Intalli mootii Dubaay, Laatifaan hidhaa mana keessatti rakkataa jiraachuun saaxilame

Intalli mootii Dubaay bara 2018tti biyyaa bahuu yaaltee boodarra garuu abbaanshee akka ishee uggure viidiyoo hiriyootasheetti erguun lubbuuf akka sodaatte himatti.

Viidiyoo BBC Paanoroomaaf qoodameen, Intalli mootii Laatiifaa Al Maaktuum, loltoonni bidiruu ittiin baqachaa jirtu keessaa fuudhanii iddoo ugguramtee jirtu ishee geessuu himatti.

Ergaan viidiyichaa asumarratti dhaabbata-hiriyyoonnishee immoo UN dhimma kana gidduu akka galuuf gaafataa jiru.

Dubaayii fi UAEn garuu, barruu maatiirra nagumaan jirti jechuun dubbataniiru.

Bakka buutuun mirgaa UN duraanii Meerii Roobiinsan, Laatiifaa bara 2018tti wal barte ‘dubartii jabduu’ amma garuu maatiin mootii ishee na gowwamsaniiru jette.

Koomishinariin mirga namoomaa duraanii UN fi amma immoo pireezidantiin Ayarlaand dubbii fi eessabuutee Laatiifaa tarkaanfiin akka fudhatamu waamicha idila-addunyaa kanatti makamaniiru.

''Waa’ee Laatiifaa nan yaadda’a. Dubbiin geeddarameera, maaltu akka tahaa jiru qoratamuu qaba,'' jedhan.

Abbaan Laatiifaa, Sheek Mohaammad bin Raashid Al Maaktuum hogganoota biyyaa sooreessa tahan keessaa isaan tokkodha. Hogganaa Dubaay yoo tahan pireezidantii itti-aanaa UAE dha.

Viidiyoon amma ergame kun qabamtee ji’oota baayyeen booda bilbila icciitiin argatteen waraabame. Balballi cufachuu dandeessu mana fincaanii qofa gatii taheef achi keessatti waraabde.

Ergaa kanaanis:

  • Loltoota bidiruu irraa ishee deebisan ‘dhiitichaa fa’iin lolaa’ akka turteefi harka koomaandoo tokkoo hanga inni iyyutti ciniinuu
  • Qoricha dhiphina hir’isu itti kenninaan of wallaaltee jeettii dhuunfaadhaan fuudhamtee hanga Duubaay geessu akka of hin barre
  • Mana foddaafi balbala cufamaa keessatti deeggarsa fayyaa fi seeraa malee poolisiin eegamaa jiraachuu himteetti.

Laatiifaan qabamtee butamuu kan saaxile hiriyyaashee Tiinaa Jaahuyaaneen, durbiishee karaa haadhaa Maarkas Issaabrii fi Deeviid Heey dha. Jarri kuni akkasheen hiikamtus duula warra gaggeessaa jiru dha.

Murtoo jabaa viidiyoo kana gadhiisuu kan fudhatan nageenya isheef sodaachuuni jedhan hiriyyooti

Akka isheen ugguramtee jirtu kan baranis hiriyyootashee kanneeni dha.

Paanoraamaan haala walaba taheen iddoo Laatiifaan jirtu mirkaneesseera.

Sheek Mohaammad magaalaa guddoo milkoofte ijaaranillee falmitoonni mirgaa namoota isaan morman hin fudhatan, sirni mana murtii isaanii immoo dubartoota ni looga.

Intarpiraayizii gulufa fardaa guddaa qabu, dorgommii Royaal Askoot irrattis yeroo yerootti ni hirmaatu, achittis Mootittii Elizaabeet 2ffaa waliinis mul’ataniiru.

Haatahu malee, dhimma Intala mootii Laatiifaafi haadha biddeenaashee Giiftii Haayaa Biint Al Huseen kan bara 2019 ijoolleeshee lama waliin Landanitti baqattee irratti guddoo qeeqamanii turan..

Bidiruun Miliquu

Laatiifaan amma nama ganna 35 yoo taatu yeroo jalqabaaf miiliquu kan isheen yaadde yeroo ganna 16ti. Garuu yaadashee kana hojiitti hiikuu kan yaalte daldalaa Firans Heerv Jaawubart bara 2011tti yeroo argattu dha. Namichi duraan barsiisaashee ispoortii Biraaziil Kaappooyeeraa jedhamuu ture.

