Mohaammad Deksiisoo wabiin erga baheen booda poolisiin deebisee hidhe

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa
Manni murtii aanaa magaalaa Jimmaa dhaddacha gaafa 07/07/2013 ooleen Mohaammad Deeksisoo yeroo lammaffaadhaaf wabiidhaan akka gadhiifamuuf murteessee ture.
Abukaatoon isaa Obbo Obsinaan Girmaa erga mirgi wabii eegameefiin booda poolisiin osoo hin gadhiisiin torbe lamaa oliif turuu BBC'tti himan.
Haa ta'uutii har'a [Kamisa] ganama qarshii wabiidhaaf gaafatame kanfalee mana hidhaatii bahee erga namootaanis wal-argeen booda poolisiin deebisee too'annoo jala oolche jedhan.
Poolisoonni Humna Addaa Oromiyaa paatirooliidhaan fudhanii deemuu isaaniitiin alatti eessa akka geessani quba akka hin qabnes himan Obbo Obsinaan.
Mohaammad Deksiisoo waliin to'atamanii kan turan qondaalli qunnamtii uummataa yuunivarsitii Jimmaa Dr. Wandimmuu Laggasaa fi barsiisaa Mulugeetaa Shittee garuu ammaan dura wabiidhaan lakkifamuu isaanii himan.
Mohaammad Deeksisoo Guraandhala darbe waaltajjii eebba barattoota yuunivarsiitii jimmaa irratti sagalee mormii namoota hidhamanii fi haqa Haacaaluu Hundeessaaf jedhu erga dhageesiseen booda ture kan hidhame.
Mohaammad dabalatee namoonni isa waliin hidhaman lama marroo duraatiif hokkora kakaasuu fi qaama hidhatee socho'u waliin hariiroo qabaachuun shakkamuu poolisiin magaalaa jimmaa mana murtiif ibsee ture.
Irra deebiin ammoo 'yakka ajjeechaan' shakkamuu isaanii poolisiin himee ture.
A.L.I Guraandhala 6 bara 2013 manni murtii mirga wabii eeguufi hordofee Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Mohaammad Deeksisoo hatattamaan akka gadi dhiifamu gaafachuun ibsa baasee ture.
Wanti Mohaammad Deeksisoo godhe yakkaan nama gaafachiisa jedhee hin amanu jedhe komiishinichi.
Dabalataan Mohaammad guyyaa to'annoo jala oolfame poolisootaan reebichi irratti raawwatamu komiishinichi himee ture.
Mohaammad guyyaa eebba yunivarsiitii Jimmaa bakka pireezidantiin Mana Murtii Waligalaa Itoophiyaa Aadde Ma'aazaa Ashannaafi akkasumas pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti ture mormii isaa kan dhageessise.














