Joorj Filooyid: Manni Murtiii US Deerik Shoovin Joorj Filooyid ajjeesuun yakkamaa ta'uu mirkaneesse

Manni Murtii US miseensi poolisii duraanii Deerik Shoovin morma nama gurraacha Afrikaan-Ameerikaan ta'ee Joorj Filooyid irra jilbasaan gadi qabuun daqiiqaa sagaliif erga hiraarsee booda ajjeesuun yakkamaa ta'uusaa mirkaneesseera.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ajjeechaa Joorji Filooyidiin poolisiin duraanii shakkame yakkamaa ta'ee argamuun Ameerikaan duula haqa mirkaneessuuf gootu keessatti tarkaanfii guddaadha jedhan.
Murteen erga ibsamee booda maatii Filooyid bilbilaan kan dubbisan pireezidantichi ''amma yoo xiqqaate haqni hangi ta'e mul'ateera'' jedha.
Hojichi xumurameera jennee ija irraa kaaasuu hin qabnus jdhaniiru.
Pireezidantii Itti aantuun Kamaalaa Hariis gama isheen ammoo wixineen labsii Joorji Filooyid kan hojimaata Poolisii US rifoorm gochuurratti xiyyeefatus jabaatee hojiitti hiikamuu akka qabau dubbatan.
Ajjeechaa Joorj Filloyid irratti bara darbe Caamsaa keessa bakka jireenyasaa magaalaa Miniyaapolis keessatti raawwate qorachuufi dhimma kana hordofuuf abbootiin murtii hawaasa keessa filataman kan 'jury' jedhamuun beekaman 12 yaada gamaafi gamanaa dhaggeeffachaa turaniiru.
Viidiyoon daqiiqaa sagalii wayita ga'eessi umrii ganna 45, poolisiin duraanii US Deerik Shoovin morma Filooyid gadi qabuun dararu agarsiisu addunyaarratti mormii guddaa kaasiseera.
Guutummaa US fi biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti hiriirri mormii haleellaa sanyummaa fi gocha suukanneessaa poolisii balaaleffatu yeroo dheeraaf walitti fufee gaggeeffamaa tureera.
Shoovin akkaataa seera adabbii US'n, yakkoota ajjeechaa duraan itti yaadanii karoorsuun raawwataman osoo hin taane miiruma battala sana uumameen raawwatamaniin himatamee yakkamaa ta'uunsaa barameera.
Yakkoonni irratti mirkanaa'an sadeen kunneen yakka ajjeechaa sadarkaa lammaffaa (second-degree murder), yakka ajjeechaa sadarkaa sadaffaa (third-degree murder) fi yakka ajjeechaa suukanneessaa osoo itti hin karoorsin raawwatame (manslaughter) jedhamu.
Shoovin hanga adabbiin itti murtaa'utti bakkuma amma itti to'atamee jiru kan turu yoo ta'u, waggoota kurna hedduuf mana hidhaa turuu danda'a.
Gareen abbootii murtii hawaasa keessaa filataman 12 kunneen torbanoota sadiif garee himatamtootaa (Abukaatoowwan) fi abbootii alangaa(himattootaa) erga walfamisiisaa turee booda booda kanarra ga'an.
Murteen kun jiraattota Minisootaa biratti akkaan eegamaa ture.

Madda suuraa, Reuters
Yakka poolisiin duraanii Deerik Shoovin raawwaterratti murteen erga darbee booda namoonni hedduun gammachuusaanii ibsataniiru.
Abukaatoon maatii Filooyid, Been Kiraamp, guyyaan kun seenaa US keessatti guyyaa addaa fi murteessaadha jedhe.
Pireezidant Baayidaniifi Kamaalaan maal dubbatan?
Pirezidaant Joo Baayidan fi Itti Aantuun isaanii Kamaalaa Hariis, akkuma murtiin darbeen maatii Joorji Filooyidiif bilbilan.
Pirezidaant Baayidan, ''yoo xiqqaate amma haqni namaa hanga tokko mul'achaa jira,'' jedhan.
"Waan baay'ee hojjechuutu nurraa eegama. Haleellaa sanyummaa bu'uureffatee raawwatamu qolachuu keessatti hojii jalqabaati.''

Murteen erga darbee booda TV'dhaan ergaa kan dabarasan Pirezidaant Baayidan, ''Haleellaan sanyummaa bu'uura godhachuun itti yaadamee raawwatamu akkanaa kun onnee lammiilee hundaa keessatti madaa ta'ee hafeera,'' jedhan.
Kamaalaa Hariis gamasaaniin dhimma Joorj Filooyid irratti murteen darbu rifoormii poolisii biyyattiif bu'uura ta'a jedhan.
Federeeshiniin Poolisii Miniyaapolis hojii abbootii murtii galateeffateera.
Deerik Shoovin yakkamaa ta'uunsaarratti murtee darbe dura dhaabbachuun ol iyyachuuf akka jiru miidiyaan US gabaasaniiru.

Madda suuraa, AFP
Waa'ee yakkoota ittiin himatamee
Deerik Shoovin kan ittiin himatame keessaa yakki Manslaughter jedhamu wayita namni tokko osoo itti yaadee hin karoorsin battaluma dhibdeen uumamutti lubbuu namaa balleessuudha.
Yakka ajjeechaa sadarkaa lammaffaa (Second-degree murder) kan jedhamu ammoo, namni tokko itti yaadee yookiin osoo itti hin yaadin wayita lubbuu nama biraa balleessuudha. Yakki kun hanga hidhaa waggaa 40n nama adabsiisuu danda'a.
Yakki ajjeechaa sadarkaa sadaffaa (Third-degree murder) jedhamu wayita namni tokko gocha lubbuu nama biraa balleessuuf sababa ta'u raawwatee argamuudha.
Ajjeechaawwan hedduun manneen hidhaa keessatti ni raawwatu, garuu poolisiin US haala kanaan gaafatamee beeku hin jiru.
Adeemsi murtii haqaa kun sirni haqaa US gara fuulduraatti dhimmoota sarbama mirga dhala namaaf sababa ta'an akkasii kana hordofee murtii kennuuf kutataa ta'uu kan mul'iseedha, abdiis namatti horeera.














