Somaaliyaa: Namtichi intala buddeenaasaa gudeede du'aan adabame

Kibba bulchiinsa Somaaliyaa Jubaalaandiitti namtichi intala buddeensaa kan waggaa sadii gudeeduun du'aaf saaxile itti dhukaafamuun akka du'u taasifame.

Mucaan umurii waggaa namtichi kun gudeedees miidhaa irra qaqqabee turen du'unshee himameera.

Manni murtii Magaalaa Dhobley nama maqaansaa Husseen Adaan Alii jedhamuufi kan umuriin waggaa 28 ta'e kanatti yakkamaadha jedhee murteessuu buufanni TV biyyattii Roobii gabaasee ture.

Jaarsoolii gosaa aadaa fi qondaaltoonni mana murtii waliin ta'un osoo murteen du'aa kun hin dabarfamiin dura ragaa irratti dhiyaate xinxalanii ture.

Akka ragaa mul'iseetti, Aliin wayita daa'ima buddeenaasaa kan taatee dhalattuu waggaa sadii kana gudeedeetti caatii qama'aa ture.

Bakki taateen kun itti raawwatamee ifatti eeramuu baatulleen, daa'imti miidhaan irratti raawwatame garuu guyyaa Roobii du'ushee abbaan alangaa himeera.

Tibba dhaddachi gaggeeffameetti ammoo abbookaatowwaan hirmaataniiru ykn hirmaannee akkasumas himatamaan kun carraan ol iyyannoo haa kennamuufi haa dhiisuu wanti ifatti jedhame hinjiru.

Haata'u malee, murteen du'aa dabarfame garuu kan seera Islaamaa jalatti hayyamamee akka ta'e manni murtichaa himeera.

Buufanni TV biyyaaleessaa Somaali suuraa nama kanaa karaa toora tiwiitariitiin maxxanseera.