokko yeroo ta'u, bara 2019'tti namoota miiliyoona 2.5 ta'antu irratti argame.

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, Reuters
Sirna Hajjii raawwachuun utubaalee amantii Islaamaa shan keessaa isa tokko yeroo ta'u, yoo danda'an jireenya isaanii keessatti takkaallee ta'u raawwachuun irraa eegama.
Qaamni sirna kana olaantummaan hoogganu, Hajjiin bara kanaa sababa weeraraan eeggannoo fayyaa jabaan gaggeeffama jedheera.
Dubbii himaan Ministeera Hajjii Hishaam al-Sa'eed AFP'tt yoo himan ''sa'aa sadi sadiin namootni 6,000 ta'an dabareen seenanii sirna tawaaf raawwatu''.
Dabareewwan kunniin gidduuttis bakka sun ni qulqullleeffama jedhan.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, AFP
Namoota walirraa sissiqsuuf jechas garee nama 20 gidduu daandiin ykn bakki duwwaan akka jiraatu godhama jedhaniiru aanga'oonni.
Bara darbe ji'uma kana keessa wayita biyyattii keessa weerarri jabaan hin mudannetti sirni kun hirmaattota 10,000 qofaan raawwatame.
Saawdii Arabiyaa namoota koronaan qabaman 500,000 fi kanneen sababa kanaan lubbuu dhaban 8,000 galmeessiteetti.
Hanga ammaattis talaaliin dooziiin miiliyoona 21.5 uummataaf kennameera. Ta'us garuu akka ragaan agarsiisutti uummata dhiibbeentaa 10 ta'utu talaalli marroo lamaanuu fedhate.

Madda suuraa, AFP













