Dubartiin US jaalalaaf jecha odeeffannoo waraanaa dabarsitee kennite hidhaa waggaa 23n adabamte

Madda suuraa, Getty Images
Waraana US keessatti qondaalli afaan hiikuun hojjattu odeeffannoo dhoksaa lammii biyya biraa gartuu hidhattoota Hezbollaa waliin hidhata qabutti dabarsite kennuun himatamtee hidhaan waggaa 23 irratti murtaa’e.
Dubartiin ganna 62 Mariyaam Toomsan, Iraaq keessatti maqaa namoota madda dhoksaa odeeffannoo US ta’anii, nama hariiroo jaalalaa waliin qabduuf kennuu ishee amanteetti.
Kana kan goote “umuriikoo kanatti nama na jaallattu argachuu waanan barbaadeefi” malee eenyuyyuu akka miidhamu barbaadee miti jechuun dubbatte.
Abbootiin alangaa maddeeniifi loltoota US rakkoof saaxilaa akka jirtu beekti ture jedhan.
“Murteen Mariyaam irratti murtaa’e yakki isheen amantaa lammilee US, lubbuu namoota madda ta’anii balaaf saaxiltee fi looltoota waayilotaa ishee turanii gurguruun ishee hagam cimaa akka ta’u agarsiisa,” jechuun Biiroo Haqaatti hogganaan nageenya biyyaalessaa Joon Damersi himeera.
Lebaanonitti dhalattee lammi US kan taate Mariyaam, wiirtuu waraanaa US’f biyyoota birootti afaan hiikuun kan hojjachaa turte yoo ta’u, odeeffannoo mootummaa US dhoksaa ta’an ilaaluuf eeyyama qabdi ture.
Bara 2017tti yeroo hojiirra turte, nama mootummaa Libaanoon fi Hezbollaa waliin hidhata qabu waliin hariiroo jalalaa eegalte jedhu abbootiin alangaa.
Gartuun siyaasaa Islaamummaa Shiyaa fi hidhattotaa kan ta’e Hezbollaan, Libaanoon keesatti humna cimaa kan qabuuufi Iraan waliin hariiroo kan qabudha.
Mariyaam nama kana waliin kan wal qunnamaa turte vidiyoo fi ergaa intarneeta dhoksaa ta’eeni.
Abbootiin alangaa akka jedhanitti Mariyaam odeeffannoo dhoksaa nama kanaaf akka kennituuf kan kakaaseni bara 2020tti sochii waraanni US Iraaq keessatti taasisaa turedha.
Mudde 2019 keessa waraanni US yeroo gartuu Hezbollaa irratti xiyyeeffachuun Iraaqitti yemmuu haleellaa eegale, Mariyaam wiirtuu waraanaa addaa US keessa hojjachaa turte.
Sana booda Amajjii 2020tti yeroo haleellaa US’n hogganaan waraana Iraan Qaseem Sulimaanii ajjeefametti, jaalalleen ishee kun eenyutu US akka Solemaanii irratti xiyyeeffatuuf gargaareeni kan jedhu irratti odeeffannoo akka kennituuf gaafateeni.
Gaaffii isaa kanaafis tole jechuun dubartiin kun odeeffannoo tikaa hedduu kompiitara waraanaa US irraa fudhachuun kenniteefi.
Mariyaam jaallallee ishee kanaaf yoo xiqqaate eenyummaa maddeen US saddeetiifi odeeffannoo biroo 10 kenniteetti.
Mariyaam to’annoo jala kan olfamte qondaaltoota FBI’n wiirtuu waraanaa US keessatti Guraandhala 2020 ture.