Bara 2018 Laatiifaafi hiriyyaanshee Tiinaan bidiruu dadachaatuu fi doqdoqqee bishaanirra oofamu fudhatanii galaana Jaawubart alaabaa Ameerikaa mirmirsaa isaan eegutti deeman.

Garuu guyyoota saddeetiin booda Indiyaarraa akkuma baateen bidiruun sun loltootaan dhaabsifamte. Akka Tiinaan jettutti boombii aaru darbatanii mana fincaanii iddoo dhokatanii jiran qawwee itti qabachuun isaan baasan.

Yeroos Laatiifaan Dubaayitti deebitee ergasii sagaleenshee hin dhagahamne.

Tiinaa fi gareen bidiruu sanarra turan torbee lamaaf Dubaayitti erga ugguramaniin booda bilisa bahaniiru. Mootummaan Indiyaa shoora kana keessatti qaburratti homaa hin dubbanne.

Laatiifaan bara 2018 baqachuuf otoo hin yaaliin dura viidyoo biraa waraabdee turte. Isas deebitee erga qabamteen booda Youtube irratti maxxansiteetti. ‘’Viidiyoo kana ilaalaa jirtu taanaan, waan gaarii hin qabu, du’a kootii ykn immoo haala baayyee baayyee hammaataa keessan jira,’’ jette.

Akkas jettee waan maxxansite kanatu xiyyeeffannoo idila addunyaa akka argattuufi bilisa akka baatuuf gaaffiin akka dhiyaatu kan godhe. UAE dhimma kana ilaalchisee dhiibbaan itti baay’ateera, bakka buutuu duraanii UN Roobinsan waliinis walgahiin taa’ameera.

Walgahii Roobiinsan walin

Bara 2018 Mudde keessa ture gara Dubaay kan imalte. Kunis gaaffii Intala mootii Haayaatiin yoo tahu Laatiifaanis achi turte.

Meeriin yeroo Paanoraamaatti himtu Laatiifaan dhukkuba sammuu isheen hin qabne qabdi akka jedhamte dubbatti.

‘’Dararaashee itti cimsuu’’ taha jettee Meeriin haala isheen keessa jirtu akka hin gaafanne dubbatti.

Affeerraa kanaan booda guyyaa sagal booda ministeerri alaa UAE suuraa Laatiifaa Meerii walii maxxansuun intalli mootii fayyaa tahuu beeksise.

Bakka buutuu duraanii UN kuni, ''suuraa sana gaafa baasan akkan gowwomfameen baree, baayyee dinqame,’’ jette.

Bara 2019 maatiin mootii Dubaay mana murtii olaanaa Ingilaanditti dhiyaatanii turan. Intala mootii Haayaat ijoolleeshee lama wajjiin baqattetu nageenyasheef iyyattee sheekicharratti ajajni akka bahu kan goote.

Bara darbe manni murtii kun Sheek Mohaammad bara 2002-2018tti Laatifaan dirqamaan biyyatti akka deebitu gochaa turuu isaanii ragaa dhiyeesseera. Kana malees bara 2002tti seeraan ala obboleettiishee guddoo Intala mootii Shaamsaa baqachaa turte dirqamaan buteera.

Dhaddachi kuni Sheek Mohaammad biyya dubartoonni lameen kuni mirgi isaanii hin eegamne hogganuu ittifufeera jedha.

Hiriyyaanshee dhaddachi bara darbe kuni Laatiifaadhaaf furmaata fida abdii jedhu qabdi ture..

Erga viidiyoo kana gadhiisuuf murteessaniin booda hiriyyaanshee kuni ‘homaa ishe quunnamuun ijaa hin danda’amneef’ kana murteessine jetti.

Viidiyicha gadhiisuun ulfaataa tahus garuu akka isheef falminuuf waan nu barbaaddu natti fakkaate jetti.

Mootummaan Dubaayiifi UAE dhimma kanarratti akka dubbataniif BBC’n gaafatus deebii hin arganne