Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Al-ergiin meeshaa waraanaa Ameerikaa yoo dabalu kan Chaayinaafi Raashiyaa gad-bu'eera
Ameerikaan gurgurtaa al-ergii meeshaa waraanaa waggaa shanan darbe taasifteen qoodni gabaa keessaa qabdu harka 37 dabaluu instiitiyuutiin qorannoo walabaa Siwiidiin jiru mirkneesse.
Al-ergiin Ameerikaa, Firaansiifi Jarman dabaluun kan Raashiyaafi Chaayinaa hir’isaa jiru.
Meeshaa waraanaa galchuufi erguun waraana qabbanaa’aan booda isa olaanaa tahus garuu sababii weerara kanaan dhiibbaan jiraachuu mala.
Biyyoota Baha Gidduugalaatu meeshaalee waraanaa kana sadarkaa olaanaa taheen biyyatti galchata.
‘’Yeroon daddabarsa meeshaa waraanaa saffisaa waggoota 20 darbanii dhaabbateera jechuuf yeroonsaa hin geenye,’’ jedhu Stockholm International Peace Research Institute keessatti qorataa gameessa kan tahan Piitar Weezmaan.
‘’Dhiibbaa Covid diinagdeerratti fiduun biyyooti al-ergii meeshaa waraanaa isaanii irra deebiin ilaaluu qabu,’’ jedhan.
‘’Haatahu malee, biyyootni weeraruma 2020 keessattillee waliigaltee waraanaa gurguddoo mallatteessaniiru,’’ jedhuan.
Gurgurtaan meeshaa waraanaa bara 2016-2020 waggoota shan dura jiraniin yoo dorgomsiifamu tasgabbaa’aa ture.
Walakkaan meeshaalee waraanaa gara Baha Gidduugalaa kan ergamu yoo tahu Saa’udiin immoo harka 24 US irraa bitti.
Ameerikaan biyyoota 96 tahaniif meeshaalee waraanaa kan dhiyeessitu yoo tahu waggoota shanan darban keessatti qoodni gabaa addunyaa keessaa qabdu dabaleera.
Firaans al ergii meeshaalee waraanaa harka 44 kan dabalte yoo tahu Jarman immoo harka 21 ‘n dabaltee jirti.
Israa’eelii fi Kooriyaan Kibbaa al-ergii meeshaalee kanaa akkaan dabalanillee gaheen isaanii gabaa keessaa qaban garuu xiqqoo dha.
Meeshaa waraanaa biyyoota Baha Gidduugala keessatti saffisaan dabalaa jiru
Biyyoonni Baha Gidduugalaa bara 2016-2020tti kan baroota duraaniin yoo dorgomu harka 25 irra caalaa bitataniiru.
Saa’udii Arabiyaan harka 61 yoo dabaltu Masriin harka 136, Kaataar harka 361 alaa meesha waraanaa galchataniiru.
Eeshiyaa fi Oshiniyaan ardiilee addunyaa meeshaalee waraanaa harka 42 fudhatani dha.
Indiyaa,Chaayinaa,Kooriyaa Kibbaa fi Paakistaan warreen lakkoofsa guddaan meeshaalee kunneen galchani dha.
Daldalli Raashiyaafi Chaayinaa gad-bu’aa jiru
Raashiyaa fi Chaayinaan al-ergiin isaanii hir’isus biyyoota Sahaaraan gad jiraniif garuu biyyoota kunneentu meeshaa waraanaa dhiyeessa.
Al-ergiin meeshaa waraanaa Raashiyaa harka 22 yoo hir’atu kanas Indiyaatti erguu harka 53 hir’ifte jennaan gad-bu’e.
‘’Raashiyaan yeroo ammaa waliigaltee waraanaa biyyoota baayyee waliin waliigaltee waan uumteef al-ergiin ishee deebi’ee guddachuu danda’a,ta’us Ameerikaa irraa dorgommiin itti baay’atas,’’ jedhu qorataan dhaabbata kanaa Aleeksaandar Kuuyimoovaa.
Chaayinaan al-ergii meeshaa waraanaa sadarkaa shanaffaarra kan jirtu yoo tahu 7.8 gurgurtaa ishee garuu gad- bu’eera.
Paakistaan, Baangilaadeshfi Aljeeriyaan biyyoota meeshaa waraanaa fudhatan keessaati.