Kalaqa: Dubartii saamunaa farra-busaa kalaqxeen walbaraa

Jowaan Naalubegaa

Madda suuraa, Joan Nalubega/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Jowaan Naalubegaa

Dubartiin lammii Yugaandaa saamunaa farra dhibee busaa kalaqxe badhaasa ‘’biznas hiiro’’ jechuunis gootittii biiznasii jedhamuufi sadarkaa Afrikaatti taasifamuuf dorgomaa jirti.

Bakka guddisa daa’immaniitti kan guddatte Jowaan Naalubegaa saamunaa farra busaa kalaquuf kan kakaakte rakkoo ijoollummaatti agarte akka ta’e BBC’tti himteetti.

‘’Bara 2016’tti akkan hubadhetti namoonni busaa ittisuuf wanti itti dhimmi bahan wantootuma waggoota dheeraaf itti dhimmi bahanidha,’’ jechuun BBC Fokas on Afrikaa jedhamuuf himte.

Aadde Naalubegaan akka jettutti duulli mootummaan taasisu itti fufuus ammallee tatamsa’inni busaa baadiyyaa Yugaandaatti akkuma itti fufeetti jira.

‘’Namoonni hedduu waan mootummaan ittiin jedhu raawwatu. Saaphana busaa ofirraa ittisan itti fayyadamu garuu busaan waan isaan qabatuuf abdii kutatani,’’ jechuun himti.

Sababa kanaaf waan haaraa dalaguuf yaadde. Saamunaa busaa dandamatuufi guyyuu hawaasni fayyadamu kalaqxe.

Saamunaan kuni suuqii akkasumas hospitaalatti argama. Kanneen harka qalleeyyii ta’anif gatii gad – aanaan hirama.

Kalaqni ishee kuni dorgommii marsaa xumuraa badhaasa lammii Chaayinaa Jaak maa Faawundeeshiniif akka dhaqqabdu taasiseera.

Badhaasni kuni kalaqxoota Afrikaa jajjabeessuuf kan kennamudha.

Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti ammallee busaan lubbuu namoota baay’ee galaafata.