Namoonni lama ajjeechaa godaantota 39'n yakkamtoota jedhaman

From top left: Dinh Dinh Binh, Nguyen Minh Quang, Nguyen Huy Phong, Le Van Ha, Nguyen Van Hiep, Bui Phan Thang, Nguyen Van Hung, Nguyen Huy Hung, Nguyen Tien Dung, Pham Thi Tra My, Tran Khanh Tho, Nguyen Van Nhan, Vo Ngoc Nam, Vo Van Linh, Nguyen Ba Vu Hung, Vo Nhan Du, Tran Hai Loc, Tran Manh Hung, Nguyen Thi Van, Bui Thi Nhung, Hoang Van Tiep, Tran Thi Ngoc, Phan Thi Thanh, Tran Thi Tho, Duong Minh Tuan, Pham Thi Ngoc Oanh, Tran Thi Mai Nhung, Le Trong Thanh, Nguyen Ngoc Ha, Hoang Van Hoi, Tran Ngoc Hieu, Cao Tien Dung, Dinh Dinh Thai Quyen, Dang Huu Tuyen, Nguyen Dinh Luong, Cao Huy Thanh Nguyen Trong Thai, Nguyen Tho Tuan and Nguyen Dinh Tu
Ibsa waa'ee suuraa, Namootni 39 galaana Kaabaa jedhamuun bakka beekamutti Zeebureeg irraa gara UKtti osoo ce'uu konteenera keessatti fe'amuun du'an

Namootni lama ajjeechaa godaantota 39 lammiilee Veetnaamii konteenera keessatti du'anii argamaniin yakkamtoota jedhaman.

Godaantotni kunneen konteenera saamsame keessatti fe'amuun osoo Zebureeg irraa gara Purfiliit deemanii ture bara 2019 du'anii argaman.

Emaan Haarisan ganna 24 yoo tahu buufata Beeljiyeemitti qoratamaa ture daddabarsa namaan kan himatamu Joorji Niikaa waliin himatamanii ture.

Namootni lameenuu shira daddabarsa dhala namaa guddaa taheen himatamaniiru.

Joorji Niikaa fi Emaan Haarisa

Madda suuraa, Essex Police

Ibsa waa'ee suuraa, Joorji Niikaa fi Emaan Haarisan ajjeechaa namoota 39'n yakkamtoota jedhaman

Qorannichi yaalii daddabarsa sadii qorate. Lama milkaa'aniru. Onkoloolessa 11 fi 18 yoo tahu, kan sadaffaan ammoo Onkoloolessa 23 ture kan yaadame.

Konkolaachisaa konkolaataa fe'umsaa san kan ture Kiristoofer Keneedii, 24, himanni irratti yeroo dhiyaatu sigaaraa waan fe'ani deemaa turanin se'e jedheera.

Keneedii fi Valentiin Kalootaa godaansa seeraan alaa kana deeggaruun himatamaniiru.

Maatiin miidhamtootaa ijoolleen isaanii fuulduratti UK galanii yoo kaffaltii gaarii argatan jedhanii yaaduun maallaqa guddaa liqeeffatanii ergan.

Qondaalli Poolisii Essex ''tooftaa isaan itti namoota daddabarsan yoo ilaalte, bineeldayyuu hin geejibsiiftu,'' jedhan.

Abbootiin alangaa akka jedhanitti tempireecherri konteenerichaa 38.5C (101F) gahee ture. Konteenara kanas 'bakka awwaalchaa' jedhanii waaman.

Godaantotni umuriin isaanii 15 hanga 44 gidduu turanis sa'aa 12 guutuuf konteenera keessatti saamsamuun lubbuun isaanii darbe.

Sibiila fayyadamuun baaxii ykn karaa irra keessaan kontenericha cabsuuf yaalanii ture. Garuu qarqara isaa qofa cabsan.

Abbaan alangaa Biil Emiliin Joonsi ''karaan bahan hin turre, namni isaan dhagahus hin turre, namni isaan gargaarus hin argamne,'' jedhan.

lorry

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Reeffi lammiilee Veetnaam 39 diilalleesituu keessatti godhamuun konkolaataan fe'amee gaafa Onkoloolessa 23 ture kan argame

Namoonni daddabarsa kana raawwataniiru jedhamuun himataman tokko tokkoo namaa irraa Paawondii £10,000 hanga £12,000 fudhataniiru jedhe abbaan alangaa.

Himatamtoota hundaa hidhaan adabauuf abbaan seeraa gaafa Amajji 7, 8 fi 11tti beellama qabateera.