Kiraayisiis Giruup: 'Naannoon Tigraayiifi mootummaan federaalaa haalduree saanii laaffisanii mari'achuu qabu'

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni waa'ee waldhibdee qoratu Intarnaashinaal Kiraayisis Giruup (ICG) muddamni Mootummaa Federaalaafi Naannoo Tigraay gidduu jiru cimee walitti bu'iinsatti ce'u mala jedhe.
Gareen kun muddamni qaamolee lamaan gidduu jiru hammaachuun dura yaada furmaata ta'u malu jedhe dhihesseera.
Yaadni furmaataa ijoo gareen kuni dhiheesse qaamoleen lamaan haalduree isaanii kaa'an laaffisanii mariif gadi taa'uu akka qabaniidha.
Dhimma bajataa
Kiraayisiis Giruup mootummaan federaalaa torban dhufu yerootti itti bajata naannoleef qoodu akka ta'e ibsa.
Haa ta'u malee, murtee Mana Maree Federeeshinii hordofee kaabinee Naannoo Tigraayiif bajata akka hin kennine himuu isaa ibsuun, kun muddama qaamolee lamaan gidduu jiru akka cimsuu danda'u ibseera.
Mootummaan federaalaa bajata kana dura naannichatti ergu karaa kaabinee naannoo osoo hin taane kallattiin godina, aanaafi magaalatti akka ergu dubbachuun isaa ni yaadatama.
Mootummaan Naannoo Tigraayis tarkaanfii mootummaa federaalaa kana 'heeraan ala' jechuun ''waraana akka labsuuti' jedhee ture.
Akka dhaabbatichi jedhutti, qaamoleen lamaan mariif gadi taa'uuf haaldureewwan ka'aniiru.
TPLF maal jedhe?
Akka ICG'n jedhutti, naannoo Tigraay kan bulchaa jiru dhaanni TPLF mootummaa federaalaa waliin mariif taa'uuf haal duree kaa'e keessaa tokko mootummaan ce'umsaa MM Abiy Ahimad hin hogganne hundaa'u qaba kan jedhudha.
TPLF mootummaan cee'umsaa hundaa'u filannoo adeemsifamuus ol aantummaan to'atuu qaba ejjennoo jedhu qaba.
Kanaan alas, hoggantoonni paartii siyaasaa hidhaa jiran hiikamanii marii keessatti qooda fudhatuu qabu jechuun hima.
Gabaasa isaa keessatti Intarnaashinaal Kiraayisiis Giruup (ICG) dhaabbanni TPLF naannoo Tigraay keessatti filannoon naannoo hin adeemsifamu ejjennoo jedhu qaba.
Dabalataan, Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii siyaasa Itoophiyaa keessa seenaniiru jechuun himata dhaabni TPLF.
Kiraayisiis Giruup TPLF mariitti deebi'uf haaldureewwan kaa'e laaffisuu qaba jedha.
Mootummaan federaalaa maal jedhe?
Kiraayisiis Girruup akka jedhutti, mootummaan federaalaa haaldureewwan TPLF kaa'e fudhatee carraan mariitti dhufuu isaa xiqqaadha jedha.
Duraan dursa TPLF filannoo adeemsise bu'uura seeraa akka hin qabne amanee fudhachuu qaba jedhu hoggantoonni paartii Badhaadhinaa.
Mariif akka tolu mootummaan federaalaa murteen bajatarratti dabarse kaasuu qaba jedha dhaabbatichi.
Murteen manni Maree Federeeshinii naannoo Tigraayif bajata kennu walqabatee dabarse mootummaan federaalaa yeroof osoo turse gaariidha jedha Kiraayisiis Giruup.
Kunis, yeroo mariif ta'u argachuu dandeessisa jechuun ibsa.
Hawaasa Idil-addunyaarraa maaltu eegama?
Hawaasni idil-addunyaa muddama Itoophiyaan keessa jirtu akka hin hammaanne kan barbaadu yoo ta'e, waliigaltee biyyaalesssaarra akka gahamuuf qooda isaanii gumaachuu qabu jechuun ibsa Kiraayisiis Giruup.
Mootummaan Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaa mootummaan federaalaafi mootummaan naannoo Tigraay mariitti akka deebi'an dhiibbaa uumuu qabu jedha.
Naannoon Tigraayis ibsa naannichi baasuufi mootummaan federaalaa akka qoccollaatti ilaalu akka baasuu dhaabu hawaasni idil-addunyaa dhiibbaa uumuu qabas jedha.
Itoophiyaaf dhihoo kan taate Chaayinaafi biyyoonni galoo galaanaas qaamoleen lamaan mariitti akka deebi'an dhiibbaa uumuu qabu jechuun ibsa.
Qaamolee lamaan biratti dhageettii kan qaban Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaaposaa lamaan isaanii mariitti akka deebi'an carraaquu akka qaban dhaameera.
Rakkoon kun yoo kan hin furamne ta'e biyya Afrikaarraa baay'ina ummataan lammaffaa kan taatetti waraanni ka'e hammaachuu mala jechuun yaadoo qabuu ibseera Kiraayisiis Giruup.













