Kanaadaatti maatiin Muslimaa tokko haleellaa konkolaataan 'itti yaadamee' raawwatameen ajjeefaman

Namoonni warra ajjeefamaniif yeroo yaadannoof shaamaa ibsanitti, London Ontaariyoo (Waxabajji 7, 2021)

Madda suuraa, Reuters

Maatii Musliimaa tokko keessaa namoonni afur haleellaa konkolaataa gudaan 'ta'e jedhamee itti yaadamee' Dilbata raawwatameen ajjeefamuu isaanii poolisiin Kanaadaa beeksiseera.

Haleellaan kun kan raawwate magaalaa London, kutaa bulchiinsa Ontaariyoo keessatti ture.

Maatii miidhaan irra gahe kana keessaa mucaa dhiiraa umuriin isaa waggaa sagal ta'e tokko qofti kan lubbuun hafe yoo ta'u, innis madaa cimaa irra gaheen hospitaalatti wallaanamaa jira.

Namni umuriin isaa waggaa 20 ta'eefi lammiin isaa Kanaadaati jedhame ajjeechaa miseensota maatii afraniifi yaalii ajjeechaa nama tokkootiif himatameera.

Haleellaan kun erga bara 2017 keessa masgiida Magaalaa Kuubeek keessatti raawwatamuun namoota ja'a ajjeeseen as Kanaadaa keessatti isa baayyee amaadha jedhameera.

"Namoonni miidhaan irratti raawwatame kun sababiidhuma Musliima ta'aniif irratti xiyyeeffatame jedhamee amanama," jedhchuun ibsa Wixata kennaan dubbataniiru Det Supt Paul Waight.

Poolisiin himannaa shororkeessummaa ta'aa akka malu ilaalaa jira kan jedhan qondaalli kun, yakka jibbiinsa irraa kan ka'een raawwatameetti jedhamee amanama jedhan.

Maaltu ta'e?

Namoonni haleellaa konkolaataan raawwatame kanaan ajjeefaman dubartoota lama kan umuriin isaanii waggaa 74 fi waggaa 44, dhiira ga'eessa umuriin isaa waggaa 46 ta'eefi shamarree umuriin ishee waggaa 15 taatedha.

Mucaan dhiiraa umuriin isaa waggaa sagal ta'e miidhaan cimaan irra gahe garuu lubbuuf hin sodaachifne ammoo miidhaa irra gaheen hospitaalatti wallaanamaa jira jedheera poolisiin.

Namni yakka kana raawwate maqaan isaa Naatinaa'el Veltimaan kan jedhamu yoo ta'u, kan umuriin isaa waggaa 20 London, Ontaariyoo jiraatudha. Namni kun wiirtuu gabaa bakka yakka itti raawwaterraa km6 fagaatee jiru tokko keessatti to'atame.

Shakkamaan kun gareewwan ilaalcha jibbinsaa qaban kamiyyu waliin hidhata qabaachuun isaa hanga ammaa wanti beekame hin jiru jedhan Det Supt Waight.

Namoonni gocha gara jabinaa kana irratti miira isaanii ibsahchaa jiru

Madda suuraa, Reuters

"Shakkamaa kanaafi namoota miidhaman gidduu hariiroon duraan jiraachuun isaa wanti beekame hin jiru. Shakkamaan kun "uffata waraanaa qaamarraa miidhaa ittisu" uffatee ture," jedha qondaalli poolisii.

Akka jecha poolisiitti shakkamaan maqaan isaa Veltmaan jedhamu kun duraan himannaan irratti dhiyaateeru hin turre.

Konkolaataan fe'isaa gurraachi Dilbata naannoo s'aatii 20:40 Daandii Hayidee Paark irratti karaa keessaa bahu sirriitti mul'ata jedhan qondaalonni poolisii.

Dubartiin yeroo kun ta'u ijaan argite tokko CTV News'tti akka himtetti qaama rifaasisaa namoota miidhaman kanaa akka intalli ishii hin ilaalle ijashee dahuu dubbatti.

Namni biraan ijaan arge CTVf akka ibsetti bakki sun "hedduu jeeqame" jedhe.

"Namoonni naannawaa sana bakka gara garaa turan ni fiigan. Namoonni konkolaataa baraaruudhaaf dhufe karaa agarsiisaa turan. Namoonni harkaan kallattii agarsiisaa, kaan ammoo iyyaa turan."

London, magaalaa gama Kibba-lixaan Toroontoorraa 200km fagaattee argamtu yoo taatu, lakkoofsa ummataa 2016 gaggeeffameen akaakuun saboota achi keessa jiraatanii dabalaa dhufuu agarsiisa.

Kanaadaa keessatti namoota shan keessaa tokko biyyattiin alatti kan dhalatan yoo ta'u, bakka rakkoon kun itti uumametti ammoo warri Arabootaa heddumminaan jiraatu.

Gaggeessaan Ontaariyoo ooguu Foord aanga'aa bakkahaleellaan itti raawwatame jalqaba qaqqaban keessaati. Fuula tiwiitara isaaniirratti akkas jechuun barreessan: "Jibbuinsiifi Islamophobia [jibbinsi Islaamaa] Ontaariyoo keessatti bakka HIN QABU."

Ministirri Muummee Kanaadaa Jastiin Tiruudoor ammoo oduu haleellaa kanaan akka "hedduu rifatan" tiwiitara isaanii gubbaatti barreessaniiru.

"Jallattoota warra kaleessa gocha tureen shororkooftaniif, nuti isiniif kunoo as jirra," jechuun jajjabeessan.

Biyya Kanaada keessatti, miseensonni hawaasa Muslimaa miidhamuun kun kan jalqabaa miti.