Lola Tigraay Itoophiyaa Keessaa: 'Koreen deeggarsa namoomaaf haala mijeessu naannichatti ergameera' MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Abiy Ahimad
Lola naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiruun namoota qe'ee isaaniirraa buqqa'aniifi deeggarsa namoomaa barbaadaniif Mootummaan Federaalaa deeggarsaaf haala mijeessaa akka jiru MM Abiy Ahimad beeksisan.
Humnoonni Mootummaa Federalaa naannolee to'annoo TPLF jala turan hedduu bilisa baasaa akka jiran ibsan.
Guyyaa Sambataas magaalaan Addigraat to'annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa jala galuu, BBC'n ofiin mirkaneeffachuu baatus MM Abiy beeksisaniiru.
MM Abiy ''naannolee humni waraanaa isaanii to'atee jiru keessatti eegumsi qaamolee nageenyaa mootummaa federaalaa godhamaa hawaasni jireenya isaa idileetti deebi'uu eegaleera'' jedhan.
Lammiilee Itoophiyaa hunda waliin ta'uun fedhiin namoomaa fi hawaasummaa uummata kanaa akka guutamus haala mijeessina jedhaniiru.
Sababa lola kanaan naannoo Tigraay keessaa imala miilaa guyyootaa booda daangaa ce'uun lammiileen Itoophiyaa Sudaanitti baqatan 33,000 ol ta'uu Ejensiin Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii damee Sudaan ibseera.
Ejensiin Dhaabbatichaa daa'imman irratti hojjetu UNICEF ammoo Tigraay keessatti daa'imman miiliyoona 2.3 ta'an deeggarsa namoomaa atattamaa barbaadu jedheera.
Lolli jiru yoo itti fufe ji'oota dhufan keessatti lakkoofsi namoota gara Sudaanitti baqatanii 200,000 akka gahullee tilmaaman.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad Koreen deeggarsa Namoomaa qindeessuuf Mootummaa Federaalaan hundaa'e gara naannichaatti imaluu himaniiru.
Koreen kun ''deeggarsa madaalawaa gochuuf odeeffannoo barbaachisu funaanuufi haala qabatamaa jiru hubachuuf imale'' jedhaniiru.
Koreen kun lammiilee sababa lola kanaatti qe'ee isaanii kan gadhiisanii baqatan hunda qe'ee isaaniitti deebisuu fi ijaaruuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojiin eegalan itti fufa jedhan.
Lola torbee lama dura mootummaa Federaalaafi qaama naannoo Tigraay bulchu gidduutti dhalateen lubbuun namoota dhibbaan lakakawamanii darbuufi kumootni hedduun qe'eerraa buqqa'uu dhaabbilee gargaarsaa idila addunyaa ibsaniiru.
Namoota atattamaan deeggarsa barbaadan kumoota dhibba hedduutti lakkaawamniif deeggarsa gochuun akka danda'amu dhukaasni saffisaan dhaabatee hulaan nagaan akka banamullee dhaabbileen gargaarsaa gaafachaa jiru.
Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa maali?
TPLF MM Abiy gara aangoottii otoo hin dhufiin dura, waggoota 27f waraanaafi siyaasa biyyattii to’achaa ture.
Haaromsi Abiy yeroo aangootti dhufe geggeesse TPLF moggaatti baase kan jedhan jiru.
Yeroo Naannoon Tigraay filannoo akka biyyaatti sababii koroonaavaayirasiin dhorkame didee, filannoo geggeesse dubbiin jalqabe.
Mootummaan federaalaa filannicha seeraan ala jechuun beekamtii dhorke.
Lolli kun gaafa Sadaasa 4, 2020 jalqabe. Mootummaan federaalaa, TPLF buufata Raayyaa Ittisa Biyyaa naannicha jiru haleeluun meeshaa waraanaa saamuu barbaade jechuun himata.
TPLF immoo himannaa kana ni waakkata.













