'Sosochiin halluu keelloo' tibbana marsaalee hawaasaarratti argaa jirru maali?

Madda suuraa, Social Media
Uffata hidhamtoonni siyaasaa uffatan fakkaatu uffannee isaan cinaa dhaabbachuu keenya mul'isna jedhu namooni sosochii Haalluu Keelloo irratti hirmaatan.
Tibba kana Sosochiin haalluu keelloo (yellow movement challenge) namoonni waan baay'inaan gochaa jiranii fi miidiyaa hawaasummaa irrattilleen adeemaa jiru.
Fayyadamtoonni marsaalee hawaasaa hashtaagiiwwan #oromoyellowmovement #oromoyellowmovementchallenge fayyadamuun, suuraalee fi ergaa isaanii qoodaa jiru.
Kaan ammoo suuraalee ofii duraan ka'anii fi namoota mana hidhaa jiranii fa'i haalluu keelloo itti dabaluun gulaalanii baasuu dabalataa.
Ofii sosochiin kun kaayyonsaa maali?
Beellama Obbo Jawaar Mohaammad fa'a lamaan darbe irratti uffannaa haalluu keelloo qabu uffachuun dhaddacha irratti kan hirmaattee fi namoota sochii kana jalqabsiisan keessaa tokko kan taate gaazexeessituu Masarat Dhaabaa, sosochiin kuni hamilee hidhamtootaa jajjabeessufi jetti.
"Namoonni mana hidhaa jiran, mana hidhaa keessatti akkasumas yeroo mana murtiitti deddeebi'an uffata keelloo uffatu. Nutis gaafa galmeen Obbo Jawaar Mohaammad fa'a beellama qaban uffata keelloo kana uffannee deemna.
Uffata isaan fakkaatu uffannee isin wajjin jirra, nutis isinuma wajjin hidhamne, jennee jajjabeessufi,'' jetti Masarat.
Beellama lamaan darbanirratti haala kanaan uffatanii akka dhiyaatanis BBCtti himte.
Fayyadamtoonni marsaalee hawaasaa hedduun guyyoota muraasa darban sosochii kanatti makamuun suuraa wayyaa halluu keelloo qabu uffatanii ka'an ykn ammoo kaan halluu keellootti jijjiiruun maxxansaa jiru.

Madda suuraa, Social Media
Biyyoota birootti namoonni siyaasaa yeroo hidhaman deeggartoonni isaanii sosochiiwwan akkanaa ni taasisu kan jettu Masarat, biyya keenyatti garuu waan baay'ee baratame miti jetti.
"Namoonni biyya kana ceesisuu keessatti gahee guddaa qabaachuu dandahan yeroo ammaa mana hidhaa jiran.
Kaayyoon sochii kanaas dhimmi isaanii akka dafee fala tokko argatuufi. Isaan wajjin jirra qofa osoo hin taane, akka isaan hiikaman dhiibbaa gochuufi,'' jetti Masarat.
Namoota sosochii kana keessatti hirmaachaa jiran keessaa tokko kan ta'e Dargaggoo Wabii Burqaas, kaayyoo sosochii Haalluu Keelloo kuni hamma yaadameen ol adeemaa jira jedha.

Madda suuraa, Wabii Burqaa
"Uffannaa keelloo uffachuun keenya nuti isaan wajjin akka taanee fi nutis mana hidhaa bal'aa keessa jiraachuu keenya ibsuufidha.
Sosochiin kuni hamma yaadamee ol adeemee jira. Tokkummaa keenya ittiin mul'isaa jirra," jedha.
Sosochii kana karaa miidiyaa hawaasummaatiin babal'isuun namoonni biyya keessaa fi alaa irratti hirmaachaa jiraachuulleen hima Wabiin.
Jawaar Mahammad dabalatee hogganoonni olaanoo paartilee Oromoo KFO fi ABO hedduun ajjeechaa aartiisti Hacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora magaalaa finfinnee fi naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti umamee turen walqabatee ture kan to'annoo jala oolfaman.
Hedduu isaaniirratti himati shororkeessummaa fi uummata jidduutti walitti bu'iinsa kakaasu jedhu irratti banamee dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa jira.
Hidhmtoonni kunneen garuu yakka waan raawwataniif osoo hin taane filannoo irrati akka hin hirmaanneefi ilaalcha siyaasaa isaaniin akka hidhaman irra deddeebiin mana murtiitti dubbataa turan.
Paartileen lamaanis ibsa yeroo gara garaa baasaa turaniin hogganooti isaanii olaanoon mana hidhaa osoo jiranii akkasumas waajjiraaleen isaanii cufamanii bakka jiranitti filannoo dhufu irratti hirmaachuuf akka rakkatan himaa turan.
Mootummaan garuu namni sababa miseensa paartii siyaasaa ta'eef ykn ilaalcha siyaasaa isaatiif jecha hidhame hin jiru jechuun waakkata.















