Rakkoo Naannoo Amaaraa: Walitti bu'insa tibbana godinaalee Shawaa Kaabaafi Saba Addaa Oromootti mudateen 'namoonni 200 du'uu hin oolle'

Miidhaa magaalaa Axaayyee irra ga'e keessaa muraasa

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA/FB

Ibsa waa'ee suuraa, Miidhaa magaalaa Axaayyee irra ga'e keessaa muraasa

Rakkoo nageenyaa torban tokko dura Naannoo Amaaraa Godinaalee Shawaa Kaabaafi Godina Addaa Saba Oromoo keessatti mudateen 'namoonni haga 200' ta'an du'uu akka hin oollee Rooyitarsi aanga'aa olaanaa biyyattii tokko wabeeffachuun gabaaseera.

Guyyoota darban keessa jiraattonniifi aanga'oonni mootummaa naannawa kanaa akka dubbatanitti, namoonni hedduu ta'an garuu lakkoofsi isaanii meeqa akka ta'e adda hin baane du'uu eeraniiru.

Qabeenyi hedduun akka barbadaa'ee fi namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman qe'eesaaniirraa buqqa'uus himaniiru.

Hoogganaan Abbagaara Uummataa Itoophiyaa Indaale Haayilee Rooyitarsitti akka himanitti, ''Odeeffannoo namoota qe'eesaaniirraa buqqa'an irraa arganne bu'uura godhachuun akka hubannetti namoonni hanga 200 ta'an du'uunsaanii akka hin hafneedha.''

Hoogganaan kun akka jedhanitti lakkoofsi jedhame kun qorannoo dabalataan deggeramee mirkanaa'uu qaba.

Walitti bu'iinsa dhiyeenya uumameen daran kan miidhamte magaalaa Axaayyee keessatti manneen argaman keessaa dhibbeentaa 20-25 kan ta'an abiddaan gubatanii barbadaa'aniiru jedhan Obbo Indaalen.

Kana malees, Shawaa Kaabaa keessaa namoonni kuma 250 ta'an, akkasumas Godina Addaa Saba Oromoo keessaa namoonni kuma 78 ta'an qe'eesaaniirraa buqqa'uu hoogganaan kun ibsaniiru.

Rooyitarsi Obbo Indaalee irraan odeeffadhe jedhee akka gabaasetti, Bitootessa darbe keessa magaalaa xiqqoon Godina Addaa saba Oromoo keessatti argamtu tokko guutummaatti barbadoofteetti. Miidhaa qaqqaberratti garuu odeeffannoo bal'aa hin kennine.

Haleellaa raawwate booda hooggantoonni mootummaa godinaalee lamaaniiyyuu miidiyaalee biyya keessaafi alaatiif wayita yaada kennan lakkoofsi namoota du'anii isa sirrii akka harkaa hin qabne dubbataa turan.

Haata'u malee, lubbuu namaafi qabeenyarra miidhaa guddaan qaqqabuu ibsaa turan.

Rakkoo walfakkaataa Bitootessa darbe keessa mudateenis namoonni 300 ol du'uu AFP'n Dhaabbata Abbagaar Uummataa wabeeffachuun gabaasee ture.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa rakkoo kana furuuf naannolee walitti bu'iinsi itti uumame kanneenitti bulchiinsa Komaadpostii labsee hojjetaa jira.

Komaand Postiin qorannoo ka'umsa rakkoo dhalate kanaa gaggeesseefi hojii hojjechaa jiru irratti dhuma torban darbe ibsa kennee ture.

Humna Ittisaa Biyyaa Itoophiyaatti Daarektarri Sabaa-himaa Koloneel Geetinnet Adaanee gochawwan tuttuqanii nama haarsuun dubbii kasuun rakkoo nageenyaa uumamedha jedhan.

Komaand Postiin labsame maal jedhe, maal hojjechaa jira?

Kan miidiyaa hawasaarratti humnni yunifoormii uffate, kan laanji'eefi kan hidhate walitti bu'insa kana keessa jira jedhamu odeeffamullee miidiyaadhuma hawaasaarra malee dhugaa lafarra jiru akka hin taane qondaalli humna ittisaa kun ibsaniiru.

"Hanga ammaatti kan fuulaafi fuulatti dhiyaatee yunifoormii humna ittisaa duraaniis ta'e kan ammaa uffatee nu lole hin jiru," jedhan.

Koloneel Geetinnet ka'umsa rakkoo Godina Shawaa kaabaafi Godina Addaa Saba Oromootti uumame kana yeroo isan gocha qindaa'aa dheekkamsa kaasanidha jedhan.

"Jalqaba, tutuqqaa cidha mushirroonni irra jiran irratti taasifamee ture… Kana furuudhaaf jaarsoliin osoo taa'anii mariyachaa jiranii Imaamni masgiidaa tokko akka ajjeefamu ta'e. Isaan booda gocha kanaaf deebii kennuudhaafi dheekkamsa kakaasuudhaan miidhaawwan gara garaa dhalataniiu," jechuun tartiiba rakkoon kun ittiin uumame ibsan.

Hojii tasgabbeessuudhaaf taasifameen, humna ittisaa irraa miseensonni komaandoo afur haarsaa ta'uunillee ibsaniiru Koloneel Geetinnet.

Kamaand Postiin erga hundeeffamee manneen hafanittillee taanaan namoonni deebiyanii akka jiraatan kakaasuufi ummata ballinaan mariisisuu hojjetamaa jira kan jedhan qondaalli kun, bulchiinsa diigames deebisanii qinneessuufi ijaaruun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Walitti bu'insa naannoo Amaaraa godinaalee Shawaa Kaabaafi Godina Addaa Saba Oromoo keessatti uumm kana qaamni mootummaan 'ABO Shanee' jedhu jira jedhamulleen aanga'oonni godina Addaa Saba Oromiifi bakka bu'oonni ummataa godinichaa kun soba ta'uu irra deeddeebiin himaa turan.

"Akka miidiyaadhaan lallabamu qaama 'ABO Shanee' jedhamu gurmaa'edha jedhamu osoo hin taane, qotebulaadhaan kan wal lolamaa jiru," jedhu.