'Deeggarsa namoomaa hiika qabu dhiyeessuun ammallee hin eegalle'

Madda suuraa, NRC
Hoogganaan dhaabbata gargaarsaa Noorweey, 'Norwegian Refugee Council' ammallee gidduugalaafi Lixa Tigraay keessa deeggarsa dhiyeessuun hin danda'amne jedhan.
Lolli humnoota TPLF fi waraana mootummaa Federalaa erga eegalee ji'a sadii ta'e kanaan, gaaga'ama namoomaa qaqqabeef deeggarsa namoomaa attattamaafi rakkoo dhalate madaalu dhiyeessuun rakkisaa akka ta'e dhaabbileen gargaarsaa idila addunyaa irra deddeebiin gabaasaa jiru.
'Norwegian Refugee Council' ibsa har'a baaseen Tigraay keessatti ''deeggarsa namoomaa hiika qabu dhiyeessuun ammallee hin eegallee'' jedha.
Hoogganaan dhaabbata kanaa Jaan Eglaand gidduugalaafi Lixa Tigraay keessa akkasumas kaampiiwwan baqattootaa lama dhaabbileen gargaarsaa gongukamaa qaqqabuu hin dandeenye jedhan.
Naannoon dhaabbileen gargaarsaa hanga ta'e qaqqabuu danda'an daandii guddaarraa warra jiraniifi magaala Maqaleedha jedhan.
Dhaabbileen gargaarsaa sirna hayyama argachuu hin baratamne keessa darbaa jirus jedhaniiru Jaan.
''Waggoota akka hojjetaa gargaarsaatti dabarse keessatti fedha ariifataa deeggarsa namoomaa saffisaan deebii akka hin arganne ta'e akka kanaa muraasan arge. Akka hawaasa idila addunyaatti hanqina deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu nu mudate furuurratti kufaatii ifa ta'e agarsiifnerra'' jechuunis danqaa dhiyeessa deeggarsa namoomaa mudate ibsan.
Deeggarsi kan qaqqabaa jiru bakka lolli jabaan hin jirreefii fedhiin guddaan hin jirre jedha dhaabbatichi ibsa baaseen.
''Deeggarsi hedduu dhiyaachaa jira kan jedhu soba'' jedha ibsi 'Norwegian Refugee Council'.
Daa'imman, hadholiifi baqattootni miiliyoonaan lakkaawaman dhugumatti haala akkaan yaachisaa keessatti deeggarsaafi eegumsa nageenyaa malee jirus jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa gaaffii dhaabbileen gargaarsaa irra deddeebiin hayyama sochii danqaa hin qabne isa gaafataniif nageenya hojjetoota gargaarsaa eeguufi deebii jedhu kennaa ture.
Itti dabaluunis dhiyeessii deeggarsa namoomaa olaantummaan hoogganuuf dandeetti akka qabuufi kana raawwachaa akka jirus ibsa.














