Kitaaba dagaagina sammuu ijoolleef ooge Malkaa Og-Afaan Oromoo

Qola kitaaba MALKAA OG-AFAAN OROMOO

Kitaabni mata-dureen isaa 'MALKAA OG-AFAAN OROMOO' jedhu Guraandhala 2021 Naayiroobii, Keeniyaatti maxxanfamee tibbana eebbifameera.

Barreessaan kitaaba haaraa fuula 142 qabu kanaa barsiisaa Huseen Baanataa, akkuma malkaan waan hedduu of keessaa qabu kitaabichis afoolota Afaan Oromoo gara garaa waan of keessaa qabuuf mata-duree kana baasuufii dubbata.

Og-Afaan Oromoo jechuun ammoo wantoota namoonni ogummaa afaaniin daddabarsaa as gahan ykn Afoola Afaan Oromoo jechuudha jedha Huseen.

Qabiyyeen kitaabichaa irra caalaan afoola yommuu ta'u, boqonnaawwan kudhanitti qoodameera.

Isaanis: Sololiyaa Morma isii Shar, Hibboo Oromoo, Hibboon Xar, Hiika Mammaaksaa, Jechama Miliquu, Uruursa Daa'immanii, Sheekkoofi Oduu Durii, Takkaan Maali?, Walaloo Faaruu Looniifi Walaloo Weelluu Jaalalaati.

Afoolli maal, maaliif oola?

Akka hayyoonni afoolaa jedhanitti, afoolli muuxannoo jireenyaati.

Afoolli akkuma maqaan isaa ibsutti hambaa abaabileefi akaakileerraa afaaniin dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufedha.

Yaada, falaasama, aadaafi duudhaa ilma namaa ifa baasa.

Akkasumas, gammachuufi gadda, jaalalaafi jibba, amantaafi shakkii, jabinaafi dadhabina, fedhiifi hawwii hawaasa tokkoo waan ifa baasu jedhu.

Afoolli ykn Og-Afaan jedha, barreessaan kitaaba 'Malkaa Og-Afaan Oromoo' barsiisaa Huseenis, aadaa ummata tokkoorratti hundaa'uun isa afaaniin uumameefi qindeeffame dhalootarraa dhalootatti afaaniin ykn og-afaaniin darbaa dhufedha jedha.

"Afoolli afaaniin yeedaloon kennameefii ykn osoo hin kennamiiniif kalaqa ogummaa dhimmoota hawwaasummaa gargaarurratti xiyyeeffachuun kan dhiyaatudha. Kunis aadaa, dudhaa, safuu, seenaafi eenyummaa hawaasa tokkoo callaqqisiisuuf humna guddaa kan qabudha," jedha.

Afaan Oromoo afoolaan dureessa ta'uufi dilbii bara dheeraa qabaachuusaa seenaa, aadaafi ilaalcha sabichaa ilaaluun hubachuun ni danda'ama jedhu hayyoonni dhimma kanarratti qoratan.

Afoolli Afaan Oromoo hangam guddaa akka ta'eefi jaallatamaa akka ta'e akka sirbameefillee sirba Artist Alii Biirraa yaadachuun ibsa barsiisaa Huseen.

Akaakuuwwan Afoola Oromoo hedduu jiran keessaa kitaabni Malkaa Og-Afaan Oromoo kun hunda caalaa kanneen sammuu ijoollee qaran, dandeettiiwwan bu'uuraa afaanii ijoollee cimsan, kan ijoollee hawaasaafi naannoo, aadaafi safuu hawaasaa ofii ganamarraa jalqabanii barataa gargaarurratti fuulleeffata.

"Kitaabni kun caasaa hawaasa gara garaatiif kan gargaaru ta'ee, keessattuu bilchina xiin-sammuu ijoolleef daran fayyaduu bira darbee Afoola Oromoo adda addaatiin dhaloota barsiisuuf shoora ol-aanaa qaba," jechuun kitaabichi addatti eenyuun akka gargaaru hima Huseen.

Kitaabni isaa kun waggoota sagal dura biyyatti yeroo hojii barsiisummaarra ture akka qophaa'e kan dubbatu Huseen, sababii hanqina maallaqatiif hin maxxanfamiin turuu hima. Ammallee sababuma hanqina baajataatiin afoola hedduu irraa hambisee fuula kitaabichaa hir'isuun akka maxxansiise BBCf ibseera.

