Iraan haleellaa ’Israa’el buufata niwukileeraasheerra qaqqabsiifteef ‘haaloo baati’-Zariif

Madda suuraa, EPA
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Mohaammad Javaad Zariif, haleellaa Israa'el buufata niwukilaaraa Iraanirra qaqqabsiifteef’ haaloo baati’’jedhan.
Qondaaltoonni Iraan akka jedhanitti, Buufanni gabbisa yuraaniyeemii Naantaaz, Dilbata kaleessaa haleellaa shororkeessummaaf saaxilameera jedhan. Kun erga dhiyeessiin aannisaa adda citu gabaafameen booda.
Buufata Naantaazitti maashinii haaraan hojiisa saffisiisu hojiirra oolee ture. Iraan haleellaa kana haaloo akka baatu beeksisuu hordofee, Israa’el dhimmicharratti amma yoonatti yaada hin kennine.
Haa ta’u malee Raadiyoon hawaasa maddeen basaasaa biyyattii wabeeffachuun akka gabaasanitti, dhaabbanni basaasaa Israa’el, Mossaad, haleellaa saayiberii kana duuba jira.
Akka Maddeen Basaasaa kun jedhanitti, haleellaan kun isa Iraan gabaasteen ol mancaatii guddaa dhaqqabsiiseera.
Qondaaltonni Basaasaa Ameerikaa barruu Niwuyook Taayimsitti akk himanittti, dho’iinsi guddaan mudate sirna dabarsa aannisaa lafa jalaa buufatichaa barbadeesseera.
Qondaaltonni kun akka jedhanitti, Iraan buufata gabbisa niwukilaraa kanaa deebistee banuuf yoo xiqqaate ji’oota sagal itti fudhata.
Dhaabbatni oduu Nuur, kan mana maree nageenyaa ol aanaa biyyattiitti hidhata qabu, tajaajila tikaa biyyattii keessaa odeeffannoo argate eeruun akka gabaasetti, namni addaan cituu dhiyeessii ibsaa uumameef '' ka'umsa guddaa'' tahe baramuun tarkaanfiin barbaachisu fudhatamuun to'annoo jala ooleera.
Waliigatee Dhimma Niwukilaaraa bara 2015 pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhiisanii keessaa bahan deebisuuf tattaaffin wayita taasifamaa jiru kanatti, guyyoota muraasan as Israa’el sagantaa gabbisa niwukiraara Iraan irratti akeekkachiisa baay’isteetti.
Pirezeentiin Ameerikaa yeroo ammaa Joo Baayideen walii galtichatti deeb’uu barbaadu.
Haa tahu malee Iraanii fi gartuun biyyoota irree jabeeffatan kanneen akka Chaayinaa, Raashiyaa, Jarmanii fi UK ammayyuu yaada tokko qabachuun Ameerikaan qoqqobbii Iraan irra keessee turte kaastee biyyattiin gara waliigaltee gabbisa niwukileeraa ishee xiqqeessuutti akka deebitu barbaadu.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Sa’iid Katibzedih, magaalaa guddoo biyyattii Teheeraanitti wayita ibsa kennaanitti ‘Israa’el haleellaa kana dubaa jiraachuun ''dhugaadha’’ jedhaniiru.
‘’Balaan qaqqabe garuu akka carraa ta’ee nama tokkollee hin miine, naannoos hin miine, haa tahu malee balaa qaba’’ jedhan.
‘’Gocha yakka namoomaa akkasii bulchiinsa Ziyoonistootaatu raawwaata’’ jedhanii Israa’elitti quba qaban.
Obbo Katibzedih senterfiyuugii yookaan maashinni "IR1" jedhamutu balaa kanaan manca’e, kan isa duraaniirra fooyyee ta’een bakka buufama jedhan.
Waliigaltee niwukilaraa Iraan, sentarfiyuugii IR1 jedhamutti qofatti akka gargaaramuun yuraaniyeemii hamma muraasa hanga qabiyyee3.6% akka gabbistu eeyyamafi.
Qabiyyeen kunis boba’aa buufataalee niwukilaraa daldalaaf oolaniif oomiishuuf oola. Qabiyyee niwukilaraa hanga 90%tti qulqulleeffame ykn gabbifame boombii niwukilaraa hojjachuuf oola.
Iraan garuu meeshaa waraanaa niwukilaraa gabbisuu akka hin barbaanne beeksisaa turuun ni yaadatama.
Wal dhabdee dhimma Niwukileeraa Iraan
- Biyyootni gurguddoon adunyaa Iraan hin amanan. Gariin isaanii Iraan humna niwukileeraa barbaaddi jedhanii amanu. Sababni isaas boombii niwukileraa ijaaruu waan barbaadduuf.- Iraan garuu dhimma kana ni haalti.
- Waliigaltichi danqame: Bara 2015 Iraaniifi biyyootni jaha waliigaltee murteessaa irra gahan. Iraan adabbii, fi qoqqobbii dingdee ishee miidhu ciccimaa isheerratti darbe ofirraa kaasuuf hojii niwukilera gabbisuu muraasa akka dhaabduture.
- Rakkoon amma maali? Iraan gabbisa niwukileeraa dhaabbatee ture irra deebiin eegalte. Kun pirezizidaantiin duraanii Ameerikaa waliigalticha keessaa bahuun Iraan irratti qoqqobbii haaraa dabarsaniiti. Jooy Baayiden waliigaltchatti deebuubarbaadanis qaamni lamaanuu inni tokko ati dursa koottu jechuun kan wal eegan fakkata.
Gidduugalli Naantaz haleellaaf saaxilamuun kun kan jalqabaa miti. Waxabajji darbe, maashinni lafa irra keessaan jiru yookaan sentirifiigiin isaa manca'us qondaalonni Iraan garuu balaa abiddaati jedhan.
Iraan bakka isaa gidduugala haaraa lafa jalatti cina gaaraatti ijaaruu jalqabde.
Gidduugalichatti gabbisni niwukileeraa vaayirasii kompiyuuteraan 'Stuxnet' jedhamun jeeqamee ture. Vaayirasichi Ameerikaa fi Israa'eeliin qophaa'e jedhamee yaadama. Saffisa hojii maashina gabbisichaa kan xiqqeessu yoo tahu yoo xiqqaate gara 1,000 kan tahu ammoo mancaaseera.
Kana malees Iraan ajjeechaa Saayintistii niwukileeraa beekamaa Mooseen Fakriizaadiii duuba Israa'eltu jira jechuun himatti. Israa'el ammoo ajjeechicha raawwachuu hin mirkaneessines hin haalles.















