Indiyaan namoota miiliyoona 300 dursi kennamuuf talaaluufi

Hojjettuu Fayyaa

Madda suuraa, EPA

Indiyaan talaalliiwwan Bharat Biotech fi AstraZeneca Oksfardiin qophaa’uuf eeyyama kennite.

Talaallii AstraZeneca Oksfardiin qophaa’uu fi Bharat Biotech kan dhaabbata biyya keessaan qophaa’uuf abbaan taayitaa to’annoo qorichaa biyyattii eeyyama kenneera.

Ministirri mummee Naareendra Moodii ‘kuni sadarkaa murteessaa dha,’ jedhan.

Indiyaatti hanga har’aa namoonni miiliyoona 10.3 Covid-19n yoo qabaman, lakkoofsi kun akka addunyaatti Ameerikaatti aanuun sadarkaa lammataa dha.

Namoonni 150,000 tahanis lubbuu dhabaniiru.

Sanbata kaleessaa hojjettoota fayyaa 90,000 tahan akkaataa talaalliin kun kennamurratti leenjii biyyaalessaa kennuu jalqabdeetti.

To’annoon Qorichaa Waliigalaa Indiyaa qopheessitoonni talaallii kanaa lameenuu odeeffannoo qorichi kun miidhaa biroo akka hin qabne agarsiisu galchaniiru jedhan.

AstraZeneca inni jedhamu dhaabbata Serum Institute of India jedhamuun oomishamaa jira.

Dhaabbatni kun akka addunyaatti talaallii baay'ee oomishuun beekama. Ammallee ji’a tokkotti doozii miiliyoona 50 oomishaa jira jedheera.

Talaalliin Indiyaatti Covishield jedhamuun beekamu doozii lamaan garaagarummaa torbee afuriifi 12’n kennama.

Teempireechara digrii seelsiyasii 2-8 gidduutti ol kaa’amuu danda’a. Kutaa hakiimoonni dhukkubsataa ilaalanittis kennamuu ni danda’a. Kunis haala salphaan rabsuuf ni dandeessisa.

India immunisation programme

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaan talaallii Indiyaa addunyaarraa isa guddichadha

Talaallii akka addunyatti kennamu keessaa Indiyaan harka 60 qabatti. Hanga Waxabajjii 2021tti namoota miiliyoona 300 tahan madiina baasuuf karoorfatteetti.

Hojjettoota fayyaa, hojjettoota tajaajila hatattamaa fi namoonni sababa dhukkuba cimaa qabaachuun saaxilamoo tahaniif dursi ni kennama.

Sagantaan talaallii Indiyaa waggaa miiliyoona 55 gahee ture. Namoota miliyoon 390f yeroo talaalliin kun kennamu sirna elektirooniksii qindaa’een hordofama.

Talalliin Pfizer UK,US fi EU keessatti eeyyama argate Indiyaattis tajaajila hatattamaaf eeyyama gaafachaa jira.

Walumaagalatti talaalliiwwan 30 tahan Indiyaa biyya uummata biiliyoona 1.83 qabdu keessatti qophaa’aa jira.