Ameerikaan waraana Tigraayitti gaggeeffamaa jirurratti 'boba'aa firfirsaa jirti' jechuun Ertiraan himatte

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Ertiraa waraana Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiruuf mootummaa Ameerikaa himate.
Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii Osmaan Saaleh, xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti barreessaniin Ameerikaan ''walitti bu'insichi akka itti caaluufi tasgabbiin akka dhibu goote'' jechuun himatan.
Olaantummaan Itoophiyaa gaggeessaa kan turan ''harcaatota TPLF deebistee lubbuu itti horuuf'' karoorsitee hojjechaa jirti jechuun Ameerikaa himatan xalayaa barreessaniin.
Ameerikaan loltootni Ertiraa sarbama mirga namoomaan himatamaa turan naannoo Tigraay keessaa akka bahaniif waamicha gochaa turte.
Haata'u malee, xalayaan Osmaan Saaleh mana marichaaf barreessan loltootni Ertiraa naannoo Tigraay jiraachuu irratti waanti jedhan hin jiru.
Mootummaan Itoophiyaa jalqaba irra loltootni Ertiraa naannoo Tigiraay keessa jiraachuu haalaa turuun booda akka naannicha keessaa baasu waadaa seenee ture.
Mootummaan Itoophiyaa karaa ministira dhimma alaa isaa loltoota Ertiraa ''guyyaa tokko'' naannichaa akka baasu torban darbe keessa ibsee ture.
Haatahu malee, dubbi-himtuu MM Abiy Ahimad kan ta'an Billanee Siyyuum Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa wabeeffachuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, loltootni Ertiraa naannoo Tigiraay keessaa bahuu jalqabaniiru jedhan.
Ameerikaan waa'ee lola naannoo Tigraay ilaalchisuun dhorkaa viizaa qondaalota Itoophiyaa fi Ertiraa irratti dabarsuu ishee ibsitee ture.
Eenyummaan qondaalota kanneenii ammatti hin baramne. Deeggarsa namoomaa irraa kan hafe kaanis akka dhaabduufi michoota ishee Itoophiyaa deeggaran waliinis akka hojjettu ibsitee ture.
Loltootni Ertiraa naannoo Tigiraay keessatti sarbama mirgoota namoomaa ciccimaa, yakka gudeeddii, namoota nagaa jumlaan ajjeesuu fi kaan raawwataniiru jechuun dhaabbileen mirga namoomaaf falman irra deddeebiin watwaatu.
Ameerikaanis yaaduma wal fakkaatu ibsaa turuun yoo hin dhaabbatu tahe, tarkaanfii qoqqobbii dabalataa Itoophiyaa irratti akka fudhattu ibsitee ture.
Abbaan alangaa waliigalaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos ibsa torban darbe kennaniin, loltootni yakka ajjeechaa fi gudeeddii naannoo Tigraay keessatti raawwatan himatamuufi kaanis qoratamaa jiraachuu himaniiru.
Dhaabbileen gargaarsa idiladdunyaa naannoo Tigraay keessatti rakkoon deeggarsa namoomaa hamaa tahe mudachaa jiraachuu himan.
Barreessaan olaanaa UN Antooniyoo Guutirez, ''Tigiraay fiixee hongeen rukutamuurra jirti'' jechuun akeekkachiisaniiru.
Itoophiyaan ALA Waxabajjii 21 bara 2021 filannoo biyyaalessaa gaggeessuuf qophiitti kan jirtu yoo tahu, kun erga MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii isa jalqabaati.














