Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Guteerees haleellaa xiyyaaraa Tigiraayitti raawwate cimsanii balaaleffatan

Madda suuraa, Getty Images
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteerees haleellaa xiyyaaraa naannoo Tigiraay ganda Togogaa jedhamtutti raawwate cimsanii balaaleffatan.
Ergaa dubbi himaan Barreessaa Olaanaa UN har'a baaseen, Antooniyoo Guteerees lammileen nagaatiif eegumsi taasifamuufiif akka qabu gaafataniiru.
Guteerees, maatii namoota haleellaa qaqqabe kanaan miidhamaniifis gadda guddaa itti dhaga'me ibsaniiru.
Haleellaan bakka magaalaa Maqaleerraa km25 fagaattutti Waxabajji 22 raawwate kun mootummaan akka raawwatameefi lubbuu lammilee nagaa baayyee galaafatee kaan akka madeesses namoonni ijaan argan BBCtti himanii turan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa garuu himannaa kana waakkachuun, 'Haleellaa qilleensarraa kan gaggeessine garee shororkeessitootaa dhabamsiisuuf malee, namoota nagaarratti miti,'' jedheera.
Namoonni ijaan argan haleellaan xiyyaaraa kun bakka gabaarratti raawwatame jedhu, Raayyaan Ittisa Biyyaa garuu bakka gabaa osoo hin taane bakka gareen finciltootaa jiran aa baafannee haleelle jedha.
Dubbi himaan Raayyaa Itoophiyaa Koloneel Geetinnet Adaana akka himanitti: "Iddoo gabaatti haleellaa xiyyaaraa hin gaggeessine. Kun akkamiin tahuu danda'a? Waraanni [keenya] iddoowwan barbaadu qiyyaaffatee haleeluuf humna qaba.
''Haleellaa qilleensarraa gaggeessineerra, garuu iddoowwan adda bahan muraasatti. Gabaa keessatti raawwatame jedhamee kan haasawamu dhugaarraa kan faagateedha,'' jedhan.
Barreessaa Olaanaan UN qaamoleen hundumtuu akka seeraafi mirgoota namoomaa idil-addunyaatti eegumsi namoota nagaaf taasifamuu mirkaneeffachuun itti-gaafatamummaa isaanii bahachuu qabu jedhaniru.
Itti dabaluunis Guteerees, gochi kun qaama walaba ta'een saffisaan akka qoratamus gaafataniiru.
Barreessaa Olaanaan UN kun irra deebiyuun lollichi atattamaan dhaabbatee walitti bu'insicha karaa naganaa furuuf tarkaanfiin ammuma akka fudhatamuuf gaafataniiru.
Gamtaan Awurooppaa (EU) fi US haleellaa xiyyaaraa Waxabajjii 22 naannoo Tigraayitti namoota nagaarratti raawwate jedhame kana cimsanii balaaleffataniiru.
Gamtaa Awurooppaatti Bakka Bu'aa Olaanaa Dhimmoota Alaafi Imaammata Nageenyaa Jooseep Boreel Fronted fi Komishinarri To'annoo Balaa Awurooppaa Janez Lenaricic ibsa waloo Roobii galgala baasaniin [Afaan Ingiliizii], ''haleellaa xiyyaaraa itti yaadamuun naannichatti namoota nagaa irratti raawwate kana cimsinee balaaleeffanna'' jedhan.
Lolli noonnoo Tigraay maalirraa ka'ee, maal qaqqabsiise?
Jalqaba ji'a Sadaasa darbe haleellaa TPLF buufata humna waraanaa biyyaa Tigraay keessa jirurratti haleellaa raawwachuu hordofee, mootummaan loltoota Ertiraa waliin ta'uun tarkaanfii fudhateen paartii naannicha bulchu TPLF aangoorraa ari'uun injifannoo labsuun isaa ni yaadatama.
Lolli osoo hin jalqabamiin dura TPLF jijjiirama siyaasaa MM Abiy gaggeessan waliin walqabatee waldhabdee cimaa keessa kan galanii turan yoo ta'u, haleellaan buufata waaraanaa biyyaa Kaaba jirurratti raawwatameen walitti bu'insichi akka jalqabamuuf sababa ta'eera.
Lola ji'a saddeet dura jalqabame kanaan namoonni kumaan lakkaa'aman ajjeefamanii miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo buqqa'uu isaanii gabaasni dhaabbileen gargaarsaa ni mul'isa.
Lola kana hordofees, naannicha keessatti ummanni miliyoona shan ta'an gargaarsa nyaataa kan isaan barbaachisu yommuu ta'u, namoonni 350,000 ol ta'an ammoo beela'aa akka jiran Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii torban darbe keessa ibsee ture.














