Gaazexeessaa Kumarraa Gammachuu hidhamuu Rooyitarsi balaaleffate

Kumarraa Gammachuu

Madda suuraa, Rooyitarsi

Ogeessi kaameraa tajaajila oduu Rooyitarsi Kumarraa Gammachuu Kamisa galgala miseensoota Poolisii Federaalaan mana jireenyaa isaatii akka fuudhamee hidhame maatin himaniiru.

Waggoota kudhanif dhaabbata Royitarsiif ogeessa kaameraa ta'uun kan hojjete gaazexeessaa Kumarraa Gammachuu Jimaata darbe mana murtiitti dhiyaachuunsaas himameera.

Manni murtichaa guyyaadhuma kana poolisiif qorannoof guyyoota 14 heeyyamuusaa kan hime dhaabbatni Royitars yakka ittin shakkame garuu hin barre jedheera.

Kumarraan buufata poolisii federaalaa Finfinnee naannoo Meeksikoo jedhamu jirutti kophaa isaa kutaa qorru keessatti hidhamee akka jiruu fi hidhamtoota kaanitti makamuu gaafatee akka didame BBC'n odeeffateera.

Gama mootummaa Itoophiyaatin hidhaa gaazexeessaa Kumarraa Gammachuu ilaalchisee wanti jedhame hin jiru.

Yaalin BBCn yaada Poolisii Federaalaa, Abbaa Alangaa Waliigalaafi Abbaa Taayitaa Birodkaastii Itoophiyaa argachuuf taasise hin milkoofne.

Dhaabbati Oduu biyya UK Rooyitars ibsa Wiixata har'aa baaseen hidhaa gaaxeessaa isaa balaaleffateera.

''Kumarraan garee Rooyitarsi Finfinneerraa haala haqa qabu fi loogiirraa bilisa ta'een gabaasu keessaa tokko. Hojiin Kumarraa oguummaarratti kan hundaa'eefi loogii kan hin qabne waan ta'eef isa hidhuuf sababni akka hin jerre beekna'' jedhan Gulaalaa Olaanaan Rooyitarsi Isteefan Adleer.

Kamisa galgala…

Gaazexeessaa Kumarraa Gammachuu Kamisa galgala naannoo sa'aa 1:50 qabamuu isaa kan himan haati warraasaa Aadde Hawwi Dassaalany "reefuma hojiidhaa galee boorsaa akkuma lafa kaayaten daqiiqaa 10 booda dhufanii balbala rukkutan" jedhan.

Namootni muraasni jalqaba dhufaniifi uffata siiviilii uuffatan waraqaa ajaja mana murtii akka hin qabne fi eenyummaa isaanillee akka itti hin himne dubbatan.

Boodarras poolisootni federaalaa lakkoofsaan 10 ta'an gara mana isaanii akka dhufan himu.

"Poolisootni federaalaa dhufan meeshaa nutti akeekanii nu sodaachisan, ijoolleen baay'ee rifatanii iyyan. Waan ijoollee fulduratti godhamuu hin qabnetu gaaf sana ta'e. Hanga ammaatti sammuun ijoolleekoo tuqameera. Halkan bibir'achaa bulu" jechuun himan.

Sana boodas harkasaa hidhanii fudhatanii deemuufi mana isaanii sakatta'uunis bilbila Kumarraa, laaptoopii daa'imni isaa ittin barattu fi warqaawwan fudhatanii deemuu himan.

Gaazexeessaa Kumarraa Gammachuu guyyaa Jimaataa maatinsaa osoo hin beekin abukaatoo malee Mana Murtiitti dhiyaachuusaa akkasumas iyyatni "oduu sobaa gabaaste" jedhu akka irratti dhiyaate Aadde Hawwiin himaniiru.

"Kumarraan hanga gadhiifamutti hin boqonnu…"

Ibsa gulaalaa olaanaan Royitars Steefan J. Adler ganama har'aa baasanin hidhamuu gaazexeessaa Kumarraa Gammachuu mormaniiru.

"Kumarraa Gammachuu miseensa garee Royitars Itoophiyaa keessatti argamufi karaa haqa qabu, walaba ta'e fi loogii malee gabaasudha" jedhan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Gaazexeesitootni sodaa malee akka gabaasan heeyyamamuu akka qabu kan himu ibsi dhabbata Royitars "Kumarraan hanga gadhiifamutti hin boqonnu" jedheera.

Royitars gaazexeessaan isaa inni biraan Tiksaa Nagarii guyyoota 10 dura miseensota Poolisii Federaalaa Itoophiyaa lamaan reebamuu isaas himeera.

'Hidhaan gaazexeessitootaa hammaate'

Dhaabbatni mirga gaazexeessitootaaf falmu fi walabummaa miidiyaalef hojjetu 'Committee to Protect Journalists' CPJ ibsa guyyoota 10 dura baasen sadarkaa addunyaatti hidhaan gaazexeesitootaa hammaachuu isaa himee ture.

Bara 2020 keessaa gaazexeessitootni 274 hidhamuu kan himu dhaabbatichi gaazexeessitootni dhimma Covid-19 fi hookkara siyaasaa akka hin gabaasnef mootummootni dhiibbaa gochuu isaanii hima.

CPJn gabaasa isaa kanaan Itoophiyaa fi Belaarus biyyaalee lakkoofsi gaazexeessitoota hidhamanii itti dabale ta'uu hima.

Itoophiyaatti gaazexeessitootni 7 hidhaarra akka jiran himuunis baay'eensaanii ragaan osoo irratti hin dhiyaatin qorannaadhaaf jedhamee hidhaarra tursiifamaa jiraachuu gabaasichi ibsa.