Koroonaavaayiras: MM Holaand gorsi maatii moototaaf kennan dogoggora tahuu amanan

Madda suuraa, EPA
Ministirri Muummee Nezarlaandis Maark Rutte imala maatii moototaa Giriikitti taasisan ilaalchisee, giddugaluu dhabuun isaanii dogongora tahuu amanan.
Mootiin Wilem-Aleksaandar fi Giftiin Maaksimaa bashannanaaf JImaata imalanii kan turan tahus, aarii uummatarraa kaheen guyyaa tokko booda deebiyanii galan.
Maatiin kun erga mootummaan biyyattii uggura gariin labsetti kan imalan yoo tahu, seera bahe kamuu hin cabsine jedhame.
Seericha keessatti imalli hin haalaan barbaachifne hin jajjabeeffamu.
MM Rutte karoora imalaa maatii mootota kanaa odeeffannoo qabaachuu ibsan.
Xalayaa paarlaamaaf erganiin, ministirri mummichaa ''imalli isaan taasisan rakkoo akkamii akka qaqqabsiisuu malu erga dabre booda hubadhe.
Lakkoofsi namootni vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraachuufi tarkaanfileen ugguraa kaa'aman, imalasaanii keessa deebiyanii akka ilaalaniif na dammaqsuu qaba ture. Itti gaafatamummaa ministeerummaa guutuu nan fudhadha,'' jedhan.
Maatiin moototaa kun xiyyaara mootummaan kan balali'an yogguu tahu, namuu mana akka turu wayita gorfamutti isaan bashannanaaf deemuun isaanii qeeqa guddaa kaase.
Ergasiis xiyyaara KLM guyyaa Sambataa achii kahu yaabbatanii gara biyyaa deebiyan.
Ibsa maatiin kun baasaniin ammoo: ''Dhimma kanarratti shakkiin tokkoyyuu akka jiraatu hin barbaannu - Covid-19 to'annoo jala oolchuuf, seeroonni to'annoo lafa kaa'aman hordofamuu qabu.''

Madda suuraa, EPA
Jalqabarratti waa'ee imala isaanii qaama mootummaa keessaa eenyutu beeka ka jedhu ifa hin turre. Gorsi kennamuufi dhiisuus hin baramne ture.
Maatiin moototaa Dach dhimma biyya bulchuu Nezarlaandis keessatti gahee ifa tahe hin qaban. Haa tahu malee, ministira muummichaan kan hoogganamu, Ministeerri Dhimmoota Waliigalaa biyyattii, waan jarri jedhaniifi hojjetaniif ittigaafatamummaa qaba.
Kanaafis jecha bakka buutonni uummataa hedduun MM Rutten, maaliif maatiin kun imalasaanii akka haqan hin gorsine jechuun akka ibsa kennaniif gaafachaa jiru.
''Otoo Rutten kun waan gaarii miti otoo jedhee, silaa mootichis isa dhagahuun karoorasaa jijjiira ture,'' jedhe namni siyaasaa Peter Rehwinkel.
Nezarlaand yookaan ammoo Holaanditti, lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jira. Guyyaa Sambataa, yeroo jalqabaaf namoonni 8,000 qabamaniiru - kunis lakkoofsa olaanaadha.
Maatiin moototaa dhimmoota walfalmisiisoo gidduutti yoo argaman kun isa jalqabaa miti. Ji'a Hagayyaa keessas, walirraa hiiquu cabsuun, Giriikitti suuraan kahan mul'ateera.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















