Poolisiin Bishooftuu Obbo Lidatuu Ayyaaloo wabiin gadhiifamuu isaanii xalayaan mana murtiif dhiheesse

Obo Lidatuu Ayyaaloo

Madda suuraa, The Reporter

Qajeelchi poolisii Magaalaa Bishooftuu himannaa meeshaa seeraan alaa qabachuun Obbo Lidatuun himatamanirraa wabiin gadhiisuu isaa xalayaa mana murtiitti dhiheesse.

Poolisiin xalayaa har'a mana murtiif galcheen Obbo Lidatu Ayyaaloon to'annoo poolisii jala kan jiran himannaa heera diiguun jechuunis sanada mootummaa cee'umsaa hundeessuu qabachuun to'atamanii akka jiran ibse.

Guyyaa kaleessaa poolisiin magaalaa Bishooftuu Obbo Lidatu Ayyaalew hiikuu isaa barreeffamaan akka beeksisu ajajamee ture. Ajaja kana kan dabarse Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaa ta'u abukaatoon isaanii Gammachuu Guutamaa BBC'tti himanii turan.

Ragaan barreeffamaa barbaachise poolisiin Obbo Lidatuu galmee itti himataman tokkoon hiikee, kaanimmoo hidhuu kan agarsiisudha.

Kana dura Obbo Lidatuun irra-deddeebbiin wabiin akka gadhiifaman Manni murtii Olaanaa Godina Shawaa Bahaa ajajee ture. Ta’us, hojiirra hin oolle.

Manni murtii guyyaa Roobii ajaja kana kan dabarse guyyaa kaleessaa sababa hidhaadhaa hin gadhiifamneef waan poolisiidhaan itti himame Obbo Lidatuun erga dhaddachatti argamanii dubbatanii boodadha.

Akka Obbo Lidatuun dhaddacharratti dubbatan jedhametti poolisiin himannaa meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun himatamanirraa wabiin isaan gadhiisuu hime.

Ta’us, sanada mootummaa ce’umsaa qabachuun himatamaniin garuu akka hidhaa jiran itti himamuu ibsan. Himannaan kuni Mana Murtii Waliigalaa Dhaddacha Bahaa Adaamaa argamutti itti baname.

Manni murtiis ‘‘afaaniin gadhiiseera jechuun hin dalagu, yeroo mana murtiitin qoosuun hin barbaachisu,’’ jechuun waan poolisiin Obbo Lidatuutti dubbate waraqaan qabee akka dhufu ajajuu Pirezidantiin PDI Obbo Adaana Taaddasaa BBC’tti himaniiru.

Ajjeechaa Hacaaluu hordofee kan to’annoo jala oolan Obbo Lidatuu Ayyaaloo magaalaa Bishooftuufi Adaamaatti himannaan itti banamee hordofaa jiru.

Haa ta’u malee, himannaa garaa garaa itti banamerraa wabiin akka gadhiifaman manni murtii ajajuus hojiitti hin hiikamne.

Kanaanis, Obbo Lidatuun irra-deddeebbiin abdii akka kutan dubbachuu isaanii Pirezidantiin paartii Dimookiraatawaa Itoophiyaafi dhimma Obbo Lidatuu kan dhiheenyatti hordofan Obbo Adaanan BBC’tti himaniiru.

Murteen mana murtii kabajamuu dhabuun sirna haqaa biyyattiif gaarii akka hin taaneefi sirrachuu akka qabu ogeessonni seeraa ni himu.

Tibbana mana maree bakka bu’ootaatti argamanii dubbii kan taasisan MM Abiy Ahimadis murteen mana murtii kabajamuu akka qabu akeekkachiisaniiru.