Filannoo Kuweet: Dubartiin tokkittiin miseensa paarlaamaa Kuweet teessoo ishee dhabde

Madda suuraa, Getty Images
Dubartii miseensa mana maree Kuweeti, Saafaa al- Haasham teessuma ishee bara 2012 irraa kaaftee tajaajilaanii turte paartiilee siyaasaa mormituutiin dhabde.
Filannichaan kaadhimamtooti dubartootaa 29 kan dorgoman yoo ta'u, tokkoon isaaniyyuu teessuma hin arganne. Kunis erga dubartoonni mirga filachuu argatanii waggaa 15 booda dubartoota hedduutu hirmaate jedhameera.
Dubartiin miseensa mana maree yeroo jalqabaaf kan filatamte bara 2009'tti ture.
Saafa al-Haasham miseensummaa paarlaamaatiif walitti aansuun yeroo lama; bara 2012 fi 2016'tti filataman.
Isheenis himannaa mana murtiin erga injifatteen kan filannoo Gumii Biyyaaleessaa Guraandhala 2012'tti gaggeefamee ture haquun paarlaamaan bara 2009tti filatame akka deebii'u kan taasifte dubartii takkittiifi kan jalqabaati.
Osoo gara siyaasaatti hindhufiin duras, dubartii daldalaan beekamtuufi kan kubbaaniyaa tajaajila gorsaa kennu hundeessiteedha.
Teessuma Gumii Biyyaaleessaa 50 keessaa 24 kaadhimamtoota mormiitootaa ykn kanneen mormitoota deeggaraniin kan injifatameedha. Akka qabxii Dilbata darbe ibsameetti, paarlaamaa kana duraa keessatti mormitoonni teessuma 16 qofa qabatanii turan.

Kuweet biyya ummata miliyoona 4.8 kan qabdu yoo ta'u, kanneen miliyoona 3.4 ta'an hojjattoota lammii biyya biraati. Isheenis addunyaarratti biyya qabeenyaa kuusaa boba'aa qaban keessaa jahaffaa fi michuu US ta'un beekamti.
Paarlaamaan Emiretis qarqara galoo galaanaa keessaa kan aangoo olaanaa qaama filatamaa kamu caalu qabuufi kan miseensoonni mana maree mormitootaa maatii ogganaa, Saabaahs ifatti kan keessatti qeeqaniidha.
Haata'u malee, hogganaa biyyatti, emireetitu dhimmoota siyaasaa irratti murte dhumaa dabarsa. Akkasumas aangoo murtee paarlaamaa geeddaruu ykn bittinsuun filannoon akka gaggeefamu taasisuus ni qaba.
Filannoon ammaa kunis erga hogganaan haaraan Sheek Naawaaf al-Ahmad al-saabaah erga obboleessi isaanii gar tokko Sheek al-Ahimad al-Sabaahiin umurii 91'tti dua'aniin booda Fulbaana keessa aangootti dhufan.















