Kaampaaniin Unilever hojjettoonni isaa torbanitti guyyaa afur akka hojjetan gochuuf

Madda suuraa, Reuters
Oomishaalee bareedinaafi kaan dhiyeessuun kan beekamu dhaabbati Yunilavar ('Unilever), Niiw Ziilaanditti torbanitti guyyaa afur hojjechuu yaaluuf jira.
Kunis otoo kanfaltii jarri argatan otoo hin hir'isiin, sa'aatiin hojjetan garuu %20 gadi bu'eeti.
Saamunaa Dove, shaayii Lipton fi Omo faa kan oomishu kaampaaniin kun, bu'aa yaalii kanarratti hundaa'uun, kun dhaabbatticha guutummaatti maal jechuu akka tahe ilaalaa jirra jedhe.
Yaaliin kun kan gaggeeffamaa jirus, weerarri Covid haala hojii geeddara wayita jiru kanatti.
''Akkaataan hojimaata durii yeroon irra dabree jira,'' jedhan dhabbatichatti hoogganaan Niiw Ziilaand.
Niik Baangs waan jedhan, galmi yaalii kanaa ''raawwii hojii waan hojjetameen malee, yeroon madaaluu hinqabnu,'' kan jedhu ilaaluuf.
Weerarri Covid-19 hojjettoota Niiw Ziilaand of jalatti qabu 81 keessaa, garri caalu manaa akka hojjetan taasiseera. Kunis ka'umsa yaalii kanaa ture jedhan.
''Gabaabumatti, dhimmi kun waa'ee hojiifi jireenyi akkamiin walsimu ka jedhu hubachuudha. Akkasumas fayyummaa sammuufi qaamaa fooyyeessuudha,'' jedhan.
''Yaalii kanarraa barnoota argannu bizinasoota Niiw Ziilaand biroof ni qoodna. Kanaanis kanneen biroo akkaataa hojiisaanii akka ilaalan gochuuf abdanna.''
Hojii fooyya'aa?
Erga jalqaba bara kanaa weerarri eegale qabee, dhaabbileen hedduun hojjettoonni isaanii manaa akka hojjetaniifi sa'aatii isaanii mijatutti akka hojjetan godhan.
Hojimaatni haarayaa kunis erga vaayirasichi dhabamee boodas waan turu fakkaata jedhu.
Haatahu malee, torbanitti guyyoota muraasa hojjechuun, yaada weerara kanaan dura turedha.
Bara 2019tti, Kaampaaniin Maayikiroosoft Jaappaanitti, erga guyyaa hojii gabaabsee eegalee, gurgurtaan %40n dabaluu ibsee ture.
Yaaliin Unilever kun Mudde 2020 haga Mudde 2021 kan turu taha jedhameera.
Kaampaanichi Yunivarsiitii Teknooloojii Siidnii (UTS) waliin tahuun, gahumsa hojjettootaarratti qorannoo gaggeessina jedheera.
Kaampaaniin Unilever addunyaarratti hojjettoota 150,000 kan qabu oggaa tahu, biyya odolaa Niiw Ziilaanditti waggoota 100 dabraniif oomisha dhiyeessaa jira.
Biyyattiitti oppireeshiniin kaampaanichaa meeshaalee alaa galchuufi raabsuu irratti kan xiyyeeffatedha. Hojjettoonni kaampaanichaa 81 hunduu yaalii - torbeetti guyyoota afur hojjechuu kanarratti ni hirmaatu jedhameera.













