Filannoo Itoophiyaa 2021: Paartiin MM Abiy Ahimad sagalee olaanaan mo'ate

Paartiin Badhaadhinaa MM Itoophiyaa Abiy Ahimadin durfamu filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa sagalee caalmaa guddaan injifachuu, boordiin filannoo biyyaalessaa Sambata beeksise.

Akka boordichi ibsetti, Paartiin Badhaadhinaa teessuma 436 keessaa 410 mo'achuun waggoota itti aanan shaniif aangoo mirkaneeffateera.

Haata'u malee, sababiiwwan nageenyaa fi rakkooleen loojistiikitiin walqabatee eddoowwan tokko tokkotti filannoon osoo hin gaggeeffamiin hafeera.

Bakki waraanni keessatti gaggeeffamaa tureefi lammiileen kumaatamaan lakkaa'aman hir'ina nyaataa keessatti argamani, Naannoo Tigraayitti filannoon hingaggeeffamne.

Eddoowwan amma filannoon itti hingaggeeffamneeti ammoo marsaa biraa gaggeessuuf Fulbaana 6tti kan karoorfame yoo ta'u, kun naannoo Tigraay haa ilaallatuu haa dhiisuu hin mirkanoofne.

Jalqaba filannoon biyyaalessaa marsaa jahaffaa sababii weerara Kovidiin akka turu taasifamuunsaa ni yaadatama.

MM Abiy Ahimad injifannoo kana ilaalchisuun erga karaa toora Tiwitara isaaniin dabarsaniin ''filannoo seena qabeessa hunda hammataa'' jechuun ibsaniiru.

Motummaa haaraan Onkololeessa keessa akka hundeeffamu eegama. Haata'u malee kanneen walabummaa filannichaa irratti gaaffii kaasan hindhabamne.

Paartiileen mormitootaa mootummaan waajjirasaanii jalaa ugguruun karoora filannoof taasisaa turan jeequu himaa turan.

Kanaanis walqabatee paartileen siyaasaa Oromoo gurguddoon filannoo keessatti osoo hirmaatiin hafaniiru.

Paartiin Biraanuu Naggaa, IZEMAn, taajjabdoonni isaa erga aanga'oota naannoolee fi milishootaan danqamaniin booda komiiwwan 200 boordii filannootti dhiyeessee ture.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa mootummaan hundeeffame gamasaatiin, buufataalee filannoo doowwate keessatti ''taateen sarbama mirga namoomaa cimaan ykn bal'aan hinmudanne'' jedheera.

Haata'u malee Komishinichi gabaasa isaa jalqabaa keessatti buufataalee filannoo tokko tokkotti ''hidhaan sirrii hintaane'', filattoota sodaachisuu fi taajjabdootaa fi gaazexxeessitoota dorsisuun mudataniiru jedheera.

Akkasumas hanga guyyaa filannootti naannoo Oromiyaatti ajjeechaawwan hedduun raawwatamuu hubachuu kaasee ture.

Gamtaan Awurooppaa baatii Caamsaa keessa Itoophiyaan filannoo ishee walabaa taasisuu mirkanneeffachuu hindandeenye jechuunsaa ni yaadatama.

Filannoon kunis MM Abiy erga 2018 gara aangootti dhufanii booda paartii haaraa hundeessan Badhaadhinaan wayita dorgoman kun kan jalqabaati.

Abiy erga gara aangootti dhufeen boodas, malaammaltumma irratti tarkaanfii fudhachuun, hidhamtoota siyaasaa gadhiisuun, dubartoota hedduu sadarkaa kaabineetti muduu fi waldhabdee waggoota 20f biyya ollaa Ertiraa waliin ture jidduutti nagaa buusuun hojjiiwwan gurguddaa raawwataniiru.

Bara 2019ttis Badhaasa Noobeelii Nagaa badhaafamaniiru. Haata'u malee waggaadhuma tokkoon booda humnootiin TPLF buufata waraanaa kaabatti argamurratti haleellaa raawwachuu hordofee, Naannoo Tigraayitti tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu gochuun paartii naannicha bulchaa kan ture TPLF aangoorraa buusee ture.

Sababii waraana naannichatti gaggeeffameen kumaatamni ajjeeffamanii hedduun ammoo beela cimaaf saaxilamuu gabaasaaleen dhaabbilee deeggarsa namoomaa ni himu.

Torbanoota darban lamaa as guyyaa Sambataa yeroo jalqabaatiif deeggarsi Sagantaa Nyaataa Addunyaa UN (WFP) gara Tigraayiitti socho'e.

Qaamooleen waraanicha keessatti hirmaatanis deeggarsi barbaachisu akka hinqaqqabnee danquun wal himataa turan.

Dhaabbanni Motummoota Gamtomanii (UN) guyyaa Jimaataa, tajaajiloonni buu'uraa kan akka boba'aa, telekomunikeshinii fi ibsaa bakka hinjirretti, hojiiwwan deeggarsa namoomaa daangeeffamuu isaanii beeksiiseera.