Sirii Laankaatti arba balfarraa dhorkuuf boolla qotan

Madda suuraa, Reuters
Biyya Sirii Laankaatti arba iddoo balfa pilaastikaa keessa seenuun nyaata barbaadan dhorkuuf jecha boolla yookaan booyii qotaa jiru.
Arba hedduu tahan, iddoo balfaa dhiyeenya raasaa bineensotaa magaalaa Ampaaraatti argamu keessa oolu.
Hambaa nyaataa gatame alatti, hoomaan arbaa kunneen pilaastika nyaachuun, du'a isaaniif sababa ta'aa akka jiru anga'oonni dubbatu.
Suuraalee arbi hedduu koosii keessaa nyaata barbaachaaf hiriiran arguun, kanneen kununsitoota naannoo guddoo dallanse.
Sirii Laankaatti pilaastikni iddoo koosii keessaa sababoota arba ajjeesan keessaa isa guddaadha jedhama. Biyyattiitti arbi 7,500 tahan jiru jedhamee tilmaamama.
Bakki kuusaa balfaa Ampaaraa kun barkurnee tokko dura, dhiyeenya raasaa bineensotaatti tolchan. Zoonii bineensotaa kanatti arbi 300 tahan jiraatu.
Mootummaan Sirii Laankaa arbaafi bineensota kaan balaarraa eeguuf jecha, oomishaalee pilaastikaa biyya alaarraa galan dhorkuuf jira.

Madda suuraa, Reuters
Ampaaraatti, dallaa elektrikaa ijaaruun arboota kanniin iddoo balfaarraa dhorkuuf yaalamee ture.
Tahus malli kun hin hojjenne. Kanaafis mootummaan naannoo balfi itti gatamu kanatti booyii qotuu eegale.
Haatahu malee, jiraattonni naannichaa akkatti mootummaan garee arbaa kana ittisuuf jedhurratti waan gammadan hin fakkaatan.
''Karoorrifi sirni haalaan qixaa'e hinjiru,'' jechuun jiraataan naannichaa P H Kumara, Rooyitarsitti hime.
Akka gareeleen naannoof dhimmamanitti, bara 2019 keessa Siri Laankaatti arbi 361 du'aniiru - kunis lakkoofsa isa guddaadha.
Lakkoofsi kunis erga biyyattiin bara 1948tti walabummaashee argatteen booda, lakkoofsa olaanaa tahuun galmaa'e. Irra hedduun harka namaatiin obba'an.

Madda suuraa, Reuters
Sirii Laankaatti arba ajjeesuun seeraan nama gaafachiisa. Bineensoti kun daran kabajamu, tahus qonnaan bultoonni midhaan waan jalaa mancaasaniif, hedduu itti aaru.
Nyaata barbaachaaf jecha, hawaasa baadiyyaa kanneen akka Ampaaraatti jiraatanii waliin walitti bu'u.
''Arbi daggalaa iddoo koosiitti dhufan kunniin, guyyaafi halkan asuma turu,'' jedhu Aabba Kumaaraan.
''Achiis gara mandara dhiyeenya jirutti deemuun, qabeenyaafi oomisha jiraattotarra miidhaa geessisu.
''Bu'aan dhumaa rakkoo kanaas, walitti bu'insi namaafi arba gidduu jiru hamaachaa deemuun, mallattoo biyyaaleessaa kan tahe arba dhabuuf adeemna.''















