Galmee Jawaar M.: Manni murtii dhimma dhaddacha cufaafi ragaa golgaa duubaarratti Abbaan Alangee ragaa akka dhiyeeffatu ajaje

Madda suuraa, Reuters
Abbaan Alangaa Waliigalaa jalamurtii Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa galmee obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24n walqabatee 'ragaaleen Abbaa Alangaa dhaddacha banaa irratti yaa dhaggeeffataman' jechuun murteesse mormuun ture Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti oliyyannoo kan dhiyeeffate.
Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi oliyyannoo yakkaa lammaffaas kanaan dura Abbaa Alangaa fi abukaatoowwan Obbo Jawaar Mahaammadfaa kan falmisiise yemmuu ta'u har'a murtee kenneera.
Haaluma kanaan manni murtichaa Abbaan Alangaa 'ragaaleenkoo eenyummaansaanii dhokfamee dhaddacha cufaafi golgaa duuba ta'un jechasaanii yaa kennan' kan jedherratti ragaa akka dhiyeeffatu jechuun murteesse.
Kunis Abbaan Alangaa ragaalee namootaa qopheeffatee 146n walqabatee yaaddowwan nageenyaa qaburratti Mana Murtii Olaanaa Federaalaaf ragaa akka dhiyeessu ajaje.
Manni murtichaas ragaa Abbaan Alangaa dhiyeessu akkasumas falmii abbaa alangaafi himatamtootaa/ abukaatoowwan isaanii gidduutti adeemsifamu bu'ureeffachuun murtee kenna jechuudha.
Haa ta'u malee abukaatoowwan Obbo Jawaar Mahaammadfaa murtee Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddachi oliyyannoo yakkaa lammaffaa kenne kana komataniiru.
'Manni Murtii Abbaa Alangaaf carraa madaalawaa hintaane kenneera…'
Abukaatowwan himatamtoota galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 keessaa tokko kan ta'an Obbo Mahaammad Jimaa, "Abbaan Alangaa Mana Murtii gadiittis Mana Murtii oliyyannoo dhagahettis ifaan 'iyyannookoo nan fooyyeffadha; ragaan deeggaree nan dhiyeeffadha' jedhee waan gaafate hin qabu.
''Haa ta'u malee, Manni Murtii Waliigalaa waan hin dhiyaanneefi waan hin gaafatamneen /gara mana murtii jalaatti/ deebi'ee yaa dhiyeeffatu kan jedhe" jechuun BBC'tti himan.
"Silaa sirni falmii madaalawaa ta'uu osoo qabuu kana uumuun isaa sirrii miti kan jedhu komii keenya" jechuunis himan.
Akka seeraatti namni tokko gaafuma dura iyyannoo dhiyeeffatu iyyanoosaa ragaa walin dhiyeessu akka qabu himu Obbo Mohaammad.
"Gaheen Mana Murtii waan dhiyaate sana madaaluu malee duubatti deebi'anii waan biraa dhiyeeffadhu jechuun madaalamummaa falmichaafi bilisummaa mana murtiis ni balleessa" jedhan.
Dhimmicha mamiltoota isaanii walin mari'achuunis dhaddacha ijibbaataatti iyyachuuf yaada akka qabanis Obbo Mahaammad Jimaa himaniiru.
Falmii Abbaa Alangaa fi Abukaatotaa
Abbootin Alangaa Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ragaaleen abbaa alangaa yaaddoo nageenyaa qabumoo hin qaban kan jedhu qorachuuf yookin murteessuf akkasumas dhaddacha cufaafi golgaa duuba ragaa yaa bahan jechuuf aangoo hin qabu jechuun falmanii turan. Aangoon kun kan Abbaa Alangaa ta'uu himanii turan.
Haa ta'u malee, Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa murtee har'a dabarseen dhaddachi cufaamoo banaa ta'uu qaba kan jedhu akkasumas ragaan tokko golgaa duubamoo ifatti jecha yaa kennu kan jedhu murteessuun aangoo mana murtii ta'uu hime.
Gama biraatin, Abbaan Alangaa himatamtootni galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa kessaatti argaman angawoota dhaaba siyaasaafi eegdoota isaaniidha, deeggartoota heddu qabu, kanaaf yoo ragaalen keenya dhaddacha banaarratti jecha kennan miidhaan irra gahuu danda'a jechuunis falmee ture.
Abukaatoowwan himatamtootaa immoo ragaaleen abbaa alangaa dhaddacha cufaafi golgaa duuba ta'uun jecha kennuun mirga heeraa himatamtoota dhimmisaanii dhaddacha banaa keessatti akka ilaallamuuf qaban kan sarbu akka ta'e himuunsaanii ni yaadatama.
Ragaaleen golgaa duuba ta'uun jecha kan kennan yoo ta'e maamiltootni isaanii gaaffilee qaxxaamuraa gaafachuuf kan rakkatan ta'uus dubbatanii turan.
Keessattuu himatni maamiltoota isaanii irratti hundaa'e hidhaa waggaa torbaa hanga umrii guutuu akkasumas du'aan kan adabsiisu ta'uu kan himan abukaatootni himatamtootaa "himata akkanaa irratti ragaaleen golgaa duubaa jecha yaa kennan jechuun haqa-qabeessa miti" jedhaniis turan.
Kana malees abukaatootni Abbaan alangaa yaaddoo nageenyaa ragaaleensaa qaban bifa amansiisaa ta'een mana murtiif dhiyeessuu qabaatullee Abbaan alangaa kana akka hin raawwanne himanii turan.
Gama biraatin Abbaan alangaa namootni galmee himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa jalatti himataman angawoota dhaaba siyaasaafi eegdota isaaniiti jechuun kan kaase mormuun lakkofsi namoota angawaa dhaaba siyaasaa ta'an sadi kan hin caalle ta'uufi kunneen biroo namoota hojiilee garaagaraa irratti bobba'an ta'uu dubbataniis turan.
Waa'ee galmee himataa Obbo Jawaarfaa namoota 24...
Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun ture kan himataman.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaas himatawwan labsii bulchiinsaafi to'annoo meeshaa waraanaan walqabatan jaha akka addaan citan murteessuunsaa ni yaadatama.
Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaayee Raggaasaa Araarsaa namoota biyya keessa hin jirreefi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.















