Reynaardi Sinagaa: Dhiirota 206 irratti miidhaa saalaa qaqabsiisuun himatame

Madda suuraa, Greater Manchester Police
Namni Reynaardi Sinaagaa jedhamu dhiirota 200 ol irratti miidhaa saalaa geessisuun yoo himatamu 60 kan tahan eenyummaan isaanii ammallee adda hin baane jedhe poolisiin.
Sinaagaan nama yakka gudeediin Birritenitti maqaansaa haalaan beekame yoo tahu, ji'a Amajjii darbe keessa dhiirota 48 mana isaa magaalaa Maanchister jirutti galchuun osoo gudeeduu viidiyoon waraabee yakkamaa tahee argame ture.
Hidhaa gadaanaan irratti murtaa'ees mana murtii ol aanaa biyyatiin waggaa 30 gara 40 dheerateera.
Poolisiin amma akka jedhetti Sinaagaan dhiirota 206 irratti miidhaa saalaa raawwateera. Jechuun isaan gudeedeera.
Sinaagaan barataa digirii 2ffaa yoo tahu yeroo dargaggoonni umuriin isaanii xumura kudhanii keessaa fi jalqaba digdamootaa keessa jiran mana dhugaatiitii bahan eegee gara mana isaatti qabee isaan geessaa ture.
Namoota eegu kanneen mana isaa galchuun dhugaatii fi qoricha sammuu hadoochu kennuufiin miidhaa saalaa isaan irraan geessisaa ture.
Yeroo isaan of wallaalanitti isaan gudeeduun viidiyoo waraabaa ture. Yeroo namootni miidhaan akkasii isaanirratti raawwate dammaqan waan isaanirratti tahe homaa hin yaadatan.
Guyyaa tokko miidhamaan tokko osoo gudeedamuu gidduutti of baree ofirraa ittisuun taate kana gabaasnaan qabamuu danda'e.
Poolisoonni yeroo bilbila Sinagaa harkaa fuudhan miidhaa saalaa sa'aatii dhibbaan lakkaa'amu waraabame argatan.
Kana fayyadamuun qorannoo yakka gudeeddii seenaa Biriiten keessatti isa guddaa tahe gaggeessan.

Madda suuraa, Greater Manchester Police
Sinagaan dhallootni isaanii Indooneezhiyaa yoo tahu Maanchister keessa mana shuubbisaa Fakterii 251 jedhamu irraa deemsa miilaa gabaabaa fageenya taherra kireeffatee jiraata.
Dargaggoota umurii ijoollummaa keessa jiran yeroo isaan dhuganii bahan eeguun gara mana isaa fiduun isaan gudeedaa ture.
Baay'eein isaanii maaltu akka isaan irratti tahe yaadachuu baatanis gariin dhugaatii fi akka of wallachisiifaman yaadatu. Baay'een isaanii hanga poolisiin isaan qunnamutti gudeedamuu isaaniillee hin barre.
Sinagaan ammoo saalqunnamtiin gaggeesse hunduu fedha irratti kan hundaa'edha jedhee mana murtiitti yaada kenne. Kaan ammoo akka namma rafeetti waraabamuuf eeyyama isaanii kennaniiru jedhe.
Yaada namota miidhaan irra gahee dubbisame keessaa tokko akka jedheti Sinagaan ''jireenya koo balleesse,'' kan biraan ammoo yeroottan ka'ee guyyaa sana fuuldura dhaabbachuu dadhabe jira'' jedhe.
Gargaaraan hogganaa konistaabil Maabsi Huseen akka ragaalee baayyeen ifatti bahaa dhufaniin'' qorattootni miidhamtoota dabalataa 23 tahan adda baasuun ''amma Sinagaan namoota 206 irratti gudeeddii raawachuu bira gahaniiru'' jedhan.
Ammas namoota dabalataa 60 adda baasuuf yaalaa jirra. Nama kamiyyuu miidhamaadha jedhu akka nu qunnamu waamicha taasisna.''
Erga qorannoon isaa xumurameen dhimmi Sinagaa mana murtii ol iyyannootti akkaataa murtee madalawaa isa eeggatuun Abbaan alangaa waliigalaa dabarsaniiru.
Abbootiin seeraa murteenhidhaa umurii guutuu irratti haa darbu kan jedhu hin fudhane garuu yeroo isa xiqqaa mana hidhaatti dabarsuu qabu 30 irraa gara 40tti guddisaniiru.














