Waraana Tigraay: ‘Qorannoon AUn Tigiraayitti nan gaggeessa jedhu bu’uura seeraa hin qabu’ – Itoophiyaa

Madda suuraa, MFA
Gamtaan Afrikaa (AU) sarbama mirgoota namoomaa Tigiraay keessatti raawwataman jedhame qorachuuf murteessuun isaa bu'uura seeraa hinqabu jedhe Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa.
"Komishiniin Mirgoota Namoomaa Afrikaa himannaawwan sabama mirgoota namoomaa Tigiraay keessatti raawataman jedhaman qorachuuf, "qofumasaatiin" 'Komishinii Qorannoo' hundeessuuf murteessuun isaa nama gaddisiisa'' jedhee ibsichi.
Kun ammoo bakka mootummaan kennuufiin hafeereen ala kan ta'eefi bu'uura seeraa kan hin qabneha," jedha ibsi Ministeerichi baase.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa AU adeemsa sirrii kanneen qorannoo gaggeessuudhaaf haalawwan barbaachisoo hayyamamaa ta'an hin hordofne jedheera ibsi kun.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Gamtaan Afrikaa maal jedhe?
Gamtaan Afriikaa himannaawwan sarbama mirgoota namoomaa kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessa mudatan jedhaman qorachuu akka eegalu Roobii beeksise.
Komishiniin qorannoo kunis Jimaata dhufaa irraa eegaluun dhimmicha baatiiwwan sadan itti aananiif akka qoratu himame.
''Komishiniin qorannoo kun himannaawwan ka'anii qorachuufi odeeffannoowwan himannaawwan sarbama mirgoota namoomaa cimaan qaqqabu murteessuuf barbaachisoo ta'an hunda walitti qabuuf itti gaafatamummaa kan itti kennameedha,'' jedha ibsi Gamtaa Afriikaatiin bahe.
Komishinichis tibba qorannoo gaggeessutti qaamolee dhimmichi ilaallatu irraa wal ta'iinsa gaafateera.
Naannoo Tigraay keessatti waraana mudateen wal qabatee sarbamni mirga namoomaa babal'achuu ilaalchisee himannaawwan qaamoolee adda addaatiin dhiyaataa jiru.
Sarbamni mirgoota namoomaa kun erga oppireeshiiniin waraanaa humnootii TPLF kan duraan naannicha bulchaniifi amma motummaan akka shoroorkeessaatti farrajame irratti Sadaasa 2020 naannichaatti eegalee booda kan mudatedha.
Waraana Sadaasa darbe mootummaa Itoophiyaa fi loltoota TPLF jidduutti eegaleen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle tilmaama.
MM Abiy Ahimad naannoo Tigraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaa jiraachuu gabaasaaleen agarsiisan jiraachuu dubbataniiru.
Loltoonni sarbama mirgoota namoomaa raawwatan seeraan akka itti gaafatamanis himaniiru.
Keessattu loltoonni Ertiraa motummaa federaalaa maddii hiriiruun naannicha keessatti lolaa jiran sarbama mirga namoomaa kanaan kan himataman yoo ta'u, hawaasa addunyaatiin akka naannicha dhiisanii bahaniif dhiibbaa olaanaatu taasifamaa jira.

Madda suuraa, AFP
Sababii waraana naannichatti mudateen wal qabatee namoonni 60,000 ol ta'an biyyaa baqachuun gara biyya ollaa Sudaaniitti ce'aniiru.
Kanneen miliyoonaan lakkaa'aman ammoo naannichuma keessatti bakka jireenyaa isaanii irra buqqa'uun, hir'ina nyaataatiif yaaddeessaadhaa saaximaa jiraachuu dhaabbileen deeggarsa namoonaa iil-addunyaa irra deddebbiin akeekkachiisan.
Haata'u malee mootummaa Itoophiyaa lammiilee kanneeniif nyaataa dhiyeessuuf cimee hojjataa jiraachuu himuun, haalli sadarkaa beela hamaatiif lammiilee saaxilu naannicha keessa hinjiru jechuun waamicha dhaabbilee idiladdunyaa taasisan kana morma.

















