Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni lama ajjeechaa godaantota 39'n yakkamtoota jedhaman
Namootni lama ajjeechaa godaantota 39 lammiilee Veetnaamii konteenera keessatti du'anii argamaniin yakkamtoota jedhaman.
Godaantotni kunneen konteenera saamsame keessatti fe'amuun osoo Zebureeg irraa gara Purfiliit deemanii ture bara 2019 du'anii argaman.
Emaan Haarisan ganna 24 yoo tahu buufata Beeljiyeemitti qoratamaa ture daddabarsa namaan kan himatamu Joorji Niikaa waliin himatamanii ture.
Namootni lameenuu shira daddabarsa dhala namaa guddaa taheen himatamaniiru.
Qorannichi yaalii daddabarsa sadii qorate. Lama milkaa'aniru. Onkoloolessa 11 fi 18 yoo tahu, kan sadaffaan ammoo Onkoloolessa 23 ture kan yaadame.
Konkolaachisaa konkolaataa fe'umsaa san kan ture Kiristoofer Keneedii, 24, himanni irratti yeroo dhiyaatu sigaaraa waan fe'ani deemaa turanin se'e jedheera.
Keneedii fi Valentiin Kalootaa godaansa seeraan alaa kana deeggaruun himatamaniiru.
Maatiin miidhamtootaa ijoolleen isaanii fuulduratti UK galanii yoo kaffaltii gaarii argatan jedhanii yaaduun maallaqa guddaa liqeeffatanii ergan.
Qondaalli Poolisii Essex ''tooftaa isaan itti namoota daddabarsan yoo ilaalte, bineeldayyuu hin geejibsiiftu,'' jedhan.
Abbootiin alangaa akka jedhanitti tempireecherri konteenerichaa 38.5C (101F) gahee ture. Konteenara kanas 'bakka awwaalchaa' jedhanii waaman.
Godaantotni umuriin isaanii 15 hanga 44 gidduu turanis sa'aa 12 guutuuf konteenera keessatti saamsamuun lubbuun isaanii darbe.
Sibiila fayyadamuun baaxii ykn karaa irra keessaan kontenericha cabsuuf yaalanii ture. Garuu qarqara isaa qofa cabsan.
Abbaan alangaa Biil Emiliin Joonsi ''karaan bahan hin turre, namni isaan dhagahus hin turre, namni isaan gargaarus hin argamne,'' jedhan.
Namoonni daddabarsa kana raawwataniiru jedhamuun himataman tokko tokkoo namaa irraa Paawondii £10,000 hanga £12,000 fudhataniiru jedhe abbaan alangaa.
Himatamtoota hundaa hidhaan adabauuf abbaan seeraa gaafa Amajji 7, 8 fi 11tti beellama qabateera.