Jimma: Mohaammad Deeksisoo 'yakka ajjeechaan' shakkamuu poolisiin hime

Mohammad Deeksisoo

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa

Eebbaa barattoota Yunivarsiitii Jimmaa irratti hidhamtoonni siyaasaa akka hiikaman kan gaafate Mohaammad Deeksioo dabalatee namoonni isa waliin hidhaman lama 'yakka ajjeechaan' shakkamuu poolisiin hime.

Sirna eebbaa A.L.I Guraandhala 6 bara 2013 gaggeeffame irratti nama barsiisaa Yuunivarsiitichaa ture kan waltajjii irratti sirba dhiyeesse harkaa maayikii fudhachuun 'Free Jawar Mohammed', 'Justice for Hachalu Hundessaa' akkasumas 'Free Oromo Political prisoners' jechuun erga waywaatee booda ture kan to'annoo jala oole Mohaammad Deeksisoo.

Isa waliin barsiisaan yuunivarsitichaa guyyaa sana sirbaa ture Mulugeetaa Hittee akkasumas aanga'aa dhimma qunnamtii alaa yuunivarsitichaa kan ta'an Dr Wandimmuu Laggasaa yakka ajjeechaa waliin himatamaniiru.

Namootni sadan guyyaa kaleessaa [Kamisa] yeroo afraffaaf mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta'u amma dura jeequmsa kakaasuu fi garee hidhatee socho'uu waliin hariiroo qabaachuun ture kan shakkamanii mana murtiitti dhiyaatan.

A.L.I Guraandhala 6 bara 2013 manni murtii aanaa magaalaa Jimmaa gaaffii yeroo qorannoo dabalataa poolisiin dhiyeesse kuffisuun mirga wabii birrii 2000n akka gadi dhiifaman ajajee ture.

Hidhamtoonni kunneen maallaqa mirga wabii kana qabsiisanillee poolisiin ajaja mana murtii kabajee gadi dhiisuu diduu abukaatoon isaanii Obsinaan Girmaa BBC'tti himeera.

Mohaammad Deeksisoo dabalatee namoonni sadan duraan magaalaa Jimmaa waajjira poolisii aanaa 1ffaatti kan hidhamanii turan yoo ta'u, ajaja mana murtii kana booda waajjira poolisii aanaa 2ffaatti dabarfamanii akka haaraatti yakka haarawaan shakkamanii mana murtii dhiyaachuu hima Obsinaan.

Yakkii ajjeechaa ittin shakkaman maali?

Yakki ajjeechaa hidhamtoonni kun akka haarawatti ittiin shakkaman ji'oota 4 dura magaalaa Jimmaa keessatti kan raawwatame ta'u hima Obbo Obsinaan Girmaa.

Onkoloolessa 5, bara 2013 boombii magaalaa Jimmaa keessatti darbatameen hidhataan tokko waan du'eef ajjeechaa kana keessatti hirmaannaa qabu jechuun shakkeera jechuun poolisiin mana murtiitti dhiyeesse.

Mohaammad Deeksiisoo fi namoonni isa wajjin hidhaman lamaanuu sagantaa eebbaa barattootaarratti mormii dhagahame hordofuun kan to'annoo jala oolfaman.

Yakka amma ittiin shakkaman Kanaan amma dura poolisiin namoota biroo to'annoo jala oolchee qorachaa akka tureefi kan gadi dhiifamanillee jiraachuu hima Obbo Obsinaan.

Kaleessa [Kamisaa Bitoteessa 2] wayita mana murtiitti dhiyeesse, poolsiin yakka kana qorachuuf guyyaa dabalataa 15 akka kennamuuf kan gaafate yoo ta'u abukaatonni kun hayyamamuu akka hin qabne falmuu dubbatu.

Manni murtii falmii bitaa mirgaa erga dhaggeeffatee booda, ragaan poolisiin nan dhiyeessa jedhe raga namootaa waan ta'eef, namoota kana guyyaa shan keessatti akka dhiyeessu jechuun A.L.I Bitooteessa 7 bara 2013tti dhimmasaanii ilaaluuf beellameera jedhe Obbo Obsinaan.

A.L.I Guraandhala 6 bara 2013 manni murtii mirga wabii eeguufi hordofee Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Mohaammad Deeksisoo hatattamaan akka gadi dhiifamu gaafachuun ibsa baasee ture.

Wanti Mohaammad Deeksisoo godhe yakkaan nama gaafachiisa jedhee hin amanu jedhe komiishinichi.

Dabalataan Mohaammad guyyaa to'annoo jala oolfame poolisootaan reebichi irratti raawwatamu komiishinichi himee ture.

Mohaammad guyyaa eebba yunivarsiitii Jimmaa bakka pireezidantiin Mana Murtii Waligalaa Itoophiyaa Aadde Ma'aazaa Ashannaafi akkasumas pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti ture mormii isaa kan dhageessise.