UK'n yakka ittisuuf waggaatti £37bn akka baastu Ejensiin Ittisa Yakkaa biyyittii beeksise

Madda suuraa, NCA
Yakki qindaa'aa fi cimaan waggaatti dinagdee UK £37bn akka dhabsiisu Ejensiin Ittisa Yakkaa Biyyaalessaa beeksise.
UK keessa gareewwan yakkaa qindaa'aa fi cimaan 4600 tahan akka jiran himeera.
Yakki gareewwan kanneniin raawwatamu akkuma biyyaalessaatti iyyuu yaaddoo nageenyaa gama kaaniin uumamuu hundaan ol akka tahe ejensichi himeera.
Yakki isaan raawwatan ammoo miidhaa daa'imman irra geessisuu, dadabarsa namaa fi qorichootaa irratti dha.
Mootummaan UK yakkoota kanneen ittisuuf tooftaawwan haaraa fi baajata uummata irraa £48m tahu akka ifa godhus himeera.
Waggoota shanan darbanitti yakkootni akkanaa miidhaa isaan dinagdee biyyaa irratti dhaqqabsiisan £24bn qofa ture.
Daa'imman daddabarsuu, meeshaalee waraanaa seeraan alaa daldaluu fi yakki Cyber as keessatti argamu.
Yakkootni kunneen waraanaa, shororkeesummaa fi balaa uumamaa caalaa lammiilee UK irra miidhaa geessisu. Kun lubbuu ajjesuus dabalata.