Kitaabicha maaltu adda godha?

Xiyyeeffannaa addaa ijoolleef kennuun: Akaakuu afoolaa hedduu Afaan Oromoo qabu sirna barnootaa keessa galuun ijoolleen umurii ganamaarraa kaasanii barachaa akka guddataniif bifa kitaabaan akka qopheessa seensa kitaabichaarratti ibseera barsiisaa Huseen.

Fakkeenyaaf, qabiyyee kitaabichaa keessaa 'Sololiyaa Morma isii Shar!' kan jedhu tooftaa ittiin akka ijoolleen saffisaan waa xiinxalaniifi dandeettii waa yaaduu isaanii cimsuuf gargaara.

Qabiyyeen kitaabichaa keessaa Hibboonis daa'imman wantota naannoosaaniitti argaman qoratanii akka baran gochuudhaaf bifa gargaaruun dhiyaate. Taphni 'Hibboon Xar' jedhamu kan bakka tokko tokkotti ammoo 'Hibboon Teetee' jedhamus gosa hibboo ta'ee akka ijoolleen hollaafi hawaasa naannoo isaanii baran gargaara.

Gosti tapha ijoollee kitaabichi of keessatti qabate 'Takkaan maal?' jedhus akka itti ijoolleen lakkoofsa barachaa guddataniif bifa gargaaruun afoola uumamedha.

Sheekkoofi Oduun Duriis dandeettii seenessuu ijoollee gabbisaa. uumama naannoo isaanii, akkasumas ilaalcha hawaasaa barachaa guddatan akka kan gargaarudha.

Seeraafi adeemsa afoolaa hordofuun dhiyaachuu: Akaakuuwwan Afaala Oromoo yoomessa (yoomiifi eessatti) akka faayidaarra oolan qabu; akkasumas yeroo dhimma itti ba'aman seeraafi adeemsa hordofaman qabu. Afoola keessatti namoonni lamaafi isaa ol ta'uun 'gaafataafi deebisaa ykn dubbataafi dhaggeeffataa' ta'uun hirmaatu.

Isa gaafatuufis ta'e isa deebisuuf seerri kabajan ykn adeemsi hordofan jiru. Kitaabni Malkaa Og-Afaan Oromoo tokkoo tokkoo afoola keessatti ga'een nama gaafatuufi deebisuu maal akka ta'e, akkasumas adeemsiifi tartiibni hordofamuu qabu maal akka ta'e qajeelootti ibseera.

Adeemsa hibboo akka itti gaafatan, akka itti barbaadan, akki itti eebbifatan wal-duraa duubaan dhiyaateera kitaabicha keessatti.

Adeemsa ittiin hibboo eebbifatan akka fakkeenyaatti yeroo ibsu barsiisaa Huseen, hibboon bifa gaaffiifi deebiitiin namoota/gareen lamaan kan gaggeeffamu yommuu ta'u, lamaanuu seera eeganiifi adeemsa hordofan qabu jedha.

Namni hibboo gaafatame akka inni deebii soqachuu danda'utti carraan ni kennamaaf jedha barreessaan kun. Namni deebii hibboo soqatu yeroo deebiitti kalaa'utti afaan afoolaatiin 'Mootaan gale' jedhama.

Namni hibboo gaafatame sun yoo deebii dhabe ykn yoo 'Mootaan hin galle' garuu gaafataadhaf lafa ykn biyya kennaaf jechuun seera tapha hibboo ibsa Huseen.

Namni deebii hibboo wallaaluu isaatiin lafa gaafataaf kenne akka seera hibbootti abaaramuu danda'a. Garuu dursee 'dammaan si qabe' yoo jedhe gaafataa sanaan abaaramuu ooluu danda'a jedha.

Abaarsi nama hibboo deebisuu dadhabeef walaloodhaan qindaa'ee jira. Yoo namichi hibboo gaafatamee deebii dhabe sun lafa isa gaafatuuf kennee dammaan siqabe hin jedhiin akkas jechuun abaaruu danda'a.

Fakkeenyaan yeroo ibsu namichi yoo magaalaa/biyya Asoosaa jedhu kenneef:

'Asoosa tiyya diir jedhii natti gali,

Harooressaan bobbaafadhe,

Haroo waaqaa obaafadhe,

Ganamaafi galgala adiin boolloo,

Galgalaa ganama yaadda'i,

Boolloo halala lakkaa'i, ...akkasuma jechaa itti fufa.

Moonaa kiyya gorbii iddii,

Moonaa kee boombii xii...jedhee itti fufee abaaruu danda'a.

Kanaaf, akka hin abaaramne yoo barbaade deebii argachuu yaala, ta'uu baannaan dafee 'dammaan siqabe' jedhee dammaqee eeggachuun abaaramuu ofirra dabasa jechuun seerota hibboo ittiin eebbifatan ibsa barsiisaa Huseen.

Hibboo keessatti sirna soqannaa kan jedhamus jira. Kana jechuun namichi hibboo gaafatame yeroo deebii soqachaa jiru yeroo inni deebiitti kalaa'utti akka inni bakka biraa hin deemne gargaaruu jechuudha.

Fakkeenyaaf, hibboon gaafatame yoo gosa nyaataa ta'e akka inni naanna'aa sanirraa hin fagaanneef gochuudhaaf ni gargaarama.

Hibboo…… hibbakka

Abboon bullukkoo maratee ciisa………deebiin isaa boqqolloodha ykn asheeta boqqolloodha.

Yeroo kana namni boqolloo ta'uu isaa yoo hin argatiin garuu itti dhiyaatee 'qamadii' jedhe akka inni naannoo sanarraa osoo hin fagaatiin midhaan keessa akka inni turu akkasiin taasifama:

'Qamadii qamadiin buusee,

Garbuu garbuun buusee,

Xaafii xaafiin buusee, … akka inni gara biraa keessa soquu hin deemneef haalli ittiin godhamaa deemu seera hibboo sana keessa jira.

Mala hirmaachisaa ta'een dhiyaachuu: Kitaabicha keessatti mala barreessaan akka dubbistoonni hubatan gochuuf fayyadame hirmaachisaa (interactive) fi qabatamaadha.

Kitaabonni kanaan dura afoola irratti barreeffaman akkasumaan funaanamanii kan dhiyaatan waan ta'eef, adda godhee barreessuuf akka yaale hima Huseen.

TBarsiisaa Huseen tokkoo tokkoo afoolaa barreesseef kaayyoo barachuun barbaachisuuf ibsuun, gaaffileen shaakalaa hirmaachisoo ta'aniin dhiyeesseera.

Yaada hayyoonni kitaabicharratti kennan

Yaadni namoota sadii kitaabicha dubbisanii qolasaa duubaarratti bahe akka itti aanu kanatti dubbifama.

  • "Qabiyyeen kitaaba kanaa oolmaa daa'immaniitti ittiin barsiisuu cinaatti, aadaafi duudhaa ummata Oromoo ijoollee ittiin guddisan akka hin dagatamneefi darbees akka hojiirra oolu gochuuf gahee guddaa qaba," Daaluu Aabbunii (PhD)
  • "Kitaabni MALKAA OG-AFAAN OROMOO jedhu kun sammuun daa'immanii Afoola Oromootiin qaramaa akka guddatan taasisuu cinaatti Afoola Oromoo ittiin barsiisuuf shoora guddaa qaba," Obsaa Maammoo (MA)
  • "Afaanota akka Afaan Oromoo sababa cunqursaa alagaatiin sirna barnootaa osoo hin argatiin jaarraa hedduuf turaniif baay'ee murteessaadha. Yeroo rakkoo kanatti ummanni Oromoo falaasama, aadaa, dudhaa, safuu, aadaa waliin jireenyaa, haala guddisa daa'immaniif kan kana fakkaatan turfatee kan asiin gahe af-dubbiidhaan," Amaan Abdallaa (MA)

Barsiisaa Huseen Baanataa Afoola Oromoo gara barreeffamaatti jijjiiruun dhalootaaf akka darbu taasisuu keessatti gahee isaanii akka bahataniif hayyootaaf dhaamsa dabarsaa, ofii isaas hojii kana cimee akka itti fufu dabbata.

Kana malees, Oromoota biyyoota biroo Afaan Oromoo dubbatan garuu dubbisuufi barreessuu hin dandeenye hojii gargaaru karoorfatee akka jiru himeera.